Oduu Haaraya

Sab-quunnamtii Uummataa (Media) fi Oromoo

Utubaa Lammii

Faayidaan sab-quunnamtii (mass media) madda odeeffannooti. Odeeffannoon ammoo haala jireenya namaa keessatti har’a addunyudhuma walii galaa keessattuu haallewwan jireenya namaatiif barbaachisoo (necessity ) jedhaman keessatti ramaduunuu ni danda’ama. Maaliif jennaan har’a odeeffannoon addunyaa kana keessaa daqiiqaaf citnaan jeequmsa hagamii akka inni fidu mee haa yaadnu, sadarkaa odeeffannoo saatalaayitii irraa egalee. Dirree waraanaatti ajajaa fi ajajamaa gidduudhaa odeefannoon yoo cite badii dalagamuu malu tilmaamuun nama hin dhibu.

Gara sab-quunnamtii uummataatti (media) haa deebinu. Har’a sab-quunnamtiin walitti dhufeenya uumataa fi hariiroo mootummoota addunyaa gidduutti ta’u keessatti bakka guddaa qaba. Odeefannoo gaarii ta’e dabarsuun, bulchiinsa gaarii keessatti misooma fi guddina inni fiduu fi olola walirratti oofuun ammoo badii inni dhaluu tilmaamuun ni danda’ama. Bifa kamiinuu ga’ee inni hawaasa addunyaa keessattis ta’ee uummatoota naannoo tokkoo gidduutti xabatu guddaadha.

Odeeffannoo addunyaas ta’ee dhimma hawaasa keessaa jala bu’uu yoo barbaadde saa’atii 24 keessatti maaltu raawwatee fi deemaa jiraa dhaga’uuf yeroo argatte keessatti ganama kaatee ykn galgala mana kee teessee radio, TV, Interneeta fi carraa odeeffannoo irraa argattu mara jala buuta. Keessattuu nama siyaasaa tokkoof odeeffannoon qaama jireenya isaa keessaa tokko yoo jenne dhugaa irraa hin fagaannu. Maaltu deemaa jiraa ykn maaltu dhufuuf jiraa, siyaasa akkamiitu hawaasa sana keessa deemaa odeeffannoo barabaachisu mediyaa irraa argatta. Kanaaf yeroo hedduu mootummoonni abbaa irree mediyaa uummataa walaba ta’e ni ukkaamsu, kan mataa isaanii ammoo faayidaa olala mataa isaanii keessatti of argan qofaa dabarsu. Mediyaa cufaa biyyoota fayyadaman keessaa Itophiyaa fi Koriyaa akka fakkiitti kaasuun ni danda’ama. Mediyaa of harkaa qabaniin odeeffannoo siyaasa isaanii callaqisuu fi tarkaanfachiisuu akkasumas gowwomsaa uummataaf ammoo waa’ee misoomaatii alatti rakkina hawaasa keessaa gama siyaasaanis ta’ee dinagdeen ibsuu irraa baay’ee of qusatu. Mediyaa alarraa seenu ukkaamsuuf ammoo maallaqa hedduu itti qisaasu.

Gama kaaniin mediyaalee adda addaa jala bu’uudhaan akka dhuunfaa keetti yaada mataa kee uumtee dhiyeessuu ni dandeessa. Yaadni ati akka dhuunfaatti mediyaa irratti ibsattuu fi laattu ejjennoon siyaasaa kee eessa akka ta’ee fi fedhiin kee maal akka ta’e calaqqisiisa. Mediyaan ati of harkaa qabdu fi dabarsitu illee bifuma kana irraa adda miti. Qaamni mediyaa of harkaa qabu kamuu nama dhuunfaas ta’ee murna ykn sadarkaa mootummaatti madiyaa ati of harkaa qabduu fi odeeffannoon ati dabarsitu imaammata qaamni sun of harkaa qabu calaqqisiisa. Garuu imaammata ifaas ta’e dhokataa ati ittiin deemtu ilaalcha uummata si dhaggeeffatuu (Audience) jalaa dhokachuu hin danda’u. Yeroon asirratti yaada kiyya kennadhu nama ogeessa mediyaa ykn gaazexessaa ta’ee osoo hin taane akka dhala Oromoo tokkootti mediyaa har’a of harkaa qabnu irratti hubannaa kiyya ibsachuu barbaadeetani. Oromoon QB gaggeessaa jira. Maaliif jennaan garbummaa jala jiraachuu keenya Oromoon haalu yoo jiraate murnoota dantaan qabamanii fi garbummaa fudhatanii waan bilisooman itti fakkaatee sirna garboomfataa jalatti dantaa ofii ooffatan qofaadha. Murni kun ammoo warreen dantaa dhuunfaan haguugamanii warraaqsa hawaasichaa irra qoollifatanii jireenya fakkeessaa jiraataa jiranidha.

Kanaafuu ani akka ilaalcha kiyyatti mediyaan har’a of harkaa qabnu kamuu, kan Oromooti jennee of amansiifneerra taanaan QBO keessatti qooda fudhachuun dirqama. Maaliif jennaan mediyaan Oromoo kamuu qilleensa irra jiru buusii ilmaan Oromoo fi qabsaawotaa ala kubbaaniyaa mataa isaatiin dalagu jira kan jedhu argaa waanan hin jirreefi. Warreen sadarkaa interneetii ykn “You tube” irratti maxxansani illee taanaan yeroo fi baasii dhuunfaa isaanii qisaasaniiti. Diinni nu garboomfate hanga nurraa hin kaanetti hojii isaa fi karoora isaa saaxiluun murteessadhaa. Diinni kun diina Oromooti, gochaan isaa farra QBOti, qabeenyi isaa saamamee fi barbadaa’ee, uummanni Oromoo lafarraa gonofamee, Oromummaan jiraatee dhiisee murna dantaa hin qabne hanga ta’etti ifaa fi kallattiin saaxiluun murteessaadha. Mediyaa uummataaf tajaajilu of harkaa qabna jechaa naamuusa mediyaa miti jechuun diinaa ofiif hiluun tasumaa natti hin mul’atu.

Wayyaaneen har’a sadarkaa mootummaa irra jirtu hamilee uummata keenyaa cabsuuf olola kijibaa uumtee, diraamaa hojjettee, soba daangaa hin qabne “ijakee qabadhu sin gowwomsaa” akka jedhan, yeroo mediyaa of harkaa qabdu irratti dhiyeessitu itti hin qaanneffanne, hin qaaneffattu illeeti. Fkf. yeroo dhiyoo kana kaasuuf, intala Oromoo Awustraliyaa, magaalaa Melboorn keessatti dhalattee guddatte kennaa (Grant) mootummaa irraa argatte $20,000,000 (Doolaara miliyoona digdama) fiddee dhufuun lafa misoomaa (mana barnootaa ijaaruu) nu gaafattee jedhuun sadarkaa ministeera dhimma dantaa alaa mootummaa isaaniitiin gadi ba’anii yeroo mediyaa irratti haasa’anii itti hin qaanofne. Kijibni isaanii yeroo saaxilamu garuu “ijoollee durbaa ol guddattuu dura hin dhaaphu jedheenii” jedhee deebise, qaanii tokko malee, sobaan ija dhiqatee. Nuti Oromoon garuu dhugaa keenya himachuu itti qaaneffanna, ni sodaanna illee. Akka kiyyaatti osoo waa’ee bilisummaa hin haasa’in dura sammuun/surriin keenya garbummaa jalaa ba’uu qaban jedha.

Gama kaaniin aantummaa Oromoo qabannee hanga deemnetti dhimmoota Oromoo dhaadhessuu irraa kan qusachiisu jira taanaan imaammaata keenya gilgaaluun murteessadha jedheen amana. Uummanni Oromoo QB keessa jiraachuu fudhanneerra taanaan odeeffannoolee QBO keessatti argaman ol kaasnee dhaadhessuun murteessaadha. Immaammataa fi amooloota gaazexeessummaa (Ethics) nuuf hin hayyamu jennee ijifannoolee keenyatti bishaan naqnee dhugaa bakkee jiru haguugna yoo taate hirmaannaa nuti QBO keessatti qabnu gaaffii jala galcha.

Yaada kiyya kana akkan kaasu kan na dirqe sochiilee hawaasti keenya torban darbe kana keessa Haggayya jalqaba irraa eegalee hanga Hagayya 8, 2015 magaalaa bal’oo USA, Lakkuu ykn Menisootaa keessatti gaggeeffachaa turantu na harkisnaani. Dhugaa dubbachuuf sagantaaleen hawaasaa bifa adda addaatiin isa yeroo kamii irrayyuu bareedee, miidhagee fi ol guddatee waggaa kana magaala Lakkuutti gaggeeffamaa ture lammii mitii halagaayyuu kan hawwatudha yoon jedhe of dhaadhessuu hin ta’u. Hawaasa Oromoo Ardii addunyaa mara irra jiru sochoosee fi walitti fide waan ta’eef, Oromoon itti boonuu qaba, warri sagantaa miidhagaa sana bifa kanaan qindeessanii gaggeessani akka walii galaatti Oromoonni martiinuu galata guddaa qabu. Daran jajjaabeeffachuu fi itti fufsiisa isaa irratti caalaatti hojjechuuf hirmaannaa keenya dabaluu qabna. Akkas ta’ee, ilmaan Oromoon hedduun irratti dadhabanii garuu hojii keenya ibsaa gaanii keessa ta’ee hafuu hin qabu. Kanaaf mediyaaleen Oromoo jirra ofiin jedhan martinuu qooda irraa fudhatuun dirqama lammummaati.

Sochiin hawaasti keenya diyaaspooraa jiraatu, sababoota adda addaatiin biyya abbaa isaanii lakkisanii ba’an godhan bu’aa qabsoo keenyaa waan ta’eef uummanni keenya biyya keessaa kana dhaga’anii fi carraa argatanii mediyaa hawaasaa (social media) irraa argan daran qabsoo isaaniitti akka cimanii fi finiinsan hamilee guddaa ta’aaf. Kan dhaga’anira ammoo kan ijaan argan ragaadha. Yeroo ammaa kanatti ammoo carraan Oromoon biyya keessaa qabu hanga hubannoo fi odeeffannoo qabnutti mediyaa alagaa/diinaa hordofuu irra kan kiyya jedhee itti amane dhoksaanis ta’ee mul’inaan, namoota muraasa dandeetti qabaatanii gabatee saatalayitii (dish) bitatan hordafan OMN TV tu jira. Wayyaaneen medyiyaa kana uummata irraa ugguruuf dhagaa isheen hin garagalchin jiru, horii isheen hin qisaasin hangana hin jedhamu.

Garuu hirmaannaan OMN TV sagantaa hawaasaa Oromoo Menisootaa, USA keessatti gaggeeffamaa ture maal fakkaatan na quufsee hin jiru. Sochiilee hawaasaa adda addaa sabquunnamtii hawaasaa (Social media) fi Oromo TV Menisootaa irratti darbaa turan ni jiru, haa galatoomani. Eegala irraa qabee sagantaa OSFNA hanga xumuraatti deemaa ture,walga’ii OSA, walga’ileen hawaasaa fi ogeeyyotaa adda addaatu deemaa ture, ABO kora jaarmayaa mataa isaa fi Hawaasaa wajjin kora gaggeeffataa ture, sirna baniinsa waajjiraa ABO fi galgala hirbaataa WBO tu ture. Kan biraa hin xuqamin illee jiraachuu malu. Kun hundi bu’aa ilmaan oromoo QBOf jecha wareegamanii ta’uu dagachuu hin qabnu.

OMN TV illee bu’aa QBO ta’uu dagachuu hin qabnu. Kan inni bu’uureffamee as ga’ee fi utubamee deemaa jiru illee ilmaan Oromoo qabsoon dhalchee fi abdii irraa qabaniin ta’uu amma illee dagachuu hin qabnu. Kana taanaan ammoo OMN TVn oolmaa inni ooleef uummata kanaa deebisuufii danda’uutu irraa eegama. Keessattu uummata magaalaa Lakkuu /Menisootaa/, Oromiyaa Xiqqaa jennee faarsinu kana. Isaan keessatti biqilee, isaan keessatti guddatee isaan keessa jiraachaa jira waan ta’eef. Sagantaan “Torban Oromoo” (Oromoo week) jedhamu kun ga’umsaan maaliif OMN TV irratti dhaadhessi hanqateen gaaffii kiyya, waan isaan jedhan isaantu beeka. Foddaan sagantaa OSA “Live” dabarsaa ture sagantaa hawaasichaa hafan  maaf itti fufuu hanqate? magaala adda addaati gaggeefamee? Yeroon kana jedhu akka faallaatti (Negative way) na hin fudhatina, let we all be logical and positive.

Bu’aa inni uummata keenya keessattuu Oromiyaa keessa jiruuf argamsiisaa jiru quba ni qabna. Hagam Wayyaaneen itti dhiphachaa jirtus argaa jirra. Ammoo ani akka nama dhiibbaan halagaa biyyaa nabaasee fi qaama qabsoo Oromoo ta’e tokkootti quufa irraa argachaa hin jiru, fooyya’ina sagantaan irraa fedha, (as a share holder). Maqaa walaba jedhuun dhugaa haguugna yoo taate, sochii hawaasa keenyaa hin callaqqisiisnu yoo ta’e, Oromoo fi QBO dhaaf loogii hin qabnu yoo ta’e garbummaa jala teenyee waan nuti walabbummaa Mediyaa haasofnu diina tumsuu natti fakkaata. Mootummaan Wayyaanee “Wayyaanummaa” ishee guyyaa tokko kan hin qaaneffanne, daranuu maqichatti boontu Wayyaanee maqaa dha’uun “Ethics” gaazexeessaa cabsa jenna yoo ta’e mediyaan keenya kun gaaffii jala waan jiru hin fakkaatuu? Mootummaan Wayyaanee maqaa isheetti ni dhaadatti male guyyaa tokko itti yeellaatee hin agarre. Eeyyee dhugaadha, OMN TVn aarrata qaama siyaasaa kamuu miti. Garuu kan Oromoo hanga ta’etti sochii Oromoota diyaaspooraa callaqqisiisuu danda’uuti irraa eegamaan jadha, sagantaa biraan hanga walitti deebinutti nagaan, galatoomaa.

Utubaa Lammii

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …