Oduu Haaraya

Oromoota kolaasuuf karoorri Bilxiginna jalaa bahe

Karoorri kun kan Qophaaye ji’a kana keessa. Karoora kana keessatti caasaan paartii gubbaadhaa hanga jalaatti maal godhuuf akka dirqamu bal’inaan ibsameera. Wantoota Karooricha Keessatti ibsaman keessaa muraasni kan asii gadiiti;

1ffaa Diinota Sadarkaa Tokkoffaaa Caasaan Gubbaa Hanga Jalaatti Akka Beekufii Hojii Basaasummaa Cimaa Isaan Irratti Akka Gaggeessu;

2ffaa Oromiyaa Keessatti Qaamoleen Akka Diina Sadarkaa Tokkoffaatti Eeraman ABO, KFOfi Jawaar Muhaammad. Qaamonni kunneen Guutumaan Guututti DIINA OROMOO akka tahan beekamee caasaan isaanii diigamuun dirqama akka tahe ajajni dabreera, karooricha keessatti;

3ffaa Caasaa Qeerroo hidhata isaanii sirriitti qorachuudhaan Qaama Nageenyaa Fayyadamuudhaan Doorsisuufii Akka sodaatanii waan hunda dhiisan godhuu;

4ffaa Gubbaadhaa Hanga Jalaatti namoota sochii godhan, miseensota paartii mormitootaa, eddoo isaan galan, mana isaan kireeffatan, hoteela isaan bulaniifii sochii isaanii hunda BASAASUUfii humna nageenyaa fayyadamuudhaan Doorsisuu;

5ffaa Abbootii Qabeenyaa Paartilee Mormitootaa deeggaran akka deeggarsa isaanii dhaaban dirqisiisuu, yoo didan immoo TARKAANFII irratti fudhachuu;

6ffaa Nama biyya alaatii galu kamiyyuu seensa irraa eegalee qunnamtii akkasumas hidhata isaa/ishee jala deemuudhaan qorachuu;

7ffaa Caasaa paartii gubbaadhaa hanga gandaaf gooxitti sirriitti ijaaruu. Kaabineen Godinaa aanaalee qoodatee akka irratti hojjatu. Kaabineen aanaa immoo gandoota qoodatee akka caasaa kana sirriitti diriirsu dirqama tahuu isaa beekanii akka socho’an godhuu;

8ffaa Hoteelota gubbaadhaa hanga jalaatti jiran guyyaa guyyaadhaan eenyu bulee akka bahe odeeffannoo dirqisiisanii abbootii hoteelaa irraa fuudhuu. Hojii basaasummaa hojjachuudhaan sochii hunda toohachuu; Walumaagalatti, PAARTII BADHADHINAAtiin alatti waan jiru kamiifuu balbala cufuufii Karoora bahe kana dhoksaadhaan caasaa paartii gubbaa hanga jalaatti mari’achiisuufii hojiirra oolchuu ~ kaameraaf bilbilli akka hin seenne dhoorkudhaan akka odeeffannoon tokkoyyuu Marsaa hawaasaa bira hin geenne godhuu kanneen jedhan ijoo karoora Paartiin Badhaadhinaa baafateeti. ——————Nuti Yaada Yaadan Qaama Moo’u Barbaanna, Mormitootas akka Morkattootaatti malee akka diinaatti hin ilaallu Inni Muummichi Ministeeraa Jedhaa turan kana ta’uu isaatii gaa?

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …