Categories: Yaada

Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira?

 

Qormaatota kaleessaa, kan har’aa fi kan boruu –

 

Berhanu Hundee

Kutaa Diigdamiiafraffaa

Dubbistootni fi hordoftootni barruulee kiyyaa tokko tokko gaafiilee adda addaa na gaafatanii turan. Gaafiileen kunis: 1) Barreeffamni ati kutaalee adda addaatiin dhiyeessaa jirtu yoom xumurama? 2) Maaliif Afaanuma keenyaan hin barreessine? Maaliif Afaan alagaatti (Afaan Gabroonfataatti) fayyadamta? kan jedhan turan. Deebiilee gaggabaaboo:

  1. Akkuma mata duree guddicharraa hubatamu, kun waa lama agarsiisa. Inni tokko QBOn garamitti deemaa akka jiru yoo ta’u kun ammallee hin beekamne. Hanga qabsoon kun bakka tokko gahutti dhimmi kun ittifufa jechuu dha. Inni biraa, kan mata dureen kun agarsiisu, qormaattota qabsoo kanaa ti. Isaan kun har’as taanan ni heddooman malee hin hir’anne; borus waan ta’uuf deeman hin beekamu. Kanaafuu, dhimmi kun ittumafufa.

 

  1. Afaan Amaaraatiin dabalee barreessuu kanan filadheef, tokkoffaa Oromootni Qubee Afaan Oromoo dubbisuuf rakkatan, garuu dhimma QBOtiif fedhii guddaa qaban waan jiraniif, isaan kunis akka dubbisuu danda’aniifi; lammaffaa, nuti sirnicharraa rakkoo qabna malee Afaan alagaatti fayyadamuun cubbuu hin qabu. Iccitii nu jidduutti hafuu qabu yoo ta’e malee, warri Oromoo hin taanes waan barreeffamu kana yoo dubbisuu danda’an kunis waan rakkoo qabu natti hin fakkaatu.

Biyyatti galuun Qabsaa’otaa, kaayyoo fi galii QBOrratti dhiibbaa maal qaba?

Akkuma argamaa fi dhaga’amaa jiru yeroo ammaa kana jaarmayoota Oromoos ta’ee namootni dhuunfaa tokko tokko gara biyyaatitti deebi’aa jiru. Isaan kana akka fakkeenyaatitti kaasuuf: Adda Dimookraatwa Oromoo (ADO) kan Obboo Leencoo Lataatiin hogganamu; Kallacha Walabummaa Oromoo (KWO), kan Jeneraal Kamaal Galchuutiin hogganamu; Adda Bilisummaa Oromoo Tokkoome (ABO-T) jedhamu, kan Obboo Abbaa Nagaa Jaarraatiin hogganamu fi namoota dhuunfaa warra sochii “Oromo First” dhalchan kan akka Obboo Mahaammad Adamoo fi Hagayya dhufu keessa deemuuf kan karoorfate hogganaa OMN Obboo Jawaara Mahaammad.

Akka yaada kiyyaatitti, biyyatti galanii bakkee qabsoon jirtutti gahee taphachuun ykn qooda gumaachuun barbaachisa dha. Haa ta’u malee, jaarmayoota Oromoo laalchisee wanti naaf hin galin tokko jira. Fakkeenyaaf KWO (asirratti akkan hubadhutti KWOn jaarmayoota biroo wajjin walittibaqee, AddaTokkummaa Walabummaa Oromiyaa – ATWO waan jedhamu natti fakkaata) fi ABO-T yoo fudhanne isaan lamaanuu kaayyoo fi galiin isaanii Walabummaa Oromiyaa ti jedheen yaada. Amma biyyatti galanii mootummaa wajjin marii yoo godhan, kaayyoon isaanii kun akkamitti fudhatama? Muummichi Ministeerotaa Dr Abiyyi tokkummaa biyyattii tanaatiif dhama’aa yeroo jiru kanatti warra kaayyoo walabummaa qaban kana akkamitti keessummeessa? Akkamitti fi maalirratti waliigaltee godhuuf deemu? Moo jarri keenya kun achi gahanii kaayyoo fi galii ka’aniif kana jijjiiruuf deemu?

Jaarmayootni kun lamaanuu akka isaanuu ibsaa jiranitii warra qabsoo hidhannoo gaggeessanii fi hamma tokko loltootas qabanii dha. Kun akkam ta’uuf deema? Akka himamaa jirutti, kanaaf ragaa qabaachuu baadhullee, mootummaan Itoophiyaa yeroo ammaa kana WBO adamsaa akka jiruu dha. Yoo kuni dhugaa ta’e, loltootni jaarmayoota lamaanii kun maal ta’uuf deemu? Kan isaanii hin tuqaman jechuu dhaa? Moo qabsoo hidhannoo dhaabuuf deemu? Qabsoo hidhannoo dhaabanii karaa nagaatiin qabsaa’uuf wabii maaltu jira? Mootummaan isa kanaaf waadaa galee jiraa? Jarreen kun biyyatti yoo galan booda fakkeenya KFO fudhatanii, walittibaquuf deemu moo, achi gahanii akkuma biyya alaatitti barame sana walqoqqooduu fi uummatas qoqqooduuf deemu? Kuni hunduu gaafii namatti ta’ullee waan arguuf teenyu ta’a.

Jaarmayootni Oromoo hafani fi biyya alaa jiran hoo yoom galu?

Akkuma kanaan duras na shakkaa turan, ammas Berhanu Hundee miseensa ykn deeggaraa ABO Obboo Daawud Ibsaatiin hogganamuu ti haa jedhanii; garuu waan tokkon jechuun barbaada. Hanguma fedhellee laafaas ta’u; hanguma fedhellee gareeleen irraa bahanis, ABO Obboo Daawudiin hogganamutu isa hundee dha jedheen amana. Kan biyya keessatti sirriitti caasaa diriirfatee jirus isuma kana akka ta’e wantootni mul’isan hedduu dha. WBOllee kan hogganu isuma kana natti fakkaata. Waan ta’eef, mootummaan Wayyaaneellee kan xiyyeeffannaa keessa galchitee irratti duulaa turte ABO isuma Obboo Daawudiin durfamuu dha. Akkan gaafii fi deebii VOAn dhiyoo kana Obboo Daawud wajjin taasiserraa hubadhutti, hoggantoota muraasa ta’antu Asmaraa jiru malee, ABOn gutumaa guutuutti biyya keessa akka jiru dubbatame. Erga ABOn gutumaa guutuutti biyya keessa jiraatee, hoggantotni hafan kuni hoo yoom galu? Akkamitti galu? Waliigaltee akkamiitu godhamuuf deema?

Warri amma maqaa ABOtiin (ABO-T) biyyatti galan kun uummata Oromootti akkamitti ofdhiyeessu? Uummatni hoo akkamitti isaan laala? Adeemsi isaanii kun karaa walsaamuu hin fakkaatuu? Maalif dura tokkummaa uumuu hin yaaliin? Maaliif ijibbaata hin godhin? Akkuman kanaan dura barreeffama kiyya tokko keessatti http://ayyaantuu.org/qabsoon-bilisummaa-oromoo-eessaa-kaee-garamitti-deemaa-jira-kutaa-21ffaa/ ibsuu yaale, yoo tokkoomuu dadhaban, Komitee waloo tokko dhaabanii, ejjannoo fi ajandaa tokko qabatanii mootummaa wajjin maaliif mariitti hin dhiyaanne? Kophaa kophaa deemuun bu’aan isaa maali? Ammas galanii biyya keessatti waliin mormuuf deemu moo tokkummaa kaayyoo tokko ijaaranii, karaa kanaan gaafiin biyyoolessaa Oromoo akka deebii argatu qabsaa’u? Biyya keessatti afaanfaajjiin akka hin uumamne wabii maaltu jira? Dhiiroo, mooraan QBO maal ta’uuf deemti??

Dhumarratti dhaamsi ani akka ilma Oromoo tokkootitti qabsaa’otaaf dabarsuu barbaadu, biyyatti galuun barbaachisaa dha. Bakkee qabsoon jirtutti hunduu gahee ofii taphachuu fi qooda ofii gumaachuun bu’aa fida malee rakkina waan qabu natti hin fakkaatu. Haa ta’u malee, rakkoo qabdani fi amala badaa biyyuma alaatti gataatii, qulqullinaan gara dachee Oromiyaatti biyya hundee sirna Gadaatti deebi’aa. Yoo achi geessan immoo uummata ijaaraa, tokkoomsaa, humna bilisummaaf wabii ta’u uumaa malee, akkuma biyya alaatti barame sana walirratti duuluun gaaga’ama guddaa nutti fida. Gorsa xiqqaa kana hin tuffatinaa. Garaa qulqulluudhaan waliin hojjedhaa, walirratti hin hojjetinaa!! Kun Dirqama Oromummaas akka ta’e hin dagatinaa.

Hanga dhimma biraatiin walitti deebinutti nagaan turaa!

Ulfaadhaa!

 

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

2 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

2 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

2 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

2 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

4 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

4 months ago