Oduu Haaraya

Oromia Broadcasting Service (OBS) tajaajila isaa eegaluuf jedhu..

Akkuma beekamu yeroo darbe Gaazexeessitoonni TVO Digdamaa ol ta’an “Uummata Gaaffii mirgaa gaafatuuf maalif Rasaasni deebii ta’a? akkasumas wanti hafe haa hafu malee waan hin fakkaanne oduu dharaa hin dubbannu.” waan jedhaniif hojii irraa ari’atamuun isaanii yaadannoo yeroo dhiyoodha.Abbaa Qabeenyaa “Rift Valley Unversiitii” kan ta’anii fi wanta gaarii Uummata Oromoof gochuu dhaan kan beekaman,keessumattu­ qophii uummata Oromoo ilaallatu sponsara gochuu dhaan kan beekaman Obbo Dinquu Dayyaasaa pirojektii “Sodare Entertaiment” jedhu qopheessuu dhaan hojjattoota TVO keessaa ari’aman hunda ofitti fuudhanii miindaa TVO kanaan dura kaffaluuf harka lamaan guddisuu dhaan qacaranii hojjachiisaa turaniiru.amma immoo bara haaraa kanatti Waan ajaayibaa tokko dalagaa jiru.

Projektii Soodaree Entertaiment jedhamu kana gara Saatalaayitiitti ol guddisanii Karaa Televiziyoonaan uummata Oromoo addunyaa irra jiru hundaaf Qophii bashannansiisaa barsiisan Gaazexeessitoota TVO irraa diktaatarootaan dhiibaman waliin qabatee nu biraan ga’uuf qophii Yaalii irratti argama!! miidiyaan kun Aadaa,Seenaa fi Afaan Oromoo guddisuu dhaaf kan xiyyeeffate dha!! namoonni tokko,tokko “Miidiyaan kun Miidiyaa Keenya OMN kuffisuu dhaaf kan dhufe dha.” jechuu dhaan holola gurra namaaf hin tolle yoo odeessitan mul’ata.OMN jechuun Miidiyaa salphaamatti wanta salphaa dhaan jigu miti.Miidiyaa Gootota Oromootiin Hundeen isaa sirriitti Jabaatee dhaabbate dha. nuti sabni Oromoo miidiyaa kanneen akka OMN hedduu barbaanna.

OMN’n qofaa ishee fedhii uummata Oromoo hunda guutuu hin dandeessu.garuu Miidiyaa si’a Jalqabaaf uummata Oromoo hundaaf Odeeffannoo dhiyeessuuf si’a jalqabaaf Saatalaayitii gubbaa baate ta’uun ishee Miidiyaa Seena Qabeettii ishee taasisa.Miidiyaan Haaraan Abbaa Qabeenyaa kan Ta’an obbo Dinquu Dayyaasaatiin dhaabbate “Oromia Broadcastin Service(OBS) fi OMN’aan keenya wal tumsuu dhaan Odeeffannoo uummanni Oromoo Jaarraa hedduuf dheebote dheebuu baasuuf ni carraaqu jedhamee eegama.OMN’aan biyya alaa irraa OBS ammoo biyya keessaa…Ajab Yaa Oromoo fuuldurri kee waan gaariin kan uwwifame dha!! kana booda yoo feetan OMN yoo feetan OBS wal jijijjiiruu dhaan dhimma uummata Oromoo irratti odeeffannoo argachuu ni dandeessu!!! si’a takka,takka TVO daawwachuunis gaarii dha .

waan hundaafuu obbo Dinquu Dayyaasaatiin baasiin baaftan dachaa ta’ee haa deebi’u,hawwiin keessan galma haa ga’u jenna!!! Cheers!!
Miidiyaa Oromia Broadcasting Service(OBS) argachuuf “ArabSat” irratti:-
Frequency- 11664
Symbol Rate-27500
Poloraization-Vertic­al
FEC-3/4,irratti Auto Search yoo gootan argachuu dandeessu!! Horaa bulaa!!

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …