Oduu Haaraya

Siyaasaa fi amantii

Akkuma beekkamu baroota dabran keeysa gaafa mootummaa EPRDF sanitti hoggansa amantiin isaa islaama tahe irra hedduun isaanii maqa balleeysii amantii isaaniitti labsamaa ooltu fudhachuu dadhabuu fi hubannoo gahaa, obsa fi tooftaa itti ofirraa deebisan dhabaaf aangoo gadlakkisaa turan. Bara san keessa yeroo fi bakka adda addaatti hoggantoota sadarkaa gadi aanoo hanga ol’aanootti hojjachaa turan kan dhiibbaa fi jibbansa motummaa bara sanii kan ol’aatummaa TPLFn irra gahe osoo abdii isaan hin kutachiisin Magaalaa teenya Dirree Dhawaa saamiinsa akka malee fi lubbuu ilmaan isii baay’ee du’a irraa oolchuun shoora hammana hin ja’amne bahachaa fakkeenya dargaggeeysa baratee fi biyyaaf yaadu akkasuma biyya isaa jaalatuuf tahuu danda’an.barnoota amantii islaamaa fi idilee walfaana barachaa waan guddataniif sodaa rabbii qaban. Namni sodaa rabbii qabu haqa hawaasaa fi Rabbii waan ofirraa eeguuf midhaa fi gara jabeenyummaa akka malee hawaasa isaa irratti hin hojjatu.

Yeroo ammaa kanatti gahuumsa hedduu cimaatiin akka Dirree Dhawaa qofatti osoo hin taane akka baha afrikaatti Magaalaa teenya dorgomtuu taasisuuf hojiin isaan hojjachaa jiran nama boonsa. Dhugaa dubbachuuf teamspirit fi waljaala isaan qaban diina hinaafsisa.amantii ofii onneetti siyaasaa harkatti qabatanii jijjiirama arganne kana galmaan gahuu irratti gahee leencaa bahachaa jiaran.

Dinni Dirree Dhawaa biyya jaalalaa irraa gara jibbansaatti jijjiiruuf tattaafatanillee cimina leencota lamaan kanaan isaaniif hin milkooyne.ofii isaanii qofa osoo hin taane hoggantoota sadarkaa kaabinee hanga jalaatti tokkummaa fi obbolummaan hojjachaa fi hojjachisaa kan jiraniidha. Nutiis akka dargaggeeysa Magaalaa tanaatti qajeelfama roga hundaan fakkeenya isaan irraa fudhachaa hojii gaarii fi fakkeenya taate hojachaa jirra. Kabajamtoota obboleeyyan keenya Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Dirree Dhawaa Obbo Kadiir Juhaar fi Itti Gaafatamaa Dura taa’aa Paartii Badhaadhinaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa Obbo Ibraahim Yuusuf Fakkeenyummaa fi Urjii Dirree Dhawaati Siyaasaan namooma fi amantii isaaniitti dhiibbaa hin uumne.

Dirreen Dhawaa milkii 3 arkatte

1. Hoggansa amantii isaa fi ulamaa’ii jaalatu arkatte.

2.hoggansa siyaasaan bilchina qabu arkkatte.

3.Hoggansa Barnoota amantii fi idileetiin cimaaa arkatte.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *