Categories: Oduu Oromiyaa

Prezidaantiin Oromiyaa Du’aan Boqotan

WASHINGTON,DC — Prezidaantii Bulchiisa Naannoo Oromiyaa fi Dura-taa’aa Paartii Mootummaa naannoo sanaa – Dhaabbata Dimookitaatawa Oromoo ka turan – Obbo Alamaayyoo Atoomsaa du’aan boqochuu isaanii, Mootummichi naannoo Oromiyaa beeksisee jira.

ISKINDIR FIREW – FINFINNEE irraa akka gabaasetti Obbo Alamaayyoon, dhukkuba isaan mudateen, umurii isaanii waggaa afurtamii-shaniitti Addunyaa kana irraa du’aan boqotan.

Duti Obbo Alemaayyoo wanna eegame – jechuun rakkisaa dha. Sabbaan isaa, itti-gaafatama guguddoo kana lameen baatanii haga dhiheenya kanaatti hojjetaa turan. Akka Lakkobsa Itiyoophiyaatti, Hagayya bara kuma lamaa fi lama irraa jalqabee — dura-taa’aa DHDUO yokaan OPDO, Fulbaana bara 2003 irraa jalqabanii Prezidaantii Oromiyaa ta’uudhaan tajaajilan – Obbo Alamaayyoon.  Itti-gaafama kana lameen qabatanii hojii itti fufuun isaanii — rakkoo fayyaa qaban danda’auudhaan akka tahe dubbatu – maddeen Paarticha Mootummaa.

Ibsi Mootummaa Oromiyaa irraa bahes, kanuma mirkaneessa. Waggoota lamaan dabran keessa — dabree dabree akka rakkoon fayyaa isaan mudataa ture dubbate. Taayitaa isaanii gad-lakkisuuf, ka Paartii isaanii — Dhaabbata Dimookiraatawa Uummata Oromootti iyyannaa dhiheessatan garuu dhihoo dha. Torban lama dura. Itti-gafatama Paartii fi ka Mootummaa gad-lakkisuun isaanii beeksisamee, otuu waan hin turiin immoo duuti isaanii dhaga’ame.

“Obbo Alamaayyoo Atoomsaa – Itti-gaafatama guddaa Mootummaa fi uummatni itti kenne – amanamummaa fi fedhii uummata tajaajiluu guutuudhaan hojiin mul’isaa turan” – jedha – ibsi Har’a bahe kun.

Dhaabbatni Dimookiraasawa Uummata Oromoo – OPDO-n, walga’ii dhiheenya geggeesseen — Obbo MUKTAAR KADIR, dura-taa’aa, Aadde Aster Maammoo immoo itti-aantuu gochuun filatee jira. Taayitaa Itti-aanaa Muummicha-ministaraatiin Qindeessaa Damee Bulchiisa gaarii fi Ministara Koolejii ka ta’an – Obbo Muktaar Kadir, Mootummaa Federaalaa keessatti itti-gaafatama guddaa dha kan isaan qabatanii jiran. Kanaaf — Eenyu akka Prezidaantii Oromiyaa ta’uuf jiru haga ammaatti hin beekamne.

Obbo Alamaayyoo Atoomsaa, godinaa Wallagga Bahaa – aanaa Billoo-Bosheetti Abbaa isaanii – Obbo Atoomsaa Maajoo fi haadha isaanii – Aadde Ayyelech Birruu irraa, akka lakkoobsa Itiyoophiyaatti bara dhibba kudha-sagalii fi Jaatamii tokko dhalatan.

Du’a Prezidaantii Oromiyaa – Obbo Alamaayyoo Atoomsaa ilaalchisuun, nama dur itti-dhiheenyaan isaan beeku tokko LONDON irraa dubbiseen. Akka lakkobsa Awurooppaatti bara 2001 irraa haga 2006-tti Prezidaantii Mana-murtii Walii-galaa Oromiyaa ka turanii fi booda gad-lakkisanii biyyaa ba’an – Obbo Tashaalee Abarraa ti. Du’a Obbo Alamaayyootti, maal akka itti dhaga’ame nuuf ibsuun jalqabu.

 

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

2 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

2 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

2 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

2 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

4 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

4 months ago