Oduu Haaraya

“Waaqni tokkicha qofaadha; hiriyyaa hinqabu; hindhalu; hindhalchu; hindhalatu; hindulloomu; hindu’u.

Amantiin mala dhugeeffannaa dhalli namaa ittiin Uumaafi uumama isaa hubatu, ittiin buluufi ittiin jiraatuudha. Kitaabni seenaa Oromoo tokkos akka ragaa bahetti amantiin kan ittiin ummanni tokko Uumaafi uumama, akkasumas jireenya ilaalu, hubatu, abdii dhugeeffatee ittiin jiraatu.”[1]

Akkuma ummata kamuu, ummanni Oromoos amantii ganamaafi sirii kan ittiin dhugaa Uumaa dhugeeffatu, kan ittiin jiruufi jireenya isaa qajeelfatu,kan ittiin akka fedhiifi seera Waaqaatti gaaromee jiraatu, kan mataasaa qaba; amantiin Oromoo ganamaafi sirii kunis Waaqeffannaadha.

Waaqeffannaan amantii Waaqa Tokkicha jiruufi jireenya ofiitti aanfatanii ittiin qajeelfamaniidha.Waaqeffannaa jechuun mataasaatiinuu, Waaqa aanfachuudha; Waaqa jireenya ofiitti aansuudha. Oromoon hunda caala kan ofitti aansu, kan ittiin of qajeelchu, Waaqa; Waaqa Uumaa kan waa hunda uumetti bula. Kitaabni Waaqeffannaa an yaada irratti kennuuf jedhus kanuma ragaa baha.  “Waaqni tokkicha qofaadha; hiriyyaa hinqabu; hindhalu; hindhalchu; hindhalatu; hindulloomu; hindu’u. Jiraataa fula’aadha. Waaqa gochaan malee ijaan arguun hindandea’amu. Waaqaanis waanti qixxaatu hinjiru. Waaqni beelii-beleliidha.”[2]

Dhugaa Oromoo kana namuu nibeeka ta’a; garuu, kanneen ittiin qajeelfamaniifi ittiin bulaniin ala dhugaa isaa kan dhaqna godhatee hubatu xiqqaadha.Kunis sababa mataa isaa danda’e irraa madde. Wayyuun Oromoo, kan argaa- dhageettii himuuf aangoma Waaqaa muudaman tokkos kanuma ragaa bahu.“Waaqeffannaan nigaadi’ame malee hinbanne; gaafa dhugaan Oromoo gale, aadaan, amantiin, duudhaafi safuun oromoo homa deebi’ee gala. Waaqeffannaan nidhokate malee hinbanne; kan gaadi’ame waan dhalli namaa Waaqeffannaa dhiisee waan dhibiin buluu jalqabeef; waan dhibiitti, waafoo ykn waaqa tolfamaatti of kenneefi waan dhibii ofitti aanfatee jiraachuu waan mararfateef.Yeroo kana aada maleen warra seenaan aadaan warraa baate.”[3]

Akka ibsa Wayyuu kanaatti aada maleen amantii dur hinturre, kan aadaa Oromoo ganamaa wajjin hidhata hinqabne, amantii alagaati.Kana jechuun gaafa amantiin alagaa jiruufi jireenya Oromoo keessa seenuu jalqabe san , amantiin Oromoo, Waaqeffannaan, immoo Oromoo dhiisee bahe.’Aada maleen warra seennaan, aadaan warraa baate.’

Waaqeffannaan warra amantii dhibii fudhatan dhiisee haaba’u malee, hinbanne; warra Waaqa ganamaan bulaniifi Waaqa Tokkicha ofitti aanfatan keessatti dhokate. “Kanaaf,” jedhu Wayyuun kun;“Waaqeffannaan maal taanaan gaadi’ame? Sababa qaba; kunis cubbuun waan lafa dhaaleef; qaroom-cubbuun waan jiruufi jireenya Oromoo dhuunfateef; qaroom-cubbuun waan ta’uu hinmalle, garuu, dhalli namaan ta’ee argameedha.”[4]

Waaqeffannaan nidhokate malee hinbanne; nigaadi’ame malee hinbanne. Gaadi’amuu Waaqeffannaaf ammoo, ragaalee hedduu dhiheessuun nidanda’ama. Anaaf, garuu,kan waa hunda naaf ibse , kan akka nadhii dammaatti na qabbaneesse, kan yaadaafi qalbii kiyya wajjin walfudhate, Kitaaba Waaqeffannaa yeroo duraaf waa’ee amantii Oromoo ganamaa irratti sonaa’eedha; Daaniyaa!

1.  Maalummaa Daaniyaa

Daaniyaa akkan dubbisee fixeen waanti baay’ee walnajalaa dhaha ture; kanan beeka jedhee yaaduufi kanan hubadhe addadda natti ta’e; natti dimimmise. Anamoo Daaniyaa bira hir’inni jira?

Deebii kana argachuuf, ammas irra deebi’een Daaniyaa dubbise; yeroo kana dhaamsan dubbisa duraan hinagarre, garuu durumaan ture tokkon seensa isaa keessaa qalbeeffadhe: “Daaniyaa kana si’a sadii dubbisaa! Dubbisa duraa usaatii obsaan keessa bahaa; dubbisa lammaffaatti dhugaa isaa hubadhaa; xinxalaa; dubbisa sadaffaarratti waan lama gochuuf kaka’aa! Tokkoffaa, gaarummaa kitaaba kanaa adda baasaa labsaa; tamsaasaa; babal’isaa! Lammaffaa mudaafi hir’ina kitaaba kanaa waan qajeelchufi waan guutu mara qabadhaa as bahaa; dhaloota of- dhabee Daandiin Dhugaa jalaa badettis birmadhaa!”[5]

Dhugaadhumatti; dhaamsi kun akkan ija-banadhuufi akkan waan kana caalatti iyyaafadhee beeku na qajeelche; sana booda si’a sadii mitii, si’a kudha sadii yoon dubbiseyyuu, Dhugaa Daaniyaa keessa guute, dubbisee labsuuf waa hedduu akka na hafun hubadhe. Ta’us, dubbisa sadii booda waanan dur hindubbisne dubbisuuf kaka’eera; waanti dur waan dubbatu, natti hinfakkaanne, akka dubbatuufi akka ragaa bahu beekeera. Kunis waan abbaan kiyya dur bara ijoollummaa kiyya natti himan akka jirutti jechaan ta’uu baatus yaadasaa akkan yaadadhu na taasise. “Yaa ilmakoo, waa mara Waaqni waan uumeef qaba; Safeeffadhu! Muka Safeeffadhu! Dhugaa Waaqaa safeeffadhu! Dhugaa Waaqaa namnis, laftis muktis nidubbata!”[6]

Dhugaa Waaqaa uumamni cufti akka dubbatu ergan Daaniyaa argadheen beeke. Dur lafti ykn mukni afaan hinqabane nidubbata jedhee maal godheen amanaree? Har’a otuu hinta’iin yeroo sanatti, warri keenya ofumaaf waan jedhan malee dhugaa natti hinfakkaatu ture. Edaa, dhugaadha! Uumamni cufti waan uumaa nidubbata;  lafti yoo goggogu waan himu qaba; mukti yoo lalisu waan raagu qaba; kan afaan isaanii beekutti waan himan qaban; waan mil’atan qaban; waan mul’isanis qaban.

Yeroo sana anaaf hin galle malee, yeroo warri kiyya moora dubbisiifatan; yeroo firoonni keenya warra eker-dubbistuu dhaqanii waan jal’ate, kan dhaloota egeree miidhu beekanii araara buusanii waan dabe qajeelfatan ninarga ture; nindhaga’an ture. Moora an beekee hindubbisne, Ayyaantuun dubbisee mil’uufi mul’ii (waan dabreefi waan egeree) hima ture; moorri nama hundaatti hinhimu, kanneen afaan isaa beekan; kanneen isa wajjin waliigalanitti garuu tolchee dubbata. Kunimmoo, nama dubbatu birattis dhugaadha. Namni kan walitti dubbatu, kan yaada waljijjiiruufi kan fedhii isaa waliif ibsu yoo afaan walii beekeedha; yoo afaan ittiin waliigalu qabaateedha.

Dhugaa Waaqaa kana uumama irraa dubbisuun akka danda’amu Daaniyaaf galatni haata’u, ani sirriitti beekeera; hubadheeras. Daaniyaa ergan dubbisee booda hunda caalaa waanan hubadhen qaba. Kunis, yeroo waa’een waaqeffannaa ka’u gaaffii namooti hedduu kaasaniifi deebiisaati. “Bu’uurri Waaqeffannaa maali? Kitaaba amantooti biroo qaban Waaqeffannaan qabaa?”gaaffilee ka’an keessaa isaan ijooti.

Deebiin kiyya duriifi ammaa  shakkii tokko malee tokko hinta’u; duraan yoo baa’iyate, ‘Manguddoota Oromoo; abbootii amantiifi beektota irratti gaafanna,’ jedhan ture. Amma garuu dabalataan, “yoo feetan Daaniyaa dubbisaa, yoo dubbisuu dandeessan immoo uumama dubbisaa; bu’urri amantii waaqeffannaa uumama; kitaabni amantii waaqeffannaas uumaafi uumama!” ta’a. Uumamni cufti kitaaba amantii Waaqeffannaati. Kan dubbisuu beeke, uumama irraa Raajiifi Ogummaa Waaqaa dubbisa; Ol’aantummaa Waaqaa dubbisa; Hayyummaa Waaqaa dubbisa; Seera Uumaa Uumamaa dubbisa ; Seera walaabuu shanan dubbisa!

Daaniyaan immoo akkatti Waaqeffattooti uumama irraa waan Uumaa dubbifatuu danda’an agarsiisa; akkatti icciitii Uumaa hiikanii beekan namatti mul’isa; waan Waaqeffannaan gaadi’amee tureef quba qabsiisa; maaliif akka gaadi’amee ture, yoo maal ta’e gaadii keessa akka bahu yaadaafi qalbii namaa keessa guuta. Waaqeffannaa kan ifa baasu ofta’ummaadha. Daaniyaan kanafaa hima. “Daaniyaan of-ta’anii mul’achuudha; warra of-tuffatan keessaa yaada dadhabaa fi xuraahaa dhiqee yaada seexessaa fi jabeessaa itti guuta; Mo’aa taasisa; Daaniyaan waan ofiitti boonuudha; waan ofiin mul’achuudha.”[7]

 Daaniyaan waan ta’e mara ibsuuf jecha gahaa hinqabu; otuun nan  ibsa jedhees iddoofi bakkan irratti ibsu hinargadhu.Daaniyaan mataasaatiin waan Uumaa –uumamaa keessaa mata mataa isaa fuula 468 irratti baase; maalummaa Daaniyaa kana caalaa ibsuu hin danda’u;kana caalaa hubachuuf kitaabichuma dubbisuu nama gaafata; warra gabaabinaan beekuu fedhaniif garuu, ibsa gabaabaa seensaa isaa keessa jirun kaa’aa.

“Daaniyaan maal?

     Daaniyaan warra Waaqaan bulu; sanyiin isaanii Ayyaantuudha; Hiddi dhaloota

     keenyaas warra Daaniyaati; Qe’een isaanii ganamaa Haroo Mormor ture; achirraa

     ka’anii walaabuu keessa guuta; warri kun warra Waaqaan bulaniidha.”[8]

Hiikkaan jiraa kana yoo ta’u akka Waaqeffannaatti Daaniyaan namoota Waaqa Tokkichatti amananii jireenya walaabuu keessatti gammadanii jiraatanidha; akka Daaniyaatti Waaqeffannaan amantii itti gammadanii waan gaarummaa fi waan dhugaa kan ayyaana dhala namaatti tolu ittiin argataniidha; ibsaa ittiin kitaaba Waaqaa ,Uumama, dubbifataniidha; ibsaa golgaa aada-malee saaqee aadaa dhugaatti nama geessuudha.

2. MIL’UUFI  MUL’II  DAANIYAA

2.1.   MIL’UU DAANIYAA

Daaniyaan waan kalee, waan ganamaafi waan sirii, kan dur turan, har’a gaadi’aman of-duuba deebi’ee mil’ata; Oromoon dur bara 6400 dura, Waaqeffannaan bulaa ture; yeroon sun yeroo badhaadhinaafi yeroo gaarummaa ture; yeroo dagaaginaa ture; maddi kanaammoo Dhugaa Waaqaan buluudha.

Haata’uutii, Dhugaan Waaqaa bara 6400 ALW dura ture, har’aan tana dhokataee jira. Maaf akka dhokate kan beeku nibeeka; kan hinbeekneef immo Daaniyaan mil’uu kenna. “Waaqeffannaan amantii golee dubbii Dhugaa, Qajeelaafi gaarummaati. Namni amantii kana qabu, Dhugaa barbaadee hindhabu; kijibaanis hindhaalamu. Haata’uutii, amantiin golee Dhugaa kun bara dheeraaf ukkaamamee akka badu godhamee ture.Akkuma dubbii dhugaa san, Waaqeffannaanis nilaafe malee lafarraa badee hinbanne. Dhugaadha, waltajjii addunyaatti bahee hinmul’anne!” [9]

Daaniyaan akka natti mil’atetti, Waaqeffannaan kan gaadi’ame cubbuun (qaroom-cubbuun) waan lafarratti aangomeef; qaroom-cubbuun kan waan namaa hinta’iin, namni ta’eedha; kan waan namaa hinmaliin namni malateedha; kan fulaa ejjachuu hinmalliin namni ejjateedha; kan fulaa bahuu hinmaliin, namni baheedha; kan waan jechuu hin maliin namni jedheedha; kan waan namni ilaaluu hinmaliin, namni ilaaleedha; kan waan yaaduu hinmaliin namni yaadeedha; kan waan nyaachuu hinmaliin namni nyaateedha. Daaniyaan cubbuu akkanaa kan dhala namaan dalagamee jiru, kan har’a Dhugaa Waaqaa golgee jiru fagootti of-duuba deebi’ee mil’ata.

Daaniyaan waan dhokatee ture,amma immoo deebi’ee dagaaguu qabu, bara hedduu ofirra deebi’ee ibsa; bara aadaan alagaa dachee Oromiyaa seene, akkamiin akka aadaan Oromoo akka Oromoo irraa baate kaaha; Waaqeffannaan, aada- maleen Oromoo seennaan akka Oromoorraa bahee gaadi’ame, mil’uun nutti agarsiisa. ‘Edaa, keenya kana turee!’ jennee akka ofitti deebinu, akka oftaanu mil’annoon daandii fagoo durii biraan nu ga’a. Kanaan alas Waaqa tokkicha dur ture; har’allee jiru, egeres jiraatu mil’atee raajii Uumaa-Uumamaa, kan Seemaa, kan Seera Yayyabaafi ka biroo mara yaadachiisa. Kanneen Dhugaa Waaqaa kana, raacita isaa, dhaloota har’aan gahani’llee sirriitti mil’ata!

2.2. MUL’II DAANIYAA

Daaniyaan waan duriif waan ganamaa qofaa miti, kan mil’atu. Waan egeree illee of-dura fagoo deemee waan mul’atu qaba. Namni cufti akka Waaqeffannaa keessaa hin bane, mil’uun yeroo agarsiisu, namni aadaa keessaa bahee aada-malee, dakoo ykn daawwee, ta’e akka aadaa ganamaatti deebi’u, gaafa iddoo ganamaatti deebi’emmoo akka gaadiin hiikamu dhugaa baha.

Mul’iin Daaniyaa akka ibsutti, Waaqeffannaan durii nidhokata malee hinbanne; gaadiin Dhugaa Waaqaa dhokse gaafa hiikamu, gaafa dhalli namaa Dhugaa Waaqaatti deebi’e, gaarummaan dachii kana nidhuunfata; gaafa Dhugaan deebi’e, namni cufti nigammada; nidambooba. Namatu Waaqeffannaa dhiisee waan dhibiitti buluu fudhate malee, Waaqeffannaan hinbanne; Waaqeffannaan buluun gaafa  walaabuu dhuunfate immoo dhalli namaa dhibee har’a isa marsee isa gidirsaa jiru keessaa nibaha; qaroom-cubbuun lafa dhaales, gaafas nibada; Waaqeffannaan gaafas iddoo dhokatee bahu, gaaf san namni cufuu nigammada; nigaaroma.

Daaniyaan akka mul’annoo isaatti, aadaan dhugaa galuuf jira; warri aadaa keessaa bahan,daawween, gaafa dhugaan itti mul’ate nideebi’an; warri Waaqa tokkichatti amanuu dhiisanii, , ta’anis gaafa dhugaan itti mul’ate Waaqa tokkicha aanfachuutti nideebi’an; kunimmoo akka raagame sanitti nidhugooma;‘Ilmaankoo fagoo deemu; ayyaanni, garuu; qe’ee ganamaatti deebisa.’

Mul’annoo Daaniyaa irraa akka hubatamutti Waaqeffannaan amantii dhala namaaa gaaromsu, dhala namaa moosisu, dhala namaa namoomsu, dhala namaa damboobsu, dhala namaa badhoomsuufi gammachiisuudha. Waaqeffannaan gaafa gaadii keessaa hiikamu, namuu nigammada. Kanneen Waaqeffannaa keessaa bahantu, deebi’anii of-argatu! Deebi’oo kanammoo kan dhugoomsu, Waaqa tokkicha! Warri Waaqeffannaa of-harkaa qaban immoo gaafas daran gabbatu!

Daaniyaa irraa akka hubatamutti  Dhugaan Waaqaa, bara 6400 dura dhala namaa qajeelchaa ture, deebi’eemmoo gaadi’ame, gaafa hiikamee bahe, Waaqeffannaan  qoricha dhibee dhala namaa ta’a; gara gaarummaafi badhaadhinaattis nama geessa. “Waaqeffannaan amantii ganamaa kan jireenya dhala namaa gaaromsuufi qajeelchudha; Daandii Dhugaa namatti mul’isuudha; ibsaa jiruuf jireenya dhala namaa walaabuu keessaati. Amantiin kun qoricha dhibee matayyaas ta’ee hawaasaati. Kanneen jireenya Daaniyaafi Daandii Waaqeffannaa filatan jiruufi jireenya isaanii gaaromsatan; qajeelfatan; akkasumas namummaa Dhugaa Dirree Nabeetti, Madda Walaabuutti, Tulluu Namduriitti, Girjaatti mul’ifatan; amala matayyaas ta’ee kan gamtaa ittiin damboobsatan; abdii egeree ittiin haaromsatan; dandeettii isaanii ittiin humneeffatan!”[10] 6400:  435

3.  Daayoo Daaniyaa

Daayoon Daaniyaa, “Dhugaan Waaqaa Mo’ataadha!” kan jedhu natti fakkaata. Utubaan amantii Waaqeffannaa: Waaqa, Ayyaana, Nama, Waayyuufi Safuu akka ta’an, isaan keessaa immoo Waaqni abbaa waa hundaa ta’uu ragaa baha.

Waaqni ijaan hinmul’atu; garuu uumama irraa Hojiifi Raajii Waaqaa arguun ni danda’ama. Oromoon yoo maqaa Waaqaa kaasu: “Waaqa Uumaa, Waaqa uumamaa; Tokkicha maqaa dhibbaa; Gurraacha garaa garbaa; Leemmoo garaa taliilaa,” jedha. Kana keessaa akkaataa Oromoon Waaqa itti ilaalu, Daayoo isaa, beekuun nidanda’ama.

Daaniyaa irraa akka hubatamuttis, qolli isaa duubaa gurraacha ta’ee, maqaan                “DAANIYAA” jedhu keessoon isaa halluu diimaan, rogni isaa immoo halluu adiin kuulameera. Fakkiin Odaa kan fuulduree galma fakkaatullee halluu adiin diraaroo isaa: Bokkuu, Caaccuu, Kallacha, Siiqqee lafarra ciifteefi Yaabbattoo kan ittiin gulantaan Waaqeffannaa guddatu ja’an: Raabaa, Biloo, Doorii, Laboo, Lubaafi Qaaduree, wajjin sirneeffamee jira. Icciitiin kunneen Dhugaa Waaqaa, kan Waaqeffattooti Dhugaa ittiin of-guutan ta’uun natti mul’ata.

Akka ilaalcha Oromoottis halluun gurraachi iddoo ol’aanaa qaba; Waaqummaa ibsa; Qulqullummaa Dhugaa Waaqaan guutameedha. Kana amantii qofa otoo hin ta’iin seenaan Oromoos ragaa baha.“Aaadaan amantaa Waaqeffannaafi falaasama Uumaafi Uumama Oromoo keessatti gurraachummaan, humna humnaa oliiti; qulqullummaadha; Waaqummaadha jedhanii amanu. Oromoon Waaqa gurraacha tokkichatti amana. Akkanaan, bifti Waaqa isaas akkuma Kuushummaafi Afrikummaa Oromoo gurraacha jedhee dhugeeffata.” [11]

Qolli Daaniyaa duubaas gurraacha ta’uun, waan Waaqaaf iddoo guddaa kennuu isaa natti mul’isa. “Oromoon gurraacha garaa garbaa” yoo jedhus Raajii Waaqa isa eenyuyyuu lakkaa’ee hinfixne ibsuuf akka ta’e Daayoon Daaniyaan ittiin sonaa’e keessaa hubadheen jira. Diimaan lubbuudha; dhala namaa kan bakka bu’u waan ta’eef, gurraachatti aanee, Waaqatti aane jechuudha, iddoo guddaa qabatee jira. Dhalli namaa Waaqaan gaditti uumama mara irratti aangoo qaba. Kanas halluun diimaa kan ibsuudha. Daaniyaan dhala nammootaa ,Waaqa tokkotti amananiidha; kanaafis, diimaan dhala namaa bakka waan bu’uuf, Daaniyaan diimaan kuulame; dhiigaanis guutame.Adiin immoo ifa Waaqni dhala namaaf kenne; kan Daaniyaan ittiin golgaa dukkanaa ,kan badii, kan gaadiifi kan aada-malee ittiin jiruufi jireenya dhala namaa  keessaa baasee iddoo isaa immoo Dhugaa Waaqaa deebisee walaabuun dhuunfachiisuudha.

Odaan ykn fuuldureen galmaa immoo jijjirama walaabuu keessatti mul’ataa jiru waan ibsu fakkaata; akki itti sirneeffame kan walkeessa fuffuudhame, waanti dur hinjirre dhalatuu, waanti dur ture gaadi’amuu fa’aa waan ibsu fakkaata; elellaan  shanan, Yayyaba shanan ibsuu malu; Caaccuun elellaa sagaliin kuulamte , waan aayyoo, waan dubartii yoo ibsitu, Siiqqeen dacheerra ciiste, aayyoo garaa taadhii, deessuu dhala namaa agarsiisti natti fakkaata; kan Bokkuufi Kallachaa immoo dhiira seera Waaqaan,Gadaan, bulu mul’isa.

Dubbiin Daaniyaa kan himamee dhumu miti. Anaaf hanguman Daaniyaa dubbisaa adeemun waan Uumaafi waaan uumamaa caalatti argaa deema; of-keessattin guura; ittiinan humnooma. Dhugaa inni natti ibse keessaa Waaqeffaannan akkatti bara lakkaa’u kan mataa isaa qabaachuun iddoo guddaa kanan kenneef ta’a. Waaqeffannaan akka bu’uraatti erga of-ta’ee amantii ganamaa, Osiris, irraa maddee barri 6400 ta’uu Daaniyaan ibsee jira. Kun bara Daaniyaan itti maxxanfame ta’uusaati. Amma egaa, akka lakkoofsa Waaqeffannaatti, ALW, barri isaa bara 6401 ta’a. Barri kun kan jalqabu Amajjii irraa kaasee, ayyaannni Birboo ayyaaneffameeti; Birboon ayyaana bara moofaa, kan darbe keessaa bahanii, bara haaraa itti seenaniidha.

Goolaba

Daaniyaan kitaaba waa’ee Waaqaa ittiin hubatan malee, kitaaba waa’ee Waaqaa mara of-keessaa qabu akka hintaane, anuu raga guddaan ta’a. Hanguman kitaaba kana dubbisaa adeemun, waanan dur beeku, garuu dagadhe yaadachaan adeeme; waanan dur dubbisuufi hubachuu hindandeenyen dubbisuufi hubachuu danda’e. Kanaaf, Daaniyaan dungoo Dhugaa Waaqaa ta’ee natti mul’ate.

Daaniyaa dubbisanii waa’ee isaa barruun dabarsanii namatti himuun, akkan amma hubadhetti, ulfaataadha. Kanaaf, malli jiru kanneen aada-malee ta’an, kanneen daawwee ta’an, kanneen dakoo ta’an cufti ofitti deebi’uuf, dursanii karaa itti ofta’an Daaniyaa keessaa waraabbachuu qaban. Daaniyaa mataa mataan argatanii, waan beekan, garuu, dagatan, waan wallaaalan garuu beekan ittiin of- keessaa baafachuu qaban; ittiin waan hindubbanne dubbisuun Dhugaa Waaqaa, Uumama irraa beekanii Waaqiyaan guutamuu qaban. Kennaan gaarii, bara kana waliif kennan, akka kiyyatti, Daaniyaadha. Kanammoo eessaa akka argatan, Burqaan akkuma burqaa dhugaa ta’uun dhugaa Oromoo addunyaatti baasuu eegaltee jirtu kanatti fulla’uun sagalee Daaniyaa, teessoo Daaniyaafi dhugaa Uumaa uumama walaabuun waliin haageessu!

Dhalli namaa gaafa Daaniyaaa argatee, achi keessaa dungoo ittiin waan dhokate dubbisuu argate, beekumsaafi hayyummaa Waaqaa, Waaqiyaa, waan ittiin dubbisu barata; shakkii tokko malee aada-malee keessaa bahee aadaa dhugaatti deebi’a; amantiin waan Uumaa-uumamaa ittiin dhugeeffatan, Waaqeffannaanis gaafa kana gaadii keessaa bahee qoricha dhibee dhala namaa ta’a; Seemaa, seera Uumamaa, Seedaa, afaan dhugaafi afaan waan Waaqaa ittiin dubbatan, maratti gaafa dhalli namaa deebi’ee hubatee, fudhatee ittiin qajeelfames gaarummaan walaabuu nidhuunfata! “Waaqeffannaan hinbanne, nidhokate malee! Gaadiin gaafa hiikame Waaqeffannaan huma deebi’a!”[12]

HAATA’U!!


[1] Seenaa Oromoo Hanga Jaarraa 16 ffa,1998:21

[2] Daaniyaa, Finfinnee, 6400:39.

[3] Wayyuu

[4] Ibid

[5] Daaniyaa,Finfinnee,6400:25

[6] Abbaa Billoo, Macca Bahaa, Oromiyaa.

[7] Daaniyaa, Finfinnee, 6400:13.

[8] Daaniyaa, Finfinnee, 6400:12.

[9] Daaniyaa, Finfinnee, 6400:1.

[10] Daaniyaa, Finfinnee, 6400:435.

[11] Seenaa Oromoo Hanga Jaarraa 16 ffaa, 1998:21.

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Vicious cycle of political conflict hindered realization of democracy via development of antagonistic ideologies in Ethiopia (1870 – 2020)

*By Malkamuu Jaatee, June 2020 Introduction  The vicious cycle of political conflict sustained in Ethiopia …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *