Oduu Haaraya
ayyaanaa fii daawud

Qabeenyi ABO Shanee Gumii Saamamuu isaa ammaan dura isiniif ibsineeti turre.

 

Garuu horiin kun akkuma ammaan dura isiniif ibsinetti madda galii addaa jedhameeti beekkama. Kan ajaja hayyu duree qofaan  sossoohudha kanaaf namni biraa horii kana irraa dubbachuus tahee gaafachuu mirga ittinqabu! Horiin kun maalmaal irra akka arkame akkuma ammaan dura isin beeysifnetti Taxin madda galii kanaa guddaa yemmuu taatu wantoonni biraas jiru kan dhaabbataa akka madda galiitifii tajajilaa sagaggaalummaatiif oolfaman.

Kanneen kessa  tokko ILMAAN OROMOO biyya abbaa isaanii irratti hidhaafii ulee diinaatiin luqqa’anii bu’aa bahii meeqaan lubbuu jijiirraan qabne jiraachifachuuf jecha rakkofii gidiraa waan ittin shalagamtu hinqabne keessa bahanii biyya anbaa dhufaniidha. Kanneen dahata  gaafatan marti warra  maqaa ABO qabatee ta’uu kanatti  xalayaa deggarsaa irraa barbaacha  dhufu. Garuu qondaalli kun kan naasuufi dantaa ilmaan Oromoo irra hinqabnee haalduree lafa kawateeti isaan eega kunis dolaarii 200 kan USA dhaati madda galii addaa kanjedhamuusaniif taha. Kana malees namni kun yoo shamarran taate akka waan isaan barbaadan godhuu dandeeysu wadaa naqa isaafii warra isa jala jiraniif akka yeroo isaan barbaadaniiti isaan wajjiin sagaggalummaa hojjattuuf. Tan didde hin kennamuufi yoo kennameefiis akka silaa barbaadamutti hin kennaniif kan dhiiraatiis dirqama fudhatee akka osoon barbaanne miseensa tahee isaaniif ergamuuf waadaa naqatu.

Kan horii san dhabaaf xalayaan deggarsaa dhowwatamee biyya tanna keessa bahi farnjiin jechaanii jirtu manni haa lakkawu maqaanillee tarrisuun nidandayama. Garuu warri Oromoo hin tahin kan durattu sagaggalummaa aadaaf qabu waan qondaalli kun barbaadu guutuun Oromaawanii xalayaan akka aja’ibaati brreyfamteefii  bekkomsa biyyatti arkatu. Yaaboleeysa koo yaa garaa gudee kan alagaadhaa fira sii godhee ana hoo maaltu diina sitti godhe je’eemii ABDI QOPHEEN Rabbin haa araaramuufi? Mee laalaa WBOn ilmaan Oromoo hundaaf kan isa jaalatufii jibbuufiis walqixa  du’aafii yeeroo jirutti qaama an Oromoofiin dhabbadhe ifiin jedhun yeroo wantii akkanaa Oromoo irratti raw’aatamu maal jettu???

Tan biraa bara 2008 keeysa warri jijjiiramaa yeroo dhaaba warra shiraatiin gaggeeyfamu kana keeysa bahan horii dhaabaa guututi fudhataniiti bahan jechuun dhaaba dandamachiisuuf projecti miliyona labsan miseensi mata matatti dolari USA 500 akka buusan labsameeti ture miseensi akka jirutti baase Lotori maqaa FDGtin  qopheeysanii gurguraa bahan. Kana qofaami horii yeroo walgahii argamu hunda abbaan dinagdee hin arku sababni saas namni abbaa diinagdee kun nama gandaa isaaniitiimi kanaaf akkuma warra jijjiiramaa san fudhatee deema jedhaanii shakkaa waan jiraniif buusii meseensummaa qofaatu garaa isaatti dhaqa. Kanamalees gareen kun akkuma Amari  ETHIOPHIAn Nuun malee hinjiraatu jedhanii amanan san isaaniis QBO nuun malee hiintaatu warra jedhee murteeyfateedha Oromoonni biraa yoo ajaja isaanii fudhatan qofa Oromoodha yoo kaan Oromummaan kee irr’udha.

Kanaaf waarra ajaja isaanii hin fudhanneefii kutaalee biraa if keeysaa qulquleeysuun Stepi dhumaa irra gayseeeti jirti Isiinuu jirtuu sanuu manan jirtu jetti Oromoon. Bakka qondaalli kun aangoon itti dabalamuuf yaadamaa jirutti hooriin kun qabame yeroo Hayyudureen dhufee SKANDINIVIA keesa turee mariin qondaala kanaaf aangoo dabaluu dhoysaan mari’atamaati ture jedhama kuniis bakka Miseensa Gumii Sabaatifii Itti gaafatamaa jaarmaya alaa jaal Odaa Xasee isa buusuuf qophiin godhamaa akka jiru oduun warra itti dhiheenyaan hordafan irra nu gahee ni ibsa. Garuu akkamitti yoom maaliif gaaffi jettuf samamiinsa horii kanaa akkaata itti gadii baasanii miseensootaaf ibsanii gama qondaala kanaaf aangoo  dabaluuti ceehan  waliin arkuuf teenya…..Ittifufa

Miseensota Kutaa Skandinivia

Qabsoon gandaan bakkangeeysu!!!!!!!!!!!!!!!!!!

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …

5 comments

  1. KKKK Ani barruu kana irratti yaadi ani qabuu kana fakkaata
    Tokko gaaffiin ani qabu Maaliif yammuu hunda dubbiin kun bilsummaa .com qofa irratti barreeffama?
    Lama Maaliif namnni barreessu dhokatee barreessa utuu dhugaa qabaatee?
    Sadii Inni maqaa miseensota kutaa skandinovian barreessu kun fira moo diinaa ,diina yoo tahee anqaaquu bofaa irraa gugee hin eeganii jedhan

    Yaadi koo inni dhumaa warri barreessu kun “waraabessaa Leenca dudduuba deemee gungumaa raqa kajeelu natti fakkaatu ,warri irratti barreeffamu kun ammoo Leenca humnas, dhugaas of harkaa qabu waca waraabeyyiif iddoo hin laatnne natti fakkaata. ani garuu namoota barruu kana duuba jiranii fi abbaa barreesse gaarii godheen beeka gaaf tokko nan saaxila ,Lammata waan feetan barreessa namnni hanga dhuufuu saawwaatti isin lakkahu hin jiru,maqaa miseensota kutaa skandinavia balleessuu irraa of qusadhaa!

    “utuu hin hubatin fuulaa hin gubatiin jedha oromoon yammuu makmaaku”
    “sareen ofumaa dutti gaalli hinuma deema jedhan “ykn alkalib bembaa ajamal maashii “jedha arabi yammuu makmaaku.

  2. Yaa daldaltuu odeessi, odessitee hin quuftu galmas hin geessu barri sitti dhumatte. Qabsoon Oromoodhaa biyya galeeti biyya finiinsa ati faayidaaf inni biyyaa baate biyyuma sanatti umuriin kee oduutiin gubata. Waraqaa si dhooggachuu isaaniitu akka ati yaada kana barreessitu si taasisee mitii waan gaarii godhan. Silaa kana rakkate karaa UNCRH dhufa, ati ammoo firakee hundumaa qarshii keetiin dallaalota seeraa alaaf kanfalaatii as fiddee si dhoggatanii mitii? ee waan gaarii godhan nama akkanaatu qabsoo dhugaaf dhaabbate. Ati abbaa qabeenyaa taasisuuf maatii kee hundaa guurtee maqaa qabsootiin eeyyama akka argatan taasista, ilmi hiyyeessaa ammoo rasaasaa fi mana hidhaatti dhuma. Gadi badii namaa gadii, hin guddatiin!! Hamattuu garaa raammoo!

  3. Namni barruu kana barreesse nam tokkeenis ta.ee gareen, Namni gaafa irreechaa duude sirba ireechaa sirbaa hafa jedhan. Kanaaf waarri dhaaba kana gante erga gaafa dhaaba kana ganteetii dhaaba kana irratti ololuu fi maqaa xureessuu melee,waan garii qabsoo saba oromoof gotee hin beektu. kanaaf maraatuun jecha beektu waan jettu hin beektu Warri akkasii kun xurii hawaasaati warra diinni kaadimatee ittiin qabsoo oromoo dadhabsiisuu barbaadu. kanaaf adabdhuu taa.i .

  4. http://Namni barruu barreesse nam tokkeenis ta.ee gareen, Namni gaafa irreechaa duude sirba ireechaa sirbaa hafa jedhan .Kanaaf waarri dhaaba kana gante erga gaafa dhaaba kana ganteetii dhaaba kana irratti ololuu fi maqaa xureessuu melee, waan garii qabsoo saba oromoof gotee hin beektu. kanaaf maraatuun jecha beektu waanjettu hin beektu. Warri akkasii kun xurii hawaasaati warra diinni kaadimatee ittiin qabsoo oromoo dadhabsiisuu barbaadu.kanaaf adabdhuu taa.i ergamtuu wayyaanee.

  5. Maalo dubbikana dhiisa abda irratti gaazii hinnaqina.