Oduu Haaraya

SEENAA NAMA BOOCHIFTU

Mucaa haadha hin qabne
Seenaa dhalootuma isaarraa eegala guyyuma inni dhalate haati irraa duute, abbaan isaa fuudhee haboo isaatitti kanne, abbaan baatii 7 taa’eeti jaartii haaraya fuudhee, mucaa xiqqaa amata hin guutin haboo biraa fuudhee jaarti haarayatti kanne,jaartiin tun amata 3 booda joole lama dhalteef jaartii tun mucaa kana arkaa isaatu hin feetu, garuu abbaan mucaa dubbii tana hin beeku,inni guyyaa hujii,galgala eega inni rafe gala.mucaan kun xiqqaadha jaalala haadhaa tan abba tan ollaa barbaada,taphachiisu barbaada garuu dubbiin faalladha, haati manaa yoggaa isa manatti garte sagalee olfuute gurratti iyyiti, nibaaraysiti mucaan guyyaa guutu ala barandaa simintoorra ta,aa oola yookaan mana duuba yoo hirribni qabees achuma simintoorra rafa,nyaata joolleen isii nyaatte irraa hafe fuuteeti hojjattuu manaatti kannitee “hoodhoo mucaa san duratti facaasi”jettiin

Amma mucaa umriin isaa waggaa 4 guyyaan guyyaa iidaati haati manaa hoolaa qaltee firaa fii aalii yaamtee haadhaa fi abbaa isiitis yaamtee guyyaa guutuu nyaatanii dhuganii bashannanaa oolan, mucaan arras manuma duuba kophaa simintoorra ta’aa oole, ruuza adii hojjattuun kannitef nyate beela isaa firraa geddeebise, aduun dhiinaan namuu addaan faca,an biyti biyya baradoo tan haalaan qabbanooytu turte qabbanti tan nama dhiisi bineensa gurguddaahuu ajjeeftu turtee mucaan siminto gubbatti miidhame, osoo hollattuu ilkeen saa waltumtuu achumaan simintoorra rafe abbaan galagala sa’aa 4galee nyaatee siree isaarratti ol bahee akkana ja,e “mucaan kiyya hoo eeysa jira”jennaan akkana jetteen “mana hojjattuun galtu isii bira rafe” jetteen innis firraa rafe osoo rafuu haati mucaa tan duute abjuun itti dhuftee akkana jetten “ ka’i mica laali”innis lafaa utaale jaartiin akkana ja’e “mucaan kiyya eysa jira” isiinis “maal akkana mucaa jechaa oolta bakka jiru siif himee usii rafi” jetteen, nife ammas haati mucaa manaamaan dhuftee “mucaakee laalladhu”jetteen ammaas laffaa fiigee “mucaan kiyya hoo?”jedhe jaartiin aartee gurratti iyyitee “maal abbaa keetii hirriibarra nubaaraysaa oolta mucaa siif himee usii ciisi” jetteen, ammaas ni rafe haati mucaa ammas manaamaan itti dhuftee “mucaan kee deeme”jettee dugda itti galtee biraa kutte ammaas baaragee lafaa figee iyyee marxoo hidhachaa “mucaa kiyya hoooooo?”mana hojjattuu dheqnaan hin jiru mana joollee laallan hin jiru barandaa hin jiru dubbiin jabaannaan warri manaa hundi barbaaduu seenan boodarra mana duuba simintoorra kan qabbanti goggoysite arkan yoo laalanuu lubbuun baatee jirti. innaa lillaah wainna ileehi raaji’uun
Rassuuli (SAW)akkana ja’an “anaafii namni yatiimaaf ifqabe akka qubni kun lamaan walitti aanutti jannata keeysatti walitti aanna”jedhan
Yoo yataamatti tola oolte ilmaan kee hin yataamawan hattaa yoo ati duutellee

Check Also

abuna sawiroos

Gaaffilee bu’uraa ummata Oromoo fii Sabaaf Sa-blammoota Ortoodoksii

1. Abboota Afaan, aadaafi Safuu ummata keenyaa beekaniin yaa tajaajilamnu 2. Durii Kaasee Manni Kiristaanaa …