Oduu Haaraya

QABEENYA BARBADAAYE?

Jawar Mohammed

Jidduu kana olola dabballooni Wayyaanee ummata ittiin mataa dhukkubsaa jiran keessaa ummanni Maastar Pilaaniifi Labsii Magaalota Oromiyaa mormuuf baye qabeenya barbadeesse kan jedhuudha. Mee waa’ee kanaa irraa waan muraasa haa hubannu.

1) Qabeenyi bade kan akkami? Akka ragaalee suuraafi viidiyoon dhiyaataniifi akkasumas ragaa ijaa gaazexeessitoonni biyya alaa himanitti, mormitoonni kan barbadeessan; waajira bulchiinsaa, buufata poolisiifi kokolaataa waraana Agaaziiti. Akka gaazexeessaa Wlliam Davison, Olankomitti argee barreessetti dhaabbileen tajaajila ummataa kennan kan akka mana barnootaa, buufata fayyaa,elektirikii kkf hin tuqamne. Kana jechuun ummanni dhaabbilee sirnichi ummata ittin cunqursuuf jaarate irratti aggaamate malee kan ummata tajaajilan irrattii miti. Inumaatuu ni tikse. Akkasumas qabeenya dhuunfaa hin tuqne. Bakka takkaa lamatti kan tuqaman kanneen abbootiin qabeenyaa mootummaa waliin ta’uun ummata miidhaniidha.

2) Qabeenya balleessuun shoorarkeessummaadhaa? Qabeenya mootummaan ummata ittiin cunqursuuf fayyadamu barbadeessuun toftaa qabsoo nagayaa kan addunyaa guututti itti dhimma bayamuufi seera addunyaa keessattis fudhatama qabuudha. Shoorarkeessummaa jechuun dantaa siyaasaa tokko bifa doorsisaatin hojitti hiiikuuf ummata nagayaa (civilians) irratti tarkaanfii ajjeechaa fudhachuudha. Kana ammoo oromoon hin goone. Kanaaf qabeenya mootummaan itti nama cunqursu san barbadeessuun shoorarkeessummaa ta’uu dhiisaa ittuu hin dhiyaatu

3) Daandii cufuu: Waan akka yakkaatti dhihaataa jiru keessaa tokko daandii cufuudha. Ummanni rasaasni itti roobaa jiru, lolltoota isa fixuuf deeman ofirraa gufachiisuuf dagaa kararratti tuuluun badii osoo hin taane tarkaanfii lubbuu ofii baraarsuuti.

4) Dabballonni OPDO lubbuun nama 120 olii kan Agaaziin ajjeese, kuma tokkoo olii kan madaayeefi kumaatamni mana hidhaatti dararamaa jiru osoo isaan hin mararin, qorqorrroon waajjira poolisii irraa ka’e isaan dallansiisee booyun aantummaan isaanii eessa akka ta’e ifa godha.

Kanaafuu tarkaanfiin ummanni keenya jaarmiyaalee sirnichi cunqursaaf itti fayyadamuu barbadeessuniifi fi daandilee waraanni isaan fixuuf irra deemu cufuun gocha seera rabbiitifi kan namaatittis fudhatama gaha qabu tahuu beekanii olola diinaatiif hamileen tuqamuu hin qabu. Inumaahuu diinaggee Wayyaanonni bifa jaarmayaafi dhuunfaan Oromoo saamuun kuufatan hanga gahaa ta’etti Oromiyaa keessaa barbadeessuu dhabuun laafina sochii kanaati.

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …