Oduu Haaraya

Ummanni Oromoo jechoota Abiyyi dubbateen sobamuu hin qabu

M/Minsteeraa ta’uu kootu hafa malee Ummanni Oromoo waan isaaf malu dhabuu hin qabu. Ummanni Oromoo baayyinni isaa 35% ta’ee fi biyya kana keessatti sochii ijaarsa sirna diimookiraasii fi misoomaa taassifamaa jiru keessatti shoora olaanaa bahaa jiru. Hamma baayyina isaa aangoo sadarkaa Federaalaatti jiru keessatti gahee isaaf malu hin arganne.

Kun gara fuulduraatti dhimma labsii fi seeraan sirraa’uu qabuudha. Oromoon sababan Muummicha Minsteeraa biyya kanaa ta’eef faayidaa isaaf malu argachuu hin qabu jedhanii warri olola gaggeessan, olola akkanaa oofuu irraa dhaabbachuu qabu. M/Minsteeraa ta’uu kootu hafa malee, ummanni Oromoo waan isaaf malu tokkollee dhabuu hin qabu”

Lafee isaanii qabrii keeysaa guree mana galftee jechoota akkanaan kanaan ummata Oromoo gowwomsuu barbaadeeti moo irrumaa dhuga? Hanga ar’aa eeysa ture? moo falfalaatu amma irra gale…

Dr.Abiy Ahimad M/Minsteeraa Toophiyaa.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …