Oduu Haaraya

Seenaa darbe  irraa maal baratne? Keessaa iyyuu kan MQBO. Keessatti Oromoo mudate

 

Imala  qabsoo bilisummaaf godhamu keessatti bu’aa fi ba’ii hedduutu nama mudata .kana jechuun galii tokko yoo qabatan illee adeemsa ykn tobtaa irratti wal dhabuu fi yaada garaa garaa qabachuun wanuma  jiruu .kun kan Uummata Oromoo qofa mudate miti. Dubbii guddan garuu karaa lafa gahuuf yadan sanan nama gahu sirriitti madalanii   isa  hin taane dhiisanii isa  sirnaan nama geessu  qabachu dha.Karaa sirriin isa kam kan jedhus warruma karaa sana irratti wal dhabuun jijjiraa ooluu fi deddebi’e badii wal fakataa dalagufan dhiisa.

Badii badiidhan sirreessuu yaaluun qaroomina mti .Namni hojetu ni balleessa ni dogoggoras garuu irraa barachuun of sirreessuu dadhabun kuffisee nama hanbisa kanaaf kan ani ”Bakka kufte osoo hin taane, bakka mucucaatte barii” jedheef.

Maal ree keessaa iyyuu Oromoon keenya biyya alaa jiru kun seenaa darbe irraa maal barate?Yoo oromoo biyya keessaa jenne guyyuu diinaan kokkee wal qabee Afaan,Aartii,  Aadaa  Qabeanaa fi Oromiyaan kan Oromoo ti jedhee diina waliin kokkee wal qabee wareegama qaalii kaffalaa jira. Keessaa iyyuu Qeerroon jireenya fi barumsi bilisuummaa booda jechun  dhumaa jira .

Nuti Bromoon biyya alaa jirru  kun hoo warri guyyuu Dhaaba bixxilluu fi aangoo walii hiraa oollu kana malees   gandummaa , amntii fi gareen  wal qoodaa  oollu kun kan fagoo hafnan seenaa kaleessa MQBO diige irraa waa baratee jiraa?

Kaleessa yammuu jijjiramni ganda tokkittiin wal ijarree, qabeenya saamee uummata oromoo kutaa kudha tokkoon   ji’a (6) giddutti jijjiirama fidnaa iyyuu mitii isin bilisomsina jedhe dibbee reebe raatuun duukaa harka tume hedduu dha.

Jarri kun harra bikka meeqatti wal ciranii hayyu duree meeqaa mulqanii, meeqa jijjiirani. Jara kana keessaa kan lukkee diinaa tahee waan kana godhee fi sadoo mataa isaa guutate nama yartuu dha .

Garii ammoo mallaqattiidhuma oromoon gammadee harcase sanaan yeroof duroman malee uummata oromoof jijjiiramni dhufe yoo jiraate MQBO diiganii WBO fi meeshaa dhiigan arkame diinaaf gumachuu duwwaa dha.

Kana malees warri kanaan duru diina waliin wal quunnamaa fi  waaroo sabbonummaa uffachuun MQBO keessa dhokatanii ilmaan oromoo diigaa fi afaan fajjessa turan   gadi bahuun karaa nagaan oromoo bilsoomsina jedhanii maqaa ODF moggafatuun ilman oromoo irratti shira lammataa dabalan.Amma gaafa milka’uu dhaban yeroof riphanii jiru. bor hoo maal qabatanii gadi bahuuf demu kan jedhu Oromoon hordofaa jiraa? Sanas seenaaf dhiifna.

Kan biraan Oromoon biyya alaa jiru kun sirritti hordofee firaa fi diina isaa maaf adda baafachuu dadhabe kan jedhu nama dhiba. Oromoon biyya keessaa firaa fi diina isaa ni beeka  akka bishaan gabatee irraa gara hundatti hin jallatu.Kana malees oromoon amma maqaa diasporan galee Of hatuu fi saba isaa godaansisee diina duukaa saba isaa miidhuuf fiigu kun ”akka sangaan marga malee hallayyaa hi argine jedhan san akka hin taane” wal gorsuun gaarii dha.

Egaa kanneen ani harman olitti tuqe godannisa hin badne  fi hin dagatamne dhakaa bu’uraa godhanii darban kun ilmaan Oromoo MQBOf bu’aa buusuu dandahan qaanassanii ykn shenessun akka isaan harka maratanii  of dhoksanii qabsoo keessaa  galanii tahan godhan ” dhakkaa tokkon shimbira lama akkuma jedhan”. Ammas irra debi’ee maaf kana irraa barachuu dadhabne jechuun gaarii dha.

Keessaa iyyuu murni ODF jedhee kahe kun irra guddaa kan inni diina godhatee of qusatnoo tokko malee irratti hojechaa jiru ABO fi WBO kan walabummaa Oromiyaa fi bilisummaa Oromoof qabsahu ti. Kanaaf sababi guddaan tokko utuu dhaabi kun jiruu Ethiopiummaan sosso’uun waan hin danda’amneef kan biraan ammoo wadaan wayyanen galchite Dhaaba kana diiganii dhaquu dha waan taheef.Dubbiin tun ilmaan Oromoo hedduuf hin galle.

Amma gara xumura barruu kootii  Mee jecha wayyanticha tokko dhagahaa MQBO diiguuf karooraa fi tobta lama baafatnetti milkofne jirra .amma isa 3ffaatu hafe jedha . maal ree inni sadaffaa Oromoo Bahaa fi dhihaan walitti naquu dhaa?kana ilmaan Oromoo marafan dhiisa. Akkuma barruu fi Kommentii tokko tokko irraa arkaa jirru murni Bahaa fi Dhihaan Oromoo walitti buusu tokko dhokatee fagoo irraa mullata.Yoo nuti kan darbe irraa hin baratne taheef kun ammoo hagam nu diiguu yaala jettanii yaadduU?

Yaa lammii koo ”foon lafa jiru allattiin muka irraa wal loltii jedhan” kanaaf qabeenya,  aangoon fi biyyi tigirootaa ykn  wayyanee qofa harka jira. Kan MQBO keessa jiru dirqamaa fi wareegama qofa kanaaf hanga kana hunda harka galfannutti qofa qofaa fiiguun gabrummaa jalatti kuffisee nu hanbisa malee eessanuu nu hin gahu. Wal irratti ololuu ,wal cabsuu fi maqaa wal xueessun beekumsa miti ”qonqoon dabartu maqaa hin dabarre nama irra keessi jedhan”

Diinni keenya Oromoo fi Oromoo walitti naquu fi Oromoo fi saboota biroo walitti naquun wal ficcisiisee umurii isaa dheerefachaa jira.Oromoon kana irra anuu kan dandahu ammoo yoo dantaa fi sadoo mata mataa dhiisee Kan sabaa fi biyya isaa yaade qofa. Ani gallan gabaan wal haa loltuu osoo hin taane kan koo hafee saba koof haa darbuutu tuffii jalaa nu baasa.

Ammaaf kanuma .

Galmee Seenaa.

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …