Categories: Oduu Oromiyaa

QABXIILEE IJOO MURTII WALGAHII HATATTAMAA MISEENOSOTA GAMTAA AWUROPPAA

 

1) Humni waraana mootummaa humna akka maleetti(wal hin ginnee) fayyadamuun yoo xiqqaate oromoota 140 ajjeesuu isaanii ragaa bahe
2) Mootummaan Maastar Pilaanii dhaabne jedhus babal’ina Finfinneetin amma duraayyuu qonnaan bultoonni miliyoonotaan lakkaawwama lafa isaanirra buqqa’anii hiyyummaaf saaxila bayanii jiran
3) Sabni Oromoo Itoophiyaa keessatti cunqursaa addaatif kan saaxilame ta’uu
4) Mootummaan ummata mormii nagayaatif bahe ‘shoororkeessitoota’ jedhe abaaruu
5) Ob. Baqqalaa Garbaa hidhamuufi, erga hidhamees dhibamu, hamma ammaatti namni tokkollee bakka inni jiru arguu dhabuun sodaa guututti dhabamsiisanii jedhu uumuu
6) Mootummaan amma duras mormii bara 2014 irratti ummata nagayaa irratti dhukaasa banuu
7) mootummaan itoophiyaa nama qeeqa kamu isaratti dhiheessu akka shoorarkeessatti kan lakkayu ta’uu; sababa kanaanis gaazexeessitoonni, barattonnifi mormitoonni mirga nama hedduun hidhamaa jiraachuu
8) Itoophiyaan biyyota Afrikaa kamuu caalaa gargaarsa diinaggee kan argattu ta’uu; waggatti doolaara biliyoona sadi (3) kan baajata biyyattiin qabdu walakkaa ol tahu akka fudhattu
9) Waggoota kurnan dabraniif mootummaan qonnaan bultoota humaan buqqisuun lafa isaanii invastarootaaf hiraa jiraachuun; yeroo kana godhu warra buqqa’an kana bakka biraa kan irra qubatan kennuufi dhabuu akkasumas buqqaasuu dura ummataa waliin marii godhuu dhabuu
10) Itoophiyaan yeroo amma kanatti beela hamaa keessa jiraachuu isiitifi daa’immaniif namoonni miliyoonotaan rakkoo hamaaf saaxilamuu
11) Haalli siyaasaa biyyattii yeroo ammaatifi tarkaanfiin ukkaamsaa Oromoo irratti fudhatame nageenya, tasgabbii fi guddina Itoophiyaa gaaga’ama hamaaf waan saaxiluuf
Qabxiilee ijoon kun waan hubatameef murtii armaan gadii dabarsiinee
1. Tarkaanfii humnaa fudhatame, ajjeechaa, reebichaafi hidhaa jabeessinii balaaleffanna
2. Hookkarri ummatarratti godhamu, ukkaamsaan siyaasaafi sarbamuun mirga namoomaa saffisaan akka dhaabbatu gaafanna
3. Warri dhihoo kana hidhame, qonnaan bultoonni, barattonnifi hogganoonni siyaasaa saffisaan akka hiikaman gaafanna
4. Mootummaan ajjeechaafi reebicha ummatarratti raaw’atame bifa ifaafi amanamaa ta’een akka qoratuufi warra yakka kana raaw’ates seeraaf akka dhiheessu gaafanna.
5. Mootummaan Maastar Pilaanii isaa dhaabuu ni dinqisiifanna. Garuu furmaata waaraa fiduudhaaf marii qaamota dhimmi ilaallatu mara of keessatti hammate, jechuunis jaarmayaalee hawaasa, jaarmayaalee mormitootaa fi kkf waliin godhuun barbaachisaadha. Haa ta’uu garuu haala yeroo ammaa biyyattiin keessa jirtu, kan ajjeechaan, hidhaafi reebichi itti fufee jiruun marii akkasii gochuun hin danda’amu ejjannoo jettu qabna
6. Mootummaan odeefannoon bilisaan akka tamsa’u dhoorkurraa of qusachuu qaba. Kana jechuun miidiyaalee ugguruun, gaazexessitoota hidhuunifi basaasuun dhaabbachuu qaba
7. Pirojekitoota misoomaa gara fuulduraa irratti ummata waliin mari’atamu malee hojitti akka hin seenamne gaafanna. Mootummaan qonnaan bultootaafi tiikfattota marii akkanaa keessatti hirmaachisuu qaba
8. Gamtaan Awuroppaa gargaarsi Itoophiyaaf godhu akeekama yaadameefirra ooluu isaa mirkaneeffachuuf sirritti akka hordofu; gargaarsi kennamu mirga namoomaa sarbuuf akka itti hin fayyadamne mirkaneessuu qaba. Keessattu gargaarsi Gamtaa Awuroppaa sagantaalee qonnaan bultoota lafarraa buqqaasaniif akka hin oolle mirkaneessuu qaba
9. Gamtaan Awuroppaafi biyyoonni miseeonsotaa hokkara mootummaa Itoophiyaa Oromiyaa keessatti geggeessaa jiru dhaabsisuufi jeequmsi akka hin hammaanne taasisuuf ifaattifi keessaan akka balaaleffatan, mootummaa Itoophiyaa irratti dhiibbaa gama hundaa akka taasisan.
10. Gargaarsi maallaqaa Gamtaan awuroppaa Itoophiyaaf kennu qabiinsa mirga namoomaa biyyattiitifi tarkaanfii qabatamaa mootummaan sirna dimokraasitti cehuuf fudhatu irratti hundaayuu qaba. Tarkaanfii bifa kanaa qofatu biyyattiin tasgabbooftee misooma waaraa fiduu akka dandeessisu taasisa.

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

2 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

2 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

2 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

2 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

4 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

4 months ago