Oduu Haaraya
durrii muussaa 2

Seenaa gabaabaa Jaal Durrii Muusaa (1945-2015)

Jaal Durriin Abbaa isaa Obbo Abubakar Muusaa Biyyoo fi Haadha isaa aadde Mariyam Shonkor irraa bara 1945 tti  Oromiyaa bahaa Konyaa Harar  Ganda Biyyoo lafa ija Ginnaa jedhamutti dhalate. Yeroo umuriin isaa barnootaaf gahutti mana barumsaa sadarkaa duraa Harar Ras Mokonnintti, sadarkaa lammataa Harar Medihanalemtti barate. Sana booda dammaqina qabuun nama sochii adda addaa gochaa turee(activist) fi Barreessaa fi Horii qabaa Walfaya Qotattoota Harargee  tahee hawaasa naannoo keessatti sochii jajjabduu gochaa turuu isaa seenaan isaa ni ibsa.
Sana boodas haalli sochii qabsoo bilisummaa Oromoo jabaachaa dhufuu fi dammaqina qabu waliin qabsoo hidhannoo farra gabroonfattuu mootummaatti dabalamuun gahee Oromummaa isaa nama bahaa ture dha.
Qabsoo hidhannoo kana keessa osoo jiru harka  humna gabroonfattuu mootummaa dargii bu’uun waggaa 8  mana hidhaa hadhooftuu sana edda tureen booda mootummaan abbaa irree dargii aangoo irraa ariiyamnaan hiree sanaan mana hidhaatii bahe.  Edda mana hidhaatii baheen boodas Mootummaan gabroonfattuu haarayaan biyya qabatte keessattis haalli nageenyaa fi jireenyaa yaaddeessaa tahuu irraa bara 1998 biyyaa bahuun baqatee Keenyaa seene.
 Biyya baqaa kana keessattis rakkinootni baqatummaan qabdu hedduun kan irratti wal jijjiirte tahuu fi sanaanis osoo abdii hin kutatiin  Mana Barnoota Saphaloo keessatti yeroo dheeraa hanga biyya sadaffaa argatee keessaa deemutti hifannaa tokko malee tajaajila haga humna isaa kennaa ture.  Bara 2005 hiree biyya sadaffaa argachuun gara Amerikaa Kaabaa seene. Edda biyya Amerikaa Kaabaa seenees miseensa konyaa naannoo Minisootaa jiru keessatti of kenninsaan waan humni isaa gochuu dandahu maraan  tinnisa qabsoo kanaa gochuun  gahoo isaa taphachaa kan turee fi  jiruu fi jireenya hawaasummaa keessattis hirmaannaa gahaa nama qabu ture.
Jaal Durriin hanga gaafa lubbuun isaa addunyaa kana irraa dabartutti miseensa Konyaa Oromiya naannoo Minisoota jiru keessatti dirqama miseensummaa isaa nama bahaa ture dha. J/ Durriin jiruu fi jireenya isaa keessatti qabsoo kana waliin kan wal qabateen namoota jireenya mataa keenyaa  jiraatna hin jedhiin lubbuun isaanii dabartee fi yeroo har’aa kana illee jireenya mataa isaanii hin horatiin qabsoo kana geggeessaa jiran waliin tokko tahuu seenaan isaa ni ibsa.
Jaal Durriin  uumama isaatiin nama hin jarjarre obsa guddaa qabuu fi Oromummaan hundeen keessatti kan ijaarmte tahuu namootni waliin jiraatan raga bahu.
Jaal Durriin Muusaa ykn Arafaat dhukkuba tasaan Amajjii 16, 2015 addanyaa kana irraa boqote. Sirni awwaalcha isaas Sanbata darbe, gaafa 1/17/2015  bakka maatiin, firootni, miseensotnii fi ummatni Oromoo hedduun argametti raawwatee jira.
Jaal Durriin obboleessa Ittaanaa Hayyuduree ABO, Jaal Bultum Biyyoo ture.
Jaalli  kun qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti umurii isaa guutuu hirmaannaa guddaa nama godhaa turee fi hanga gaafa lubbuun isaa dabartutti illee konyaa  ABO Oromiyaa naannoo Minisootaa jiru keessatti hirmaannaa irraa eegamu hundaa nama gochaa ture dha.
Miseensoti ABO konyaa Oromiyaas gadda isaanitti dhagayame dabarsanii jiran. “Nuti Miseensotni Konyaa Oromiyaa illee jaala kana of biraa dhabuu keenyaaf gaddi guddaan nutti dhagahama. Firoottan isaa fi maatii hunda akkasumas miseensota jaala kana of-biraa dhabneen illee Rabbi jabina isaa nuuf haa kennu jetna. Jaala keenya nu biraa du’eefis Rabbi qabbana isaa haakennu jetna.”
Namni Saba isaaf, lammii isaa fi biyya isaa roorroo jalaa baasuuf Osoo qabsaawuu lubbuun isaa dabarte qaamaan nama waliin jiraachuu baatus bara baraan akka jiraatutti hubatama jechuun seenaan isaa bara baraan kan lubbuun  jiru waliin jiraata jechuu dha.
Qabsaawaan ni kufa Qabsoon itti fufa!

Check Also

baqqalaa gabraa

Obbo Baqqalaa Garbaa biyya aambaatti hafuufi hooggansummaa KFO’s gad-dhiise

Baroota dheeraaf karaa dhaabaa fi dhuunfaan siyaasa Itoophiyaa keessatti hirmannaa godhaniin kan beekaman Dura taa’aa …