Categories: Oduu Oromiyaa

# Oromoprotests ilma kiyya narra ajjeesanii akkaa reefka isaa gubbaa taa’u na dirqan”

# HARMEEN NI BOOCHII. Caqasuuf as tuqi

 

# Dhala ishee ajjeesanii haadha Oromoo boochisuun, ilma abbaa irraa ajjeesanii awwaalcha mucaa ofii irraa dhorkuun hagam tokko ulfaataafisuukanneessaa akka ta’e kan hubachuu danda’u silaa dhaluma namaa, kan namummaa qabuu fi namummaan itti dhaga’amu ture.

Wayyaanee/TPLF fiergamtootni diinaa kan caasaa gara garaa keessa jiran, warri meeshaa diinaa hidhatee qe’ee Oromoo keessa luffisuun Oromoo akka sabaatti gadda ulfaataafkennaa jiran namummaa namaa keessa hin jiran.
Jaarraa21ffaa kana keessa gochi akkanaa nama irratti ni raawwatama jedhanii herreguun tasumaa namaa hin dhufu. Waan fedhes ta’u namni akka namaa gocha fokkataa fiqaanessaa, gaddisiisaa fi suukanneessaa ulfaataa akkanaa nama akka isaatii irratti raawwachuun hedduu gaddisiisaa dha.

Wayyaanee/TPLF diina innikkaa saba Oromoo ta’uun har’a miti kan hubatame. Kan nama aarsuu fidhiifamnillee hin godhamne garuu warraOromoo ta’ee, ykn Oromoo irrajiraatee, Oromoon nama ta’ee deebisee Oromoo miidhaa jiranii dha. Jarri kun wayyaanee faana hiriiranii namummaa keessaa ba’anii saba Oromoo irratti gocha gaddisiisaa firifaasisaaraawwatu.

Wayyaanee fijarootni kun, keessumaa warri hidhannoo diinaa baatee qe’ee Oromoo keessatti saba Oromoo irratti gocha jaarraa ammaa kana keessa nama irratti hin raawwatamne raawwachaa jiran isaanitti fakkaatee ti malee, waan har’a namoom-dhabaan saba Oromoo irratti raawwataajiran kanaafmurtii ummata bal’aa Oromoof dhihaachuun isaanii kan hafu miti.

Deesseen Oromoo magaalaa Gimbii, haati Oromoo magaalaa D.Doolloo, abbaan ilma Oromoo magaalaa Awwadaa, abbaan ilma gootaa magaalaa Giincii, walumagaalatti imimmaan haadha Oromoo, abbaa Oromoo Bahaa – dhiha, Kaaba – Kibba irraa akkalolaa lola’aa jiru, imimmaan isaanii galaana ta’ee warrahar’a aangoo qabna jedhanii yakka suukanneessaan ummata kabajamaa kana qe’ee ykn oobdii isaa keessatti fixaa, warraboo’ichaa figaddaa godhaa jiran kana haxaawee akka darbu shakkiin hin jiru.

Tibba kana magaalaa D.Doolloo irraa imimmaan deessee Oromoo, boo’icha haadha gootaa fisagalee gaddaa ishee kan argee fidhaga’e hagam tokko akka aaru, garaan nama gubatu, gara diddaa isa caaluutti akka nama geessu tilmaamuun nama hin dhibu. Wanti haadha Oromoo kana irratti raawwatame dhugumatti maalummaa wayyaanee caalaatti kan mul’ise, gocha abdii kutannaa isa dhumaa, yakka dhiifama hin qanbe, gocha bineensummaa ishee daran kan addunyaaf ifa godhee dha. Mucaa haadha irraaajjeesanii, haadha deebisanii mucaa ishee irrateessisanii achi irratti yeroo tuman arguu fi dhaga’uun nama surura. Sammuu nama nyaata. Diinni kana godhus namummaa namaa kan hin qabne, bineensa irraa adda miti.

Imimmaan deessee Oromoo, gaddi abbaa Oromoo kun dhaabbatee gara gammachuu fibilisummaatti geeddaramuun isaa fagoo hin ta’u. Gaddaa fiboo’ichatti xumura gochuun bilisummaa dhaqqabuun murtee Oromoo ti. Murtee kana kan fuudhee deemuu fihojii irra oolchee dhugoomsu warraaqsi ummata bal’aa Oromoo FXGn finiinaa jiru isa kana milkeessuufi.
Kanaaf murteen keenya murtee ta’ee warra haadhaa fi abbaa keenya boochisaa jiru, biyyaa fimirga nu sarbee qabeenya nu saamee namummaa nu baasaa jiran muree akka darbuuf qabsoo roga maraa, warraaqsa FXG karaa danda’ame cufaan finiinsinee itti fufuu qabna.

# Bilisummaan uummata bal’aaf.

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

1 month ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

1 month ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

1 month ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

1 month ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

4 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

4 months ago