Categories: Yaada

Ummati keenya  karaa Adda Addaan Dhumaa jira!

Baarentuu Gadaa
gessogeda@gmail.com

Erga guyyaatti 3 ol nyaanna jedhamee Wayyaaneedhaan hololamu eegalee
waggoottan 24 darbaniiru. Muummicha ministeeraa wayyaanee kan ture
Mallas Zeenaawiirraa eegalee hanga ergamticha har’aa H/Maariyaam
Dassaalanyitti guddinarratti guddinni ida’amee, parsantii 11 oliin
gudataa jirra jedhamee afarfamaa  tureera. Guddinnii fi dhaadannoon
waggoottan 24 darbaniif hololamaa ture garuu  kunoo dhadhaa abidda
bu’e ta’ee hafe. Guddinni gaafa afaan qawweetiin haangottii dhufan
irraa eegalanii hololaa turan as buuteen isaa dhabamee ummattoonni
biyyattii beelaan mankaraaraa jiru. Impaayeera Itiyoophiyaa keessatti
beellii fi gadadaoon babalatee  namni  miliyoona .15 ol  ta’u kan
afaaniin qabatee bulu hin qabu. Inni guyyaatti 3 fi sanaa ol nyaata
jedhame takkaa dhabee  beelaa fi  dheebuun harcahaa jira.
Dhugaadha miseensoonni Wayyaanee fi lukkeeleen sirnichaa saamicha fi
malaanmaltummaa afaan qawweetiin gaggeessaniin quufanii bulaa jiru.
Duroomanii midhaan filatanii nyaatu, wuskii bakka dhaqanitti
dhangalaasu,ciree Finfinneetti yoo nyaatan dhayanni isaanii Awuroopaa
ta’uu danda’a. Abbaa fooqii hedduutii, makiinaa akka kaalsii miilaatti
guyyaa guyyaan jijjiirratu. Warshaaleen biyyattii keessa jiran kan
isaaniti. Ummattoonni cunqursaa fi saamicha sirnichaa jala jiran
miliyoona 15ni olitti tilmaaman garuu beelaan harcahaa jiru. Qayee fi
qabeenyarraa buqqawaa jiru. Biyyaa baqatanii gammoojjii biyya ormaa fi
galaanatti dhumaa jiru.
Mootummaan Wayyaanee mootummaa gama hedduun ummattoota Impaayeera
Itiyoophiyaa keessa jiran, keessumaawuu ummata Oromoo addatti irratti
xiyyeeffatee fixaa jiruu dha. Murni saamichaaf umame kun gama tokkoon
nama mirga isaa fi lammii isaatiif falme; barattoota qalama malee
harkaa hin qabnee dabalatee, sabboontoota rasaasaan karaarratti fixaa
jira. Kaan mana hidhaatti guuree, kaan ammoo qayee fi qabeenyarraa
buqqisee, carraa hojii fi barnootaa dhorkatee  mankaraarsaa jira,
biyya dhablee taasisuun kan biyyaa baqachiisee gammoojjii, galaanaa fi
kaampii baqattaatti fixes manni haa lakkaawu.  Haacaaluu ammoo kunoo
amma nama miliyoona 15 ol beeleessee kadhaa fi du’aaf saaxilee jira.
walumaa galattii  ummattoonni biyyattii keessumaa Oromoon beelaan,
baqaan, rasaasaan , hidhaan  goolamaa fi  dhumaa jira jechuutu
hundarra salphata.
Murni Wayyaanee karaa adda addaan beela  nama mil 15 ol miidhaa jiru
kana dhoksuuf yaaluus, yeroo kaan ammoo lakkoofsa isaa gadi buusee
himuuf carraaqus namni dhumaa, abdiin qotee bulaa fi horsiisee bulaa
beeladoonni  karraan harcahaa jiru. Akka BBC fi AL-JAZIRA dabalatee
miidiyaaleen idil addunyaa hedduu fi dhaabooleen gargaarsaa adda addaa
yeroo ammaa kana  ifa taasisaa jiranitti impaayeera Itiyoophiyaa
Wayyaaneedhaan bulaa jirtu keessatti beelli namoota mili. 15 ol , kan
irra jiraan isaa saba Oromoo ta’e akka malee hubaa, lubbuu baasaa
jira.
Ummanni Oromoo ummata dachee gabbattuu, lafa sa’aa namaa  tolu
qabuudha. lafti isaa qonnaaf, horsiisa looniin beekamaa dha,
albuudoota adda addaan badhaadhaa dha. Qabeenyi har’a Wayyaaneen
qawwee ittiin bitattee ummata keenya  fixxuun, fooqii ijaartee ittiin
sooramtuun, qabeenyuma dachee Oromoorraa  saamichaan argamee dha.
Oromoon  abbaan biyyaa garuu bahaa- lixatti kaabaa- kibbatti  beelaaf
saaxilamaa, baqachiifamaa fi biyya dhablee taasifamaa jira.
Beelli yeroo ammaa kana impaayeera Itiyoophiyaa muudatee sa’aa nama
fixaa jiru kun, harki guddaan isaa biyya Oromoo Oromiyaa keessatti
balaa gurguddaa dhaqqabsiisaa jira. Wayyaaneen osoo beelli hin jiru,
booda ammoo namni beela’e xiqqaadha jettuu Harargeen bahaa- lixatti,
rakkoo guddaaf saaxilamee jira. Baalee, Arsii lixaatti Onooti Sulula
Riifti vaalii kessa jiran, Shawaa bahaa Ona  Boosatii fi, Karrayyuu
keessatti, Boorana Gujii  fi Walloottii guutummaa guutuutti beelli
hammaatee  guyyaa guyyaan namni du’aa oola. Beeladoonni akka bahaniin
hafaa jiru.
Wayyaaneen akka dhugaan kun gadi hin baaneef dhoksaa turte, yookan
xiyyeeffannoo osoo itti hin kenniin haftee jirti. Ammalleen osoo namni
fulleettii dhumaa jiru, ifatti lakkoofsa dhugaa himuurra dhaaboolee fi
miidiyaalee dhugaa jiru kana dubbatan abaaruu hojii godhattee jirti.
Gabaasa BBCn dhiheesse osoo balaaleeffattuu fi soba jettuu, kanneen
akka CCTV, AL-JAZIRA, OMN, fi marsaaleen  akka Ayyaantuu fi  Gadaa
jedhaman dhugaa jiru addunyaaf dhiheessaa jiru. Miidiyaan  Wayyaanee
kijiba odeessuuf dhaabbate garuu dhihee bari’u misoomni babal’achuu fi
diinagdeen guddachuu lallaba. Ammamuu  lallabus garuu Inni guyyaatti 3
ol nyaatama jedhamee maqaa misoomaa fi guddinaatiin waggoottan 24n
darbaniif hololamaa ture soba ta’uun ifa ta’eera, ija addunyaa duratti
saaxilameera. Sirnichi sirna sobaati, sirna sobaan ijaaramee sobaan
jiraachaa jiruudha. sirna ta’e jedhee ummata  beelaan fixaa jiruu dha.
Sirni Wayyaanee ummata Oromoof diina innikaa dha. Wayyaaneen murna
Ummata Oromoorratti haloo qabattee beelassaa fi fixaa jirtuudha. Iddoo
beelli kun itti hammaate Harargee, Baalee, Shawaa bahaa Onoota akka
karrayyuu,fi  Boosati, akkasumas Arsii lixaa,  Boorana, Gujii  fi
Wallootti hatattamaan gargaarsa lubbuu oolchu kennuurra  deeggartoota
ABOtu naannichatti baayyata  sababa jedhuun midhaan dhorkachaa jirti.
ABOn midhaan isinii  haa kennu, kan filannoo darberratti filattan
OFKOn isin haa dhaqqabu, filannoo darbe irratti nu filachuu diddanii
mormitoota filattan, isaan isin haa dhaqqaban jechuun haaloo ummata
beele’etti bahaa jirti. Midhaanuma tola oltonni alaa ummata beela’eef
erganirratti abbaa tatee deeggartootaa fi mormitoota kiyya jechuun
dhimma siyaasaaf olfachaa jirti. Kun yakka, yakka sanyii balleessutii,
jeenoosaayidiidha.
Ummata beela’e siysaan qoodanii, deeggaraa fi diina jedhanii
beeleessuun yakka yakka caalu, maaf filannoo daberratti nafilachuu
didde, maaf sabboonummaa qabaattee jedhanii gargaarsa halagaan alaa
kenne jalee ofii qofaaf amma barbaadan kennanii kaaniif harka
dachaafachuun hojii gara jabinaa, dinummaa isa dhumaati. Yakka ilmi
namaa namarratti ni rawwata jedhamee hin tilmaamnee dha. Wayyaaneen
garuu  kaayyoo Oromoo dhabamsiisuu qabattee waan deemtuufuu  iddoo
beelli kun itti hammaate  hundattuu yakka raawwachaa jiraachuun ifatti
himamaa jira. Kun roorroo guddaadha, roorroo atattamaan fala argachuu
qabuudha.
Ummanni keenya;  ummanni Oromoo biyyas alas jiru shiraa fi rorroo
Wayyaanee  beela’aa midhaan dhorkatanii siyaasa ofii dalagachuu kana
dura dhaabbachuu qaba.  Dhumaatiin lammii keenyaa nutti haa dhagahamu.
Hiriiraan, miidiyaadhaan, dipiloomaasidhaan haala biyya keessa jiru
addunyaaf hubachiisuun dirqama namummaas, dirqama lammiitisii. Karaa
dandeenyeenis lammiiwwan keenya beelaan harca’aa jiraniif haa
owwaannu.
Dhalataan Oromoo kamuu murna aantummaa ummataa hin qabne, murna ummata
beel’erratti yakka sanyii balleessuu dalagaa jirtuu tana  addunyaaf
saaxiluun dirqama. Murna gara jabeettii, murna  ofii nyaatee isa hafe
beeleessitu, sirna saamichaa, sirna osoo miisooma jettee hololtu
ummata biyyattii walakkaa ol beelassitu, sirna nama siyaasaan qoodee
midhaan gargaarsaa dhorkattu, murna  yakkamtuu akkasii callisanii
ilaaluun hamilee / miira namummaa/ dhabuudha. Dhibee lammiitiif
quuqamuu dhabuudha,  kanarraa ka’uun  bakka jirrutti sagalee tokkoon
yakka Oromoorratti raawwachaa jiru kana gurra addunyaa  haa buusnu.
Ummata keenya du’arraa baraaruuf, yakka irratti dalagamaa jiru
dhaabuuf sagalee dhageessisuun  dubbii fardiidha!~

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

1 month ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

1 month ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

1 month ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

1 month ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

4 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

4 months ago