Categories: Aadaa

Seenaa gabaabaa waayee wallisaa Usmaayyoo Muussaa

Gaafiif deebisaa intala Usmaayyoo Muussaa

Sadaasa 16 2006

Bara 1967 Magaalaa Haramayaatti Dhalate.Ijoollee Afran qalloo kanneen akka Abdi Qophee,Kadir Said,Adam Harun,Haloo Daawwee waliin ta’uudhaanis qooqa miidhagaa sanaan Aadaa,Hawaasummaa fi Siyaasa Oromoo weelisaa ture.akkasumas Hawwisoo Baandii Gadaatti makamuu dhaan Maccaafi Tuulama Waliin Oromiyaa guutuu naanna’ee Ilmaan Oromoo dinni wal irraa fageesse walitti fiduuf hiriyoota isaa waliin hedduu dhama’e.Bara 1991 yeroo Mootummaa ce’umsaas Hawisoo Caffee Gadaatti makamuu dhaan shoora Olaanaa taphate.yeroo Hooggantoonni Siyaasaa dhiibbaa Siyaasaa biyyattii keessatti muldhateen Biyya gadhiisanii ba’anitti Wallee:-

Bilisummaaf Imimmaan Ija koo Wal maraa
Obsee sirraa deemuuf na dadhabe Garaa
si dhabee hin jiraadhu biyya koo Oromiyaa
yoon sirra jiraadhe Jiruun kiyya Faayaa…

Jedhu weellisuu dhaan Abidda Siyaasaa bara 1991 uummata Oromoo keessatti facaatee turte irratti Beenzila Firfirse Artist Usmaayyoo Muusaa!!! Bara 1995 Albama “Nu Waamti” jedhu qopheessuu dhaan uummata Oromoof Gumaacha olaanaa kan godhe Weellisaan Jaallatamaa kun hireen Dargaggoota Oromoorra geesse isas quunnamtee bara 1996 Diktaatarootaan qabamee Murtii kijibdootaatiin waggaan saddeet irratti murtaa’ee mana hidhaa seene.

Abbaa Daa’imman Afurii kan ta’e Weellisaa Usmaayyoo Muusaa Mana Hidhaa Maakelaawwii,Qaallittii fi Zuwaay gidduutti yeroo Dararamaa turetti Rakkattuu Haadha warraa isaa irraan kan hafe namni tokko ykn dhaabni tokko illee eessa jirta jedhee isa hin gaafanne.Daa’imman guddisuu fi Abbaa warraa ishee hiiksisuu dhaaf qophaa ishee buutee ba’aa kan turte haati warraa Weellisaa Usmaayyoo Muusaa Jireenya hadhawaa kana nuffitee daa’imman gaariif hamaa hin beekne dirree irratti arcaasuudhaan Abbaa manaa ishees mana dukkanaatti dhiiftee Hirriba dhuma hin qabneen Liqimfamte.Maatiin Weellisaa kanaas Bilisummaa Sabaaf jecha gaaddisa dhabdee bittinoofte!!!

Waggaa Saddeet guutuu mana dukkanaa keessatti dararamee kan ba’e Artist Usmaayyoo Muusaa battaluma ba’e sanatti Albema Haaraa Laphee uummata Oromoo keessatti chaapheffamtee hafte Gabaarra Oolche.Sirboota kanneen keessaas:-
“Abdii Muradhee hin taa’u yoomuu
Hangan Bilisoomee ol jedhee deemuu..”
Kan jedhu Ejjannoo Usmaayyoon qabsoo Oromoo irratti qabu kan agarsiisu ture.akkasumas:-

“Jireenyi Walabaa Mirga uumamaati Sarbamnee hin teenyu
Gamtaa dhaan Gurmoofnee qabsoon Bilisoomna kennaa hin eeggannuu..”

jedhee weellisuu dhaan uummanni Oromoo Ofiin Carraaquudhaan yoo galma ga’e malee Orma irraa mirga Walabaa eeggachuun gowwummaa akka ta’e jala muree bifa aartiitiin muldhise Artiist Usmaayyoo Muusaa!

Kana malees Albama isaa kana keessatti Haala Jireenya Maatii isaafi jireenya isaa kan ibsitu walleen:-
“dukkana bara dheeraa
na lage jireenya koo maraa
Maaluman yakkee
ifa na dhorkee?…”jettu yoom iyyuu kan sammuu namaa keessaa haqamtu miti.itti dabalees Carraa Addunyaa kanaa tokko osoo carraaquu gad buuftee isa kaan osoo hin caarraqiin olkaaftu kan ibsitu Walleen “Yaa bada Hiree koo..” jettu albama kana keessatti argamti.

Jireenya Dukkanaa mana Hidhaa keessatti dabarse kan ibsituu fi Akka namaaf osoo hin ta’in akka Rabbiif keessa ba’uu isaa kan agarsiistu walleen:
“…Dukkana Fokkiftuu namni itti na darbe
si na baase keessaa fedhii keetiin dhiibee
Galanni kee hin badin yaa mootii
wanti ta’e hunduu fedhii keetii…” walleen jettu yoom iyyuu kan irraanfatamtu miti.Walleen Ajaayibaa dhaamsa guddaa of keessaa qabduu fi maqaa Albama sadaffaa kanaa kan taate,Akkasumas haqa qabsoo keessa jirtu wallee kanaan waan ibseef Hiriyoota isaa waliin hidhamanii ba’anii Lubbuu baafachuuf jecha biyya Ormaatti baqatan biratti akka jibbamu kan taasise wallee ajaayibaa yoom iyyuu sammuu koo keessaa hin badne wallee:-

“Sodaa Lubbuu kootiif jedhee
biyyaa ba’ee,Garba Ce’ee
hin Jiraadhu kan biraa ta’ee
biyyaa fi Biyyee koorratti
Sabaa fi Aadaa koo Keessatti
Haqa Falmachuun Murtii Kooti.
Gabrummaa tokko irraa
kan birootti hin ce’u
Biyyuma koorratti Lubbuun koo haa Ba’uu..
Osoo Sabni kiyya Diina harkatti du’uu
Biyya Faranjii teessee xiibaaruun hin ta’u
Biyya kiyya irratti saba kootiif Falmaa
yoon kophaa ta’e iyyuu Abdiin koo Rabbumaa….”

Jedhee weellisuu dhaan haqa jirtu waan ibseef jecha Hiriyoota isaa biyya Ormaatti baqatan dabalatee namoota hedduu biratti jibbame.Oromiyaa gadhiisanii deemuu akka du’aatti kan Ilaalu Artiist Usmaayyoo Muusaa wanti sodaatameef hin hafne ammas qabamee saba isaatiif jecha mana hidhaatti darbatame. Reebichi Daangaa hin qabnes irratti raawwatame.”….Hidhaafi Ajjeechaan Hamilee nu cabsee Boodatti nu hin deebisu..” jechuu dhaan kan beekamu Artiist Usmaayyoo Muusaa dararama guddaa booda mana hidhaa Zuwaay keessatti waggaa sagal dura Guyyaa har’aa Sadaasa 16,2006 Hafuura dhumaa baafate.Wanta Diinni dhoksaatiin mana dukkanaa keessatti weellisaa dhugaa kana irratti raawwatu Ilaaluu kan dadhabde dacheen Oromiyaa diina harkaa Miliqsuudhaan garaa jala dhokfatte.sirni Awwaalcha isaas Sadaasa 18 Bara 2006 bakka namoonni hedduu argamanitti Magaalaa Cirootti Raawwatame!!

RIP!

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

2 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

2 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

2 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

2 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

4 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

4 months ago