Oduu Haaraya

Waamicha Tokkummaa Gurmuu Qabsaawoota Oromoo

ADDA BILISUMMAA OROMOO

 

Haalli  yeroo  ammaa  oromoo  fioromiyaankeessajiru,yeroo  kamuu  caalaa  diinni bitaa  fimirgaan   ummata   oromoo  irratti  duuluudhaan,   egeree  sabaaf  wabii  kan  ta’an, barattoota,   beektota,    haayyotaa   fi  kaa’immaan   oromoo    gara   laafina   tokko   malee, ajjeessuu,hidhuu,   milkisuu,  biyyaa  baasuu  fiqabeenyaisaasaamuuttimurteef£ateejira. BittootiinEmpaayeraEtiyoophiyaadhufaa  darbaa  jiran,  oromoo  ajjeessuu, xiqqeessuu, tuffachuu,abbaabiyyummaa  isaasarbuu  fikkfakkaaadaatti  fudhataniijim.Barabittaa sima  bicuu  wayyaanee  kanas,  bifasuukanneessaa  ta’een   oromoon  jumlaan   ajjeefamaa fibiyya  abbaa  isaairraa  dhiibamaajira.

 

Faallaa  kanaa  ammon  ilmaan  oromoo  yeroo  kamuu   caalaa  bilisummaafimirga isaaniif  falmachuuf,yeroo  dammaqiinsiilmaan  oromoo  gudatee   dha.  Haalli  kun  diina keenya   eddu   yaaddessee  jira.  Abdii   kutannaa    kana   irraa   ka’uudhaan   wayyaaneen ummata   mirga  dimokraasiifibilisummaagaafate,  deebiirasaasaa  kennuuf  murteeffatee jirti.  Gochaa   fi  sodaachisa  diinaaf   otoo  hin  jilbeefatiin  ilmaan   oromoo   keessummaa dhalloonni  haarawaan(New   Generation)  gaaffii  mirgaa   fiabbaa  biyyummaa  oromoo milkeessuuf  garaa   kuteenyaan   rasaasa   diinaa   dura   dhaabataan   haarsaa   lubbuu   itti kaffalaajiran.

 

Gatii  fi  haarsaan    ilmaan   oromoo   yeroo   ammaa   kaffalaa   jiran   diina   hundeen raasuu   duwwaa   otoohin  taane,  ilmaan   oromoo   mara  akka  gootummaan  diina  dura waloon   dhaabatan   dhaamsa    dabarsee   jira.  Gummaan  ilmaan   oromoo   wayyaaneen wareegaman   kan   bahu,   ilmaan   oromoo   amantaa,    siyaasaa   fi  gareen   otoo  wal   hin qoodiintokkummaanyoodhaabbanneeqofa. Yerooammaaajandaan  ilmaanoromoo tokkummaa  dha.  Tokkummaa  roga  hundaa   alaa  fikeessatti  jabeeffachuun  fardii  dha. Oromoonwalmalee  akka  £irahin  qabne  ifattimuldhateejira.Kanaafjechatokkumma bara   baraan   oromoon    dhara’aa  jiru,   afaaniin   dubbachuu   duwwaa    otoo  hin   taane, gochaan  muldhisuu  qabna.  Waamichatokkummaa  ilmaan  oromoo  dhiiga  ittikaffalan firii  argamsiisuu   qabna.   Ilma   oromoo   fi  oromoof   kan   dhaabate,  dhaaba    siyaasaa, jaarmiyaa   hawaasaa   fi  amantaalee   oromoo    gara   garaa   tokkummaan   qabsaawota oromoo  akka  milka’u   gahee  isaanii  bahuu   qabu  jenna.   Haarsaa   tokkummaan  gaafatu kaffaluuf    qophii    ta’uu    qabna.    Kanaaf    yeroon    ammaa    kun    yeroo    atattammaan tokkummaa  gurmuu   qabsaawotaoromoo   milkeessinuudha.

 

Osoo    haalii    amma    kuni    hindhalatinniin    dura    ABOn       barbaachisummaa tokkummaa   gurmuu   qabsawootaoromoo  itti   amanu’uun    murtii  gumiin  sabaa  ABO dabarseen  Koree   tokkummaa    gurmuu    qabsawoota  oromoo     ijaarree   tokkummaan qabsaa’otaa  oromoo  akka  milkahuu,  mooraa   qabsoo  oromoo  keessatti  ilaafiilaameen akka    dhugoomu    mamii    tokko    malee    hojachuuf   koreen    tokkummaa       gurmuu qabsawoota   oromoo    qajeelfamaa  fi  karoora    bafatee   hojjataa   turtee.   Tokkummaan gurmuu   qabsaawoota   oromoo   akka  dhaaba   keenyaatti  dhimma   toftaa  otoo  hintaane dhimma     tarsiimoo    ti.    Kanaaf     akka    dhaabaatti    haarsaa     tokkummaa    gurmuu qabsaawoota  oromoo   milkeessan  hundaa    kaffaluuf   qophii   dha.   Tokkummaan   kan milka’u   hunda   dura  ilaa  fiilaameedhaan  walitti  dhihaatanii  dubbachuu,  mari’achuu, bilchinaan  wal  dhaggeefachuu  fimaal  irratti   tokkoomuu  akka  qabnu  wal  hubannoo huummachuun   jalqabama.  Danqaa   tokkummaa  gurmuu   qabsaawoota  oromoo   fiduu malan    irratti    xiyyeefachuu   irra,    malaa    fi   toftaa    danqaa     tokkummaa    gurmuu qabsaawoota    oromoof     ta’uu     malan     sadarkaa     sadarkaan    irra    aanaa    deemuun barbaachisaajenna.  Kunitarkaanfiijalqabaa  ta’uu  qaba.

 

Addi   Bilisummaa  Oromoo   (ABOn)  waamicha  maree   fi  tokkummaa    gurmuu qabsaawoota  oromoo  milkeessuuf  dhimmoota  gufuu  ta’uu   malan  irratti  xiyyeefachuu irra,  dhimmoota  waloon   irratti   waliif  galuun   daanda’  amu  kumaatamatu   jira  jedhee amana.  Akka  dhaaba  keenyaattixiyyeefannaankeenya  egeree  qabsoo  keenyaa  ti.Maree waloon  goonu  kana  keessatti  tokko  mo’ataa  kan  biraa  mo’atamaa  jennee  hinamannu. Kan  mo’atamu   gufuu  tokkummaa    gurmuu   qabsaawoota  oromoo  fidiina  oromoo   ti. Kan  mo’atu  oromoo  fidhaabbileewaloon  tokkummaa  fiduuf  dhama’  anhunda  jennee ilaalla.  Imaamatakana  irraa  kaanee  maree  oromoo  mo’achiisuu  fidiina  keenya  waloon mo’achuuf  taasisuu   qabna  jennee  waamicha  tokkummaa  gurmuu   qabsaawootaoromo jaarmiyaa  sisyaasaa,hawaasaa    fi  nama    tokkumaa   oromoo    barbaaduu   hundaaf dhiheessina.

Akka   dhaaba   keenyaatti    dhimma    waloo   wajjin   marl’achuu   fi  diina   waloon qabnu  waloon  ofirraa  kaasuuf  tattaaffii  godhamuu   hundaa   nideegaraa.  Affeeraa  Adda Dimokraasummaa     Oromoo   (ODF)irra  nuuf  ergameellee   ijuma  kanaan   ilaalaa.  Waan irratti  woliin  hojjatuu   dandeenuu   woliin  hojjatuuf  qophii  ta’u  keenna  mirkanneeesinaa. Mariin  ilaa  fiilaamee  dhaabbilee   murta’  anduwwaan   otoo  hin  taane,  dhimmi   oromoo nu  ilaala  qaamni  jedhu  hunduu   waltajjii  tokko  jalatti  mari’achuu  qabna  jenna.  Kanaaf dhaabni  keenya  waltajjiin  waloo  dhaabbilee   siyaasaa  hundaaf   akkauumamu   gahee  isaa nibaha.   Kana  irraa   kaafnee   waamicha   hundaaf    goona.     Namii  tokkee   fijaarmiyaan dhimmi    tokkummaa     gurmuu   qabsaawoota   oromoo  naa  ilaalajedhuu   hundii  waltajjii uumamuu   irratti    yoodhiyaatee  gammachuu   keenna  ta’uu  jabeesinnee  dhaamina.

 

Akka  dhaabaatti    mareetti   seenuuf   hunda   dura   barbaachisummaa     tokkummaa gurmuu   qabsaawoota    oromoo   irratti  akka  dhaabbileen   siyaasaa,   waldaaleen   hawaasa oromoo   fibeektootiin   oromoo   hubannoo   waloo  qabaannuu    fidhimma   tooftaa  yeroo osoohintaane,  akka  tarsiimootti   fudhannee   yeroo  gabaabaa  keessatti  akka  milkeessinu waamicha  goona.

 

Maree  tokkummaa   gurmuu    qabsaawoota   oromoo  milkeessuuf:

 

A.  Ajandaa  waloon  irratti  marl’annu  akkawaloon  wixinannu.

B.  Tartiiba    maree    (duraa    duuba)    tokkummaan     itti   utubamuu     qabu    waloon wixinachuu.

  1. Bifa   tokkummaa     ittiin    uummannu      (tumsa,    adda,    walitti    baquu)    waloon tolfachuu.

D.   Toftaa  fimala  tokkummaan    qabsa’otaa   oromomoo   ittimilkahuu   malu  waloon wixinachuu.

E.  Tarsimoo  mariifitokkummaa   qabsaa’otawaloo  wixinachuu.

F.  Dhimmoota    garaa   garummaa    babaldhisan     irra,   dhimmoota    walitti   nufiduu malan  waloon  wixinachuu   fi kkf…waliin  dubachuu   qabna.

G.  Waliin  mari’achuuf   gidduu  keenya  gareen  sadaffaa  jiraachuu  hinqabu.  Kallattiin waliin  haasahuu   danda’uu   qabna.

H.  Qajeelfama  (codeofconduct)  maree  keenyaa  waloon  wixinachuu.

 

Kanabooda  afuura  oromummaa   fiilaafiilaameetiin   tarsimoo  qabsoo  oromoo  finiinsuu danda’  an  roga  hundaan   baafachuu   dandeenya.    Injifannoon   hunda   caalu  tokkummaa gurmuu   qabsaawoota    oromoo   uumuu   danda’uu    keenya.  Diinni  keenya   yeroo  hunda kansodaatu  tokkummaa  keenyaa.  Nuti  tokkoomnaan  diinni  keenya  ijaafigurra  dhaba. Qabsoon  ilmaan  oromoo  waggaa  dheeraaf  taasisan  injifannoongoolabama.

Waamichi     tokkummaa        gurmuu     qabsaawoota    oromoo     kuni    akka    milkayuuf hawaasinni  oromoo,   beektoonni  oromoo,   dargaggoonni  oromoo,   shamaraan    oromoo, manni   amaantii    oromoo   ka  Isilamaa,   Kirstanaa    fi  Waaqqeefataa    hundii      diibbaa barbaachisuufgodhuun  moraanqabsoo  oromooakka tokkummaa  waamicha   goona. Akkasumas  qaaminni   tokkummaa  gurmuu   qabsaawoota  oromoo  hawu  namiin  tokkoo irraa  jalqabee  haga   gurmutti   tokkummaa  gurmuu   qabsaawoota  oromoo   milkeessuuf qooda  kennuu  dandeetaanii  hunda  akkakennitaan   kabajaan   gaafanna.

Kanaaf,      dhaabni    keenya   ABOn   dhimmoota   kana   dhaabbilee   siyaasaa      oromoo, hawaasa   oromoo,   beektoota   oromootiif   nama   dhimmi   kuni  na  ilaala  jedhu   hundaa wajjin  haqummaafiqulqullinaanhojachuuf    qophii   dha.  Kaayyoon   ilmaan   oromoo dhiiga   ittidhangalaasaniifilubbuu  isaanii  qaalii   ittikaffallanni  nu  tokkoomsuu  qaba jenna.

 

Injifannoonummata   oromoof

Tokkummaanhumna. General  Kamaal  Galchuu

Hayyuu  Duree  Adda  BilisummaaOromoo

 

Adda  BilisummaaOromoo

 

Waxabajjii2I2014

 

 

 

 

Dhaaboota  Siyaasaa:

ABO-Dawuud  Ibsaatiin  hogganamu

ABO-DhugassaaBakakkootiin  hogganamu

ODF

ULFO

Adda  Bilisummaa  Oromiyaa

Gurmuu   Qabsaawootaa   fiMiseensoota    ABO

Dhaabootasiyaasaahintaanee(DromoCivicorganizations)

Hawaasaa   Ormoo  Minniisootaa Hawaasa  Oromoo  Washigton  DC Hawaasa  Oromoo  Awustaaraliyaa Hawaasa  Oromoo  SouthAfriikaa

Waldaya  Hawaasa  Oromoo   BiyyaMisiri(Egpt) Hawaasa  Oromo  biyya  Yamaan

Waldaya  Qorannaa    Oromoo  (OSA)

 

Waldaya  dargagoo  oromoo  kaaddunyaa(   lOYA) Mana  Amantaa  Kiristaanaa   Oromoo   (Minnesota)

Mana  Amantaa   Muslima  Oromoo   (Oromo   churches   inMinnesota) Waldaya  Waaqeefanaa   Oromoo  (Oromo  mosques  inMinneosta) Oromo  Citizens  council  ofMinnesota

DromoMediaoutlet

Oromo  Medianetwork

VoiceofOromia  (MN)

OromovoiceofRadioAustaralia

Bilisummaa  .com

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …

5 comments

  1. yoo qabsoo feetan baddii keesaniif dhiifama gaafadha. maal ximiret ijartan eesa ga`e? G7 isin gatee?

  2. yaanni keesan bareedaa garuu Hooganoonni dhaabota oromoo ta biro tokkoomuu hin barbaadduu cadhisaatii dalagaa keesan itti fufaa.ka barbaade haa dhufu karaan keesanumatuu sirrii irra jiraa jabaadhaa.

  3. Yaada heduu gaariidhaa ilmaan oromoo yaamichaa Kanaa dhaagesaan hundii akkaa awwataan anis akkaa Oromo tokkotii yaadaa Kanaa cinnaa naandhaabadhaa waan naraa barbaachisuu hundaa bahuufis qophidhaa

  4. An akka yaadutti dhaabonni oromoo tokko ta’uu qaban ka jedhu hin deegaru garuu hundduu bakkuma jiranitti saba osoo qabu dhabe kana rakkoofi gadadoo jalaa baasuufi murannoon dalaguun milkkiin nu gaha jedhee Amana.haa ta’u malee yaanni General Kemal Faati yaadan kun baayyee bareedaadha.dhugaan jirttu garuu hooganaan dhaaba Oromoo kamuu kawaamicha kana jalaa awwaatu hin jiruu isinummaan jabaadhaatii dalagaa isin bira dhaabannaa jedhee dhaamssa kiyya dabarssa.

  5. Gaabbii hin gudisin

    Dhaabonni Oromoo himattu tun Oromoo sobuu barbaaddii beekaa.Hundduu wol waama ka awwaatu hin jiru.tapha akkanaa dhiisaa waan Oromoofi harkkaa qabnna jetan Murannoon hujii irra oolcha.akka sanittuu ummatuma jijjiirama himatu kanatuu Oromoofi waa fida fakkaataa dadadaaquu dhiisaatii waan Oromoo tolaa murannoon dalaguun woyyaanee buqqisaatii Oromoo bilisa baasaa pls tapha Plotikaa bira kutaa.yoo isinillee ka dadadaaxan ta’e teesanillee duubbeen qullaadhaa kana hubadhaa.yoo kana jedhu garuu General kemal akka ijannoo jabaa qabu hin hubadha jara Minisootaa jirttu takkatuu dhaaba kana dadadaassuu yaala ufii daaxanii kuftan malee jijjiiramnni waa takka hin ta’u.Namnni Hancufa gad tufe hin arraabu.namoonni tokko tokko garuu hancufa tufaa baatan waan lafa irraa arraabaa jirtan fakkaatanii rabbi isin gargaarinnaa.