Oduu Haaraya

Sirbaa fi Dhiichisaan Lafa Qaacceessuun  Gaafii Oromootif Deebii Hin ta’u!

 

Baarentuu Gadaa Irraa///

 

Ummanni Oromoo barootaaf mirga isaa, mirga dimookiraasii fi umamaa kabachiifachuuf qabsaawaa ture, ammas qabsoo hadhoofturra jira. Amma biyya abbaa isaa dhuunfatutti, hiree isaa ofiin murteeffachuu danda’uttis qabsoo kana akka hin dhaabne wanti yeroo ammaa kana impaayeera Itiyophiyaa keessatti muldhachaa jiru ragaa guddadha. WBOn, Qeerroon baddaa gammoojjii, baadiyyaa -magaalaatti qabsoo saboota cunqurfamoo biraatifuu fakkeenya ta’e murna gabroonfattuu wayyaanee irratti  gaggeessaa turaniiru , gaggeessaas jiru.

Murni gabroonfgattuu fi saamtuun Wayyaaneen waggoota 25n darbaniif ummata keenya weerartee, saamtee, hidhaa fi ajjeesaa turteetti. Ammas yoo danda’ame kanuma itti fufsiisuuf daaddifachaa jirti. Haata’uutii ummanni Oromoo hidhaa fi ajjeechaa murni tun waraana bobbaaftee gaggeessaa jirtuuf hin jilbiiffanne. Qabsoo Isaa, qabsoo hidhannoo; FXG finiinsee itti fufeera. Wayyaanee  gabroonfattuu waggoota 25n darbaniif isa goolaa fi saamaa turte qarqara kufaatiirraan gaheera.

Wayyaaneen har’a  qabsoo Oromootin  dhiphuu  hamaa keessa jirti.  Balaa guddaa qabsoon Oromoo  irraan gaheenis kan qabdee gadi dhiistu wallaaltee asiif achi unkuramaa jirti. Dhiphachuun unkuramaa jiraachuu ishiitiif ammoo enyuyyuu caalaayyuu ragaa guddaan hojiidhuma ishiin waggaa guutuuf itti jirtu tartiibaan ilaaluun qofti gahaadha.  Erga Qabsoon Oromoo, FXG  baadiyyaa magaalaatti finiinuu eegalee asii qofaa  dhiphuu itti buleen  yoon  humrii dheereeffadhe jettee  hololaa fi tarkaanfilee baayyee gara jabummaa ishii argisiisuu fi  kofalchiisoo ta’anii fi karaa kamiinuu  qabsoo sabootaa dhaabuu hin dandeenye danuu fudhattee jirti. Dura namoota nagahaa karaa naghaa mirga isaanii gaafatan hidhuu, ajjeesuu fi dararuutti kaate, inni ta’uu dinnaan  jijjirama gadii fageenyaa jettee hololuutti deebite. Innis fudhatama dhabnaan labsii yeroo atattamaa jechuun waraana amma funyaanitti hidhate bobbaafte ajjeechaa jumlaa (Genocide} gaggeessite. Isaaniis hin milkoofne qabsoon ittuma fufe. Baatii 6 fi 7 dura  dhibbaa -100tti ummati nujaalatee nufilate jettee mootummaa dhaabde jigsitees kunoo fakkeessiif ergamtoota biroo maqaa Oromootinis, maqaa saboota biraatins muuddee jirti. Kanas kan gurra itti kennee gafii keenyatu deebi’e jedhee fudhate hin jiru. qabsoon mirga abbaa biyyummaa kunoo ittii fufee jira.

Amma barri  isaa; bara  gaafii ummataa itti fakkeessuun, sobaa fi sossobaan  akkasumas dorsisaan bira darbanii miti.  Ummannis amma gaafiin isaa galma gahutti nama biraa hin hafu.  Hafaas hin jiru.  keessumaa ummanni Oromo yeroo ammaa kana  hiree ofii ofiin murteeffachuuf, gaafii mirga abbaa biyyummaa isaa dhugonfachuuf qabsoon inni irra jiru kanneen hafaniifuu fakkeenya  guddaa ta’aa jira. Ajjeechaan , hidhaa fi doorsifni ykn sobaa fi sossobaan qabsoo isaarraa isa gufachiisaa ykn dagaa  hin jiru. Karaa kamiinuu  ta’u qabsoo isaa finiinsee gaafii saa, gaafii haqaa galamaan gahachuun waan hin olle. Dhugaan Oromiyaa keessa jiru kanaa fi kana.

Wayyaaneen waggoottan 25n darbaniif Mirga ummatootaa, aadaa, seenaa fi kanneen kana Kff…. kabajee kabachiiseen jira jettee hololaa fi  sobaa turtee jirti. Keessumaa ammoo erga maqaa  Sadaasa 29 guyyaa sabaa fi sablammootaa jettee hololuu eegaltee asii sobni  ishiin maqaa sabootaatiin hin tarrisiin hin jiru. Waggaa waggaan sadaasa 29 guyyaa  mirgi sabootaa fi sabalammootaa itti kabajame jettee sirbaa fi dhiichisaan lafa goosaa turte. Kan baranaatifis erga holola eegaltee oolee buleera. Haata’uutii Ummattoota cunqurfamoo biyyattii keessumaa ammoo ummata Oromoo dibbee sobaa dhaanamaa jiru kanaaf takkaawuu gurra kennee hin beeku. Kan baranaatifis sirbii fi dhichifni inni addabaabaayii bahee murna gabroonfattuu fi ajjeechaa jumlaa irratti raawwattu waliin sirbu hin jiru. Bara wayyaanee  Oromoon hidhaa, ajjeechaa fi biyyaa godaansifamuu malee wanti  buufate hin jiru.  keessumaa ammoo barana ajjeechaa jumlaa hora arsadii ayyaanaa irreechaarratti waraana wayyaanee Aga’aaziidhaan raawwate dabalatee yoo xiqqatee  Oromoon  kumaa 2 ol  yeroo waggaa tokko hin guunne keessatti waan ajjeeffameef, kuma kurnootaan madaahee, kuma  hedduun mana hidhaa waan jiruuf gaddarra jira malee  itti tolee sirbarra hin jiru. gaafiin isaas, gaafii mirga abbaa biyyummaati malee sirbaa fi dhiichisa waan hin ta’iniif waggaatti si’a tokkoo sirbuun wareegama Oromoon baasaa turee fi jiruuf deebii hin ta’u.

Murni gabroonfattuu wayyaaneen  of sobaa fi gowwoomsaa jirti. Inni ishiin guyyaa sbaa fi sablammootaa jettee akka waan gaafiin sabaa fi sablammootaa marti deebi’eetti waggaa waggaan  sadaasa 29 jettee hololtu  kun karaa kamiinuu fudhatama hin qabu. Gaafii sabootaatifis  deebii ta’uu hin danda’u.

Gaafiin saboota cunqurfamoo keessumaa ammoo gaafiin  ummanni irratti wareegamaa turee fi jiru gaafii hiree ofii ofiin murteeffachuuti, gaafii mirga abbaa biyyummaati. Amma inni kun deebii argatuttis hololo bubuutun qabsoo isaa hin dhaabu. Sirbaa fi dhichisni fakkeessii  waggaatti gaafa 1  magaalootarra deemaniii ergamtoonni sirnichaa lafa qaaccessaa olananiin Oromoo sobuun hin danda’amu. Guyyaan sirbaa, guyyaan dhiichisaa gaafa saboonni hiree ofii ofiin murteeffataniidha. Gaafa wayyaanee jalaa bahaniidha. Barri bara fakkeessanii, sobanii fi nama sossobanii ittiin jiraachuu danda’anii miti. Kan dorsisaan callisuus hin jiru.///

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …