Oduu Haaraya
baqattoota oromoo yaman 2015

Waajjirri Tokkummaa Baqattoota Hawaasa Oromoo Yaman, iyyata Lammummaa Oromummaa Gara..

Akkuma Beekamu Guyyaa Arraa 22/01/2015 Bulchaan Yaman (Abdurabo mansur hadi) fi Muumichi Ministera Biyyattii Sababii Jeequmsa Biyyattii keesa deemaa jiru isaanii oltehuudhaan Hujii gadhiisan,
Sababa kanaaf Yaroo ammaa kana Biyti Yaman tan Mootummaa hinqabne yootaatu,Kuniis Fuldureen Nageenya Baqattoota Oromoo biyya Yaman kan Balaaf kan Saaxilame tahuun Hawaasa Baqattoota Oromoo Haalaan Yaachisaa jira.
Kanaaf Waajjirri Tokkummaa Baqattoota Hawaasa Oromoo Yaman, iyyata Lammummaa Oromummaa Gara Hawaasa keenya kanneen Biyya Ambbaa keesa Jiran ammallee Miidiyaalee Dhimma Hawaasa Baqattoota Oromootiif Dhaabbatan akkasuma Walii gala Warroota Rakkina Baqattoota Oromootiif dhaabbatan Maraahu akka Haala Rakkoo Baqattootni Oromoo Biyya Yaman yaroo ammaa Keesa Jiraataa jiran Kana Hubattanii Gocha barbaachisu Hojjachuun Lubbuu Baqattoota Oromoo Kumaantamaan lakkaawamu Balaa kana jalaa baraartan, Maqaa Baqattoota Oromoo Biyya Yamaniin Kabajaan isin gaafanna,

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …