Categories: Yaada

Sochii Tarkaanfiif fuchachuu bara 2015

Hawi olani Kesesaatiin

 

Uummatni Oromoo baroota darban keessatti qabsoo bilisummaa isaatiif adeemsisaa ture keessatti dargaggootni qabsoo boonsaa galmeessisaa turuun  isaanii beekamaa dha. Jalqabaa qabees wal’aansoo farra garbummaa keessatti barattootni Oromoo, dardarrii fi shamarraan kan afaaniin dhaadatanii  qofa osoo hin taane aarsaa boonsaa kanfaluun kan tasumaa ni galagala jedhamee kan hin yaadamne galagalchaniiru, kan ni jijjiirama jedhamee hin yaadamnes jijjiiraniiru. Isa kanaaf ammoo aarsaa hanga lubbuutti kan gatii baasisu hunda keessatti hirmaachuun kanfalaa turuun isaanii ni yaadatama.

Aarsaa boonsaa kanaan uummatni Oromoo jarraa taraniif kan lafa ilaalchisee fi goophesse jala akka mataa ol qabatanii deemaniif bara itti wal’ aansoon hin taane tokko iyyuu hin jiru. Isa kanaaf heedduun dararamaniiru, reebamaniiru, biyya oromaattis bittaa alagaa diduun baqataniiru.  Haa ta’u iyyuu malee dararamaa fi rakkina sodaachuun hin callisne. Maalummaa isaanii rakkina dandamachuun mirga uummata Oromoo kabachiisuuf  boodatti hin deebine. Inni kun har’as taanaan hanga ilmaan Oromoo jiranitti kan boodatti deebi’u hin ta’u. Hanga goototni saba Oromoo jiranitti Oromoon har’as ta’e bor boquu isaa buusee akka gaala biyya ormaatti qaaniin afaan isaatti yeella’uun ciqilee ormaan gadi qabamee hin jiraatu. Isa kanaa wareegama kamiin iyyuu baasuun saba kana haala inni keessa jiru keessaa baasuun kan maree barbaadu hin ta’u. Sababi isaa haalli qabatamaan mul’atu isa namn Oromoo ta’e kam iyyuu callisee maaltu na dhibe jedhee taa’u hin ta’u. Yeroo kam caalaa harka wal qabachuun fiixeetii hanga fiixee biyya Oromootti socho’an hirree garboomfataa cabsuuf wal’ansoof qophaa’uun yeroon isaa amma . Kanaan dura baroota darban waggoota digdamaa oliif uummatni Oromoo bittaa saba muraasaan dararamaa turuun beekamaa dha. Si’achi garu hanga nuti ilmaan Oromoo jirrutti inni kun itti fufuu hin qabu.

Haaluma kana irratti hundaa’uun bara haraa kanatti kanatti dargaggootni, barattootni akkasumas uummatni Oromoo maal gochuun akka irra jiraatu kallattii hundumaan sochii barbaachisaan godhamuun hirree garbooftaa cabsuun uummata bara dheeraaf mataa isaa gadi qabate jalaa baasuun barbaachisaa ta’a. Isa kanaaf haala qabatamaa sabni Oromoo keessa jiru hubannee tarkaanfii cimaa bara 2015 keessa fudhatamuu malan ilaalchisee waliin socho’uun barbaachisaa dha.

Rakkoolee qabatamaa yeroo ammaa uummatni Ormoo keessa jiru ilaalchisee akkuma beekamu Ummatnii Oromo hanga eenyummaa isaa dhabu irra ga’ee jira. Isa kana keessaa yeroo ammaa waraqaa eenyummeessaa uummatni Oromoo naannoo bulchiinsa magaalaa addaa Finfinnee jiraatan karaa kamiin iyyuu mirga lammummaa sababa hin qabneef akka namaatti ilaalamanii waan dhalli namaa argachuu malan argataa hin jiran. Filuus ta’e filatamuu hin dandaa’an. Daldala irratti kan hirmaatan yoo jabaatan qofa waggaa tokko hojjechuu danda’u. Warri hojii mootummaa keessan jiran abbaa manaa fi haadha manaa gargar baasuun, namoota doofaa isaan deggeran qofa OPDO’n kaa’achuun manni namoota heedduu jalaa diigameera. Mana jireenya namoota Oromoo ta’anii keessa ari’uun maqaa investimeentiin saba kan biraaf kennameera. Namootni baratan heedduunis hojjechuu utuu dandaa’anii hoji maleeyii ta’aniiru. Kan hojjechuun irra hin jiraanne dandeetti kamiin hin qabne angafa gochuun akka hayyuutti lakkaa’amaniiru. “Biyya fardi badde harreetu garmaama” jedhama mitiiree?  Isa kanaaf yeroo kam caalaa Qaruuxeen OPDO hattuu fakkaachuun mana namaa seenuun raga addaa addaa waraqaa ragaa barnootaa dabalatee jala fuudhuun namootni heedduun akka hojii kamiin iyyuu hin hojjenne ta’aniiru.  Isa kanaaf Oromoon marti yeroo ammaa kana addumaan bara 2015 keessa tarkaanfii addaa hirree garboomfataa cabsuuf fudhatamu keessatti akka iyya bokkaa dabarsuun sochii boonsaa kanaaf qophaa’uun filannoo hin qabu. Dhaamsa barbaachisaa waliif dabarsuun gurmaa’uun qabsoof ka’uun kunoo har’a.

Kanaaf Uummatni keenya eenyummaa isaa isa sarbame haa gonfatuuf dargaggootni Oromoo hidhannoo qabsoo fonqolcha abbaa hirree keessatti hirmaachuuf martinuu  waliin socho’uun barbaachisaa dha. Naannoo jiran maratti uummatni Ormoo addumaan dargaggootni Oromoo tarkaanfii qinda’aa cabsuu abbaa hirree keessatti hirmaachuuf :

  1. Dargaggootni bakka jiran maratti waliin mari’achuu, diddaa bittaa garboomfataa kanaan dura ture cimsanii itti fufuu, achumaanis filannoo dhufu kana keessatti tarkaanfii addaa fudhatamuuf of  qopheessuu,
  2. Hubatnoo qabsoo Oromoof ta’u keessatti ammaa eegaluun akka qophee barbaachisaa gochuun sochii eegaluu. Inni kun kanaan dura akkuma beekamu kallattii addaa addaatiin itti fufee jiraachuun isaa ifaa dha.
  3. Filannoo keessatti uummatni Oromoo sababa waraqaa eenyummaa dhorkamaniif filachuus ta’e filatamuu hin dandeenyeef tarii bitamtoota OPDO qofa irraa kan hafe akka Oromoon hin filanne beekamaa dha. Kanaaf Oromoo kan ta’e kam iyyuu fulannoo dhufu kana akka hin filanne, isa kana ammo akka hiriira nagaan wal qindeessee ba’ee uummata addunyaa akka hubachiisu gochuu,
  4. Warri filamanis akka uummatta Oromoo hin ilaallanne akkasumas akka uummata kana hin hammannee warri filamanis uummata Oromoo akka bakka hin buune qabsoon biyyya keessattis ta’e alatti bifa qindaa’aa ta’een akka eegalu, kan eegales akka itti fufu.
  5. Tarkaanfiin kun bifa ittiin guutummaa uummata Oromoo hirmaachisuu danda’uun akka ta;uu malu. Isa kanaaf ammo akka naannootti, gandaatti, aanaatti, caasaa ijaaruun wal gurmeessuun gara qabsootti akka seennu

Walumaa galatti bara 2015 keessatti uummatni dararame Uummanni Oromoo bifa qinda’aa ta’een socho’uuf wal qindeessuun akka tarkaanfii barbaachisaa ta’e hunda bifa qinda’aa ta’een fudhannu cimsinee beeksisuun Oromoo bittaa bara dheeraa, dararama dhuma hin qabne keessaa baasuun barbaachisaa dha.

Injifannoon Uummata Oromoof,

Hawi olani Kesesa

31/01/2015

 

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

1 month ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

1 month ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

1 month ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

1 month ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

4 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

4 months ago