Oduu Haaraya

Waajjirri Tokkummaa Baqattoota Hawaasa Oromoo Yaman, Haala Yaroo Ammaa

 

Kan baqattoonni Oromoo Biyya YAMAN keesa jiraatan irra Sababii Walibu’iinsa Lolaa Kan Mootummaa YAMAN fi Mormitoota biyyattii Jidduu Yaroo ammaa Magaalaa Guddittii YAMAN Sana’aa keesatti  Lola Guddaa  yaroo yaroon dabalaa jiru kanaaf jacha, jiraattooni lammiilee biyyaattii irra guddiinsi lola kana Lubbuu isaanii baraaruuf jacha magaalaa Sana’aa keesaa gara Magaaloota biraatti Godaanaa jiru,

akkasuma Jiraattooni Baqattoota Oromoo kan magaalaa Sana’aa keesa jiraatan gara baqattoota 7500 hamma 10,000  kan gayan  yootahu Baqattoota kanneen keesaa Baqattoota Oromoo heduminni saanii hamma Nama 50 irraa 70 kan ta’an sababii naannoo keesa jiraatan iddoo Lolli itti jalqabe taheef, karaa ittiin bahan dhabuun Guyyaa sadi dhukaasa lolaatiin marsamanii afaan ibiddaa keesa jiran,

Kana kanta’eef Yaroo ammaakana Dhukaasni lolaa kun magaalaa Sana’aa Waliingahaa jira waan taheef, Haalli  Baqattoota Oromoo Yaman,yaroo ammaa  gaagama hamaa keysa  jira kanta’eef

Koreen Waajjirra Koominitii Tokkummaa Baqattoota Hawaasa Oromoo Yaman, Lallabbii Lamummaa gara Mediyaalee Oromoo-Kominiitiilee  Maraa fi Waldayaalee dhimmi Baqattoota Oromoo tiif dhaabbate  Martinuu akka Nu’iyyaafachuudhaan Rakkina Cimaa keesa jirru kana Gara Hawaasa Oromoo Biyya Ambbaa Keesa Jiraatan Marattii fi Gara Waajjiroota Dhimma Baqattootaatiif  dhaabattan nitti  Nuu iyyattan, Maqaa Hawaasa Baqattoota Oromoo Yamaniin Khabajaan isin Gaafanna.

GALATOOMAA,

Koree Waajjirra Tokkummaa Baqattoota Hawaasa Oromoo Yaman,

 

Taajuu shariif

Dura ta’aa Waajjira TBHOY

 

ida’annoo Dabalata,

Email- oromoo.community@gmail.com

bilbila- 734212375-733495428

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …