Oduu Haaraya
tplf opdo

Waraabeecha/(Bineensa) Biyya  Bineesummaan  Isaa Beekamutti  Itillee Naaf Afaa Jedhu  Mammaaksa Oromoo Keessatti Dhageeyee  Hin Beeknu!

 

 

 

Baarentuu Gadaa Irraa//

 

 

Wayyaaneen waggoottan 25n darbaniif  waliin dhahaa, kan ishii morme hidhaa, dararaa, ajjeesaa fi saamaa as geechee jirti.  Haata’uutii gochi yakkaa ummata Oromoorratti keessumaa sabboontoota Oromoo irratti raawwachaa turtee fi jirtu  kun akka ishiin  yaaddeetti qabsoo ummanni Oromoo mirga isaaf taasisaa jiru; FXG gama kamiinuu dhaabuu hin dandeenye. Dhaabuu hin danda’usii. Keessumaa haali waggoottan 2n darbanii as impaayeera ityoophiyaa murna tanaan bulaa jirtu keessa jiru  dhugaa kana  ifatti  eenyufuu mirkaneessaa jira.

 

Hidhattoonnii fi basaastoonni sirnichaa ajjeechaa hidhaa fi dararaa sukanneessaa saba Oromoorratti raawwachaa jiranis sochiin ummanni Oromoo mirga abbaa biyyummaa isaa deeffachuuf taasisaa jiru ittuu finiinaa jira malee akka wayyaaneen yaadde hin qabnoofne, ykn hin dhaabbanne. FXG fi qabsoon hidhannoo yeroo ammaa kana gutummaa Oromiyaa keessatti diina dhiphisaa jira.  Akka ummanni Oromoo yeroo dhihoo keessatti mirga isaa humnaan mulqame humnaan deeffatus mallattooleen ifatti muldhatan danuudha. Diinni Oromoo waggoota 25n darbaniif goolaa turte Wayyaaneen yeroo ammaa kana dhiphuu fi sodaa guddaa keessa jirti.  Sochii ummanni Oromoo taasisaa jiruunis baaragdee yakkoota hedduu wal duraa duuban ummata Oromoorratti keessumaa sabboontoota ilmaan Oromoo qaroo ta’anirratti raawwachaa jirti.

 

Akkauma muldhachaa fi dhagahamaa jiru murni  gabroonfattuun tun dhiibbaa qabsoon Oromoo irraan gahee fi gahaa jiru kana  tarii yoon  jala hulluuqe jettee   toftaan moofaan yeroo ammaa kana itti jirtu holola fokkisaa fi fakkeessii gaggeessuu, ajjeechaa hammeessuu dha.  Haata’uutii  yakki ishiin raawwachaa turtee fi jirtu ittuu fincila Oromoo hammeessaa deemaa jira malee gongumaa dhaabuu hin dandeenye. Kanarraa ka’uunis jireenyi ishee hammaachaa deemaa jira malee tasgabbii argattee bulchaa hin jirtu. Kun firii qabsoo Oromooti.

 

 

Yeroo ammaa kana Wayyaaneen  ergamtoota ishii miseensoota OPDO kanneen garaaf  bulanii fi waggoottan 25n darbaniif murna tana dura deemuun ummata Oromoo ficisiisaa fi saamsisaa turanii fi jiran kanneen akka  Lammaa Magarsaa, Bakar shaalee,  Abbaa Duulaa Gammadaa ykn Minaasee Walda Gorgis, Dagifee Bulaa, Hiruut Birraasaa, Warqinaa Gabyyoo, Dammallaash Gabramikaa’eel, Birahaanuu Hayiluu…Abdulaaziiz Mahaammad fi  ergamtoota  biroo garaaf jiraatan  bobbaaftee afan faajjii uumuu bira dabartee soba barte  afuufaa jirti.  Oromoo ajjeestee, darartee, saamtee akka waan gadditeefii fakkeessaaf  ergamtoota ummanni jibbee xireeffatee gate kana bobbaaftee holola fudhatama hin qabne gaggeessaa jirti.Oromoon  garuu Wayyaanees kan ishiin bobbaafatte ergamtoota miseensoota OPDO xurii qayee Oromootii dhiqamanii baduu qaban ta’uutti amanee fincila isa agaggeessaa jira.

 

Dabballoonni OPDO erganmoonni Wayyaanee kunneen  waggoota 25n darbaniif ummata Oromoo darasaa turuu isaanitirra  yeroo ammaa kana  gareen wal qoodanii gara magaaloota Oromiyaa adda addaa bobba’uun ilmaan  Oromoo xiqqaatulleen osoo sirnicha keessa jiranuu quuqamni itti dhagahamu kan  baratanii waan hojjetan dhabuurraa dirqamanii bulchiinsa sirnichaa keessa  civil servant ta’un tajaajilaa turan yeroo ammaa kana mirgi Oromoo dhiibamuu fi dhiitamu, keessumaawuu babballina M.Pilaanii finfinneetiin wal qabatee sagalee mormii, gaafii kaasuu isaanitiin  maqaa malaammaltuummaa fi bulchiinsa gaarii jedhuun sobaan yakkanii hojiirraa hariyaa, hidhaattis guuraa jiru.

 

Keessumaa  ilmaan Oromoo  magaalota daangaa Finfinnee  jiran  kanneen akka Buraayyuu, Sulultaa, Sabbataa, Laga Xaafoo, Galaan, Dukam, Adaamaafi Shashimannee keessatti hojjechaa turan “isintu ummata nurratti kakaase”jechuun haloo itti qabatanii   magaalaa tokkotti ergamtoota miseensoota OPDO  farra ummata Oromoo ta’an  30 gahan bobbaasuun maqaa malaammaltummaa fi bulchiinsa gaaritiin  daragaggoota Oromoo quuqama saba isaanii qaban hojiirraa hariyaa, kaaniis hidhaatti guuraa jiru.

Keesssumaa ergamtoonni  Wayyaanee  Birhanuu  Hayilu  fi  Ittafaa Tolaa  jedhaman  kanneen Wayyaanee waggoota 25n darbaniif tajaajilaa turan ammas  adda duree ta’uun ummata Oromoo goolaa akka jiran raga bahaa jiru ni muldhisa. Jirreen kunii fi waayiloonni isaanii kalattii hundaanuu bobba’uun  yeroo amma kana ergama Wayyaaneerraa fudhatan hojiirra olchuuf ummata Oromoo goolaa jiru. Duula ballaa ummata Oromoorratti gaggeessaa jiru.

Wanti baayyee nama ajaa’ibu gama tokkoon ergamtichi Wayyaanee  maqaaf pireezidaantii naannoo Oromiyaa jedhamu  Lammaa Magarsaa  afaan mi’eeffatee  akka waan miidhaan ummata Oromoorra gahaa turee fi jiru isa dhukkubseetti ennaa of dhiiheessu gama biraan waayiloota isaa  kanneen akka Dammallaash Gabramikaa’eel komishanarii polisii Oromiyaa ta’uun kan biyya fixaa ture, Ittafaa Tolaa hogganaa waajjira nageenyaa Oromiyaa hogganaa  ta’uun waggoota 25n darbaniif ilmaan Oromoo dharaan yakkee goolaa ture bobbaasuun Wayyaanee gammachiisuuf  Oromoo goolaa jiraachuu isaati.   Ergamaan kun yoo dubbatu akka nama wanti Oromoorra gahaa turee fi jiru haaraa  itti ta’ee fi quba hin qabneetti. Garuu Lammaa Magarsaa  ofuma isaatii fi  nama kaabinee wayyaanee hogganaa polisii  Oromiyaa tureedha. Biroolee akka dhimma nageenyaas ajajaa fi yeroo achi jirutti nama sabboontoota Oromoo fixaa tureedha. Yayyii goggaa holaa uffatteen isa kana!

Haasaan  har’a Lammaa Magarsaa afaan mi’eeffatee haasawaa jiru akka summii dammaan makaa ta’e Oromoon kamuu ni hubata, ni beeka. Hojiin isaas bara bittaa Wayyaanee dheereessuuf akka carraaquu ta’e eenyfuu ifaa dha. Tarii yoo kan isa hin beekne jiraateef ammoo namani Lammaa Magarsaa jedhamus ta’ee waayiloonni isaa dabballoonni OPDO ergamtoota Wayyaanee ummata Oromoo fixaa turanii fi jiranii dha malee akka waltajjiirraa haasawa jiran quuqamtootaa fi aantummaa Oromoo warra qabuu miti.  Kalees har’as tajaajiltoota wayyaaneeti. warruma Rakkoo ummata Oromoorra gahaa tureefis itti gaafatamoodha. Kanarraa ka’uun namoonni muraafni  beekaas haa ta’u osoo hin beekin  “Lammaa Magarsaa akkas jedhe, akkana jedhe” jettanii akka waan  yakkamtichi kun sabboonummaa qabutti afarsitan Osoo dhiiga Oromootti qoosuu baattanii dansaadha.!

Lammaas t’ee ergamtoonni biroon nama yakka  wayyaaneen ummata Oromoorratti raawwachaa  turtee fi jirtu hin beekne  fakkaatanii of muldhisuuf yaalanis  Oromoon  tolcheet  isaan beeka. Yoo dadhabuu baatan dansaadha! Keessumaa  Lammaa  Magarsaa  har’a akka waan roorroon ummata Oromoorra gahe isa gaddisiisee fakkaatee dubbataa fi muldhachaa jiru kun osoo Pireezidaantii hin ta’in duras hojii raawwachiiftuu OPDO ergamtuu Wayyaanee ta’ee nama tajaajilaa ture waan ta’eef yoo dhuguma quuqmni itti dhagahame waggaa 25n guutuu issa dhaqe,  kan darbe dhiifne hara’a yoo ummanni Oromoo Aga’aazii, komaandi postii fi  liyyuu hayilii waraana jedhamuun dhumataa jiru maaf dhiisaa hin jenne..? kkkkkkkkkkqqiqiiqiqiq” …. Bineensi biyya hin beekne dhaqee …..” yoo jedhamee mammaakamu  dhageenye malee akka Lammaa Magarsaafaa  bineensa biyya bineensummaan isaa ifatti beekamutti Ittillee naaf afaa  yoo jedhu hin dhageenye! Kkkkkkkkkkkkqkqkqkqkq…. …..kanaafuu hololli amma innis ta’ee waayiloonni isaa itti jiran  yoo ofuma gowwoomsuu ta’e malee  Oromoo kam birattuu fudhatama hin qabu. Qabsoo bilisummaa Oromoo ABOn finiinaa jirus sakondiifilleen  hin gufachiisus.Gufachiisuus hin danda’u. Kan nurraa eegamu holola diinaatiif gurra kennuu dhiifnee  bakka jirrutti qabsoo keenya finiinsuu qofaadha!

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …