Categories: Oduu Oromiyaa

Seenaa Gabaabduu Jaalle Bunguli (Abdiisaa) Hayilee

Bunguli (Abdiisaa) Hayilee abbaa isaa obboo Hayilee Dagabaasaa Camadaa fi haadha isaa Aaddee Muluu Daammanaa irraa caamsaa 6/1978 A.H. ti Godina Shawaa Lixaa Aanaa Jibaat ganda Gaamoo Hadaadiitti dhalate.
Yeroo umuriin isaa barnootaaf gahutti, barnoota isaa sadarkaa 1ffaa achuma aanaa Jibaat mana barumsaa iichaa hadaadiitti xumure. Barnoota isaa sadarkaa 2ffaa mana barumsaa shanan sadarkaa lammaffaatti barachuun qormaata biyyoolessaa(kutaa 10ffaa) qabxii giddugaleessaa galmeessissuun gara kolleejjii teknikaa fi oggummaa Ambootti ogummaa seeraa barachuu eegale. Ogummaa seeraa baratee osoo jiruu carraa hojii waan hin arganneef ogummaa dhuunfaa isaa hojii ijaarsaa garaa garaatiin biyyoota adda addaa deemee nama hojjataa tureedha. Abdiisaan nama qajeelaa dhaabbii fi ilaalchi isaa namatti tolu yoo ta’u, hawaasa naannoo isaa biratti taphataa kubbaa milaa cimaafi farda gulufuun beekama. 
Abdiisaan, abbaa ilma tokkoo yoo ta’u bakka haati manaa isaa hinjirretti (biyya Swidinii kan jiraattu) ilma isaa guddisuuf nama dhama’aa tureedha.

Bunguli (Abdiisaa) bara 2006 yeroo ummanni oromoo daangaa lafa oromiyaa falmatu hiriira seeraan alaa gaggeesite jechuun akkasumas jeequmsaaf ummata kakaafte jechuun yeroo dheeraaf hordafaa turuun, innis hordoffiin itti hammaannaan bakka jireenyaa jijjirachuun osoo oliif gadi jedhuu, amma haalli tasgabbaa’eera jedhee Ayyaana Irreechaa kan magaala Bishooftuutti kabajamuu kabajee gara maatiisaatti galuuf osoo jiru, osoo maatii isaa bira hingahiin magaala shanan ganda 01 tti gafaa guyyaa 25/01/2007 to’annaa poolisii jala ooluun guyyaa lamaaf achuma magaala shanan waajira poolisii turuun guyyaaa 7f waajira qajeelcha poolisii G/Sh/Lixaa Amboo turuun sana booda gara mana sirreessaa Ambootti gara hiriyyoota isaatti makame. Akkuma beekamu dhiibbaa dhiitamuuf gidiramuu sanaan balaa garaagaraa irra ga’een hospitaala Ambootti wal’aanamuuf (yaalamuuf) gaafa guyyaa 5/07/2007 gara hospitaala Ambootti geeffamuun gaafa guyyaa 8/07/2007 osoo beellama mana murtiitti deddeebi’u hin xumuratiin, murtee tokkoo osoo hin argatiin lubbuun isaa ganama keessaa sa’a 12 tti bakka haati manaan isaa hin jirretti maatii isaa harkatti umurii 29 tti biyya lafaa irraa boqote.

Abbaan isaa obboo Hayilee Dagabaasaa haala du’a isaa haala nama gaddisisuun ergaan isaan dabarfatan, yaa ilmaan oromoo ilmikoo hatee ykn nama reebee, ajjeessee miti lafti ilmaan oromoo maaf ciccirama jedheeti kan falme, maal godhu garuu ilma koo miti kan karaa baase duuti ilmaan oromoo walfakkaataadha. Garuu Reenfaa ilmakoollee kaatenaan hidhamee kan jirun argadhe jedhan.

Dhuma irratti gootichi oromoo Abdiisaan (Bunguliin) yeroo lubbuun keessaa bahuuf jirtutti akkas jedhee barattota oromoofi ummata oromoo maraaf dhaamsaa dabarse, dhamsa isaa keessaa muraasni:-

Yaa ummata oromoo! Yaa hiriyoottan koo fi yaa firoottan qabsoo bilisumma oromoo duutin ani du’e du’a goota oromoo kan obboo H/Gammadaa, kaadhimamaa Engineer Gaaddisaa Hirphasaa fi kan gootota oromoo biroo waliin wal fakkaata. Ani kanin hidhameef, kanin ajjeeffameefis waanan lafti oromiyaa hintaatu kan alagaa jedheefii akkasumas waanin oromumma kootti boonuufi malee yakka hojjadhee miti.
Mootummaa gabroofataan nama ofitti amanu hin jaalatu, motummaanni habashaan kan jedhan oromoo doofaa kaan biyyaa ari’uun kan qabate mana hidhaatti gidirsuun achuman ajjeessuun aadaa isaa ta’e jira.
Duuti ilmaan oromoo amma du’a sareellee dhageettii dhabaa jira. Ani qabeenyaa keenyaafin wareegame, irra deddeebitanii hidhii xuuxuun waa akka hin finne beektanii kaayyoon ani wareegameef akka galmaan geessan imaanaa tokko tokkoo oromootiif dhaammadha.
Karaan irra jirru karaa sirrii fi kan jaallen oromoo itti wareegamaa jiran waan ta’eef waan nu itti ajjeeffamne kana murannoon galmaan gahuun hojii manee keessan waan ta’eef ani saba guddaa gabrummaa jala jiru kanaaf osoon lubbuu lama qabaadhee kenneefi waan na gaabbisiisu miti, wantiguddaan dagatamuu hin qabne garuu oromoo inni hafe gumaakoo baasuuf hirbuu naa seenuu qaba! Kan jedhu dhaama
Qabsaa’an Ni Kufa,Qabsoon Itti Fufa!!
Dhala oromoo, beekaa oromoo lafarraa duguuguun aangorra turuuf yaaluun motummaa gabroomfataa kufaatii irraa hin oolchu.
Injifannoon Ummata Oromoof!
Gadaan Gadaa Bilisummaati!!!!
Bitootessaa 20,2015

Bunguli(Abdiisaa) Hayilee isaan kana turan

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

1 month ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

1 month ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

1 month ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

1 month ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

4 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

4 months ago