Categories: Yaada

Waraanaan Uummata Ukkaamseen Bara-Baraaf Haangorra Jiraadhaan Wayyaanee Habjuu Hin Milkoofne!

Baarentuu Gadaa Irraa///

Mootummaan kijibaa;Mootummaan Wayyaanee/EPRDF kufaatiin isaa, xumurri
sirna isaa dhihaachuu  kan dhugoonfate ykn hubate ta’uu isaaf ragaalee
adda addaa hedduu tarreessuutu danda’ama.  Labsii  yeroo muddamaa
yeroo3f dhiheenya kana hojiira olche  dabalatee holola dhaboleen jalee
sirnichaa ta’anii fi sirnichaan bixxiilaman kanneen akka
OPDO,DHDN,BADN fi maxxantoonni ergamtoonni naannolee bulchaa jirra
jedhan akka fakkeenyaatti kaafnee ilaaluu dandeenya. Ergamtoonni kun
waggaa 26 oliif wayyaaneef hojjechaa, wayyaanee waliin ummata dararaa
fi saamaa turanii har’a gahanii kan uummata cunqurfamaaf  aantummaa
qaban fakkaatanii yoo hololanii fi gaafii ummataa deebisaa jirra,
deebisuuf jirra, jedhan argaa fi dhagahaa jirra. kun ammoo shakki
malee sirnichi  kufaatii jala gahuu fi dhiphuu itti buleerraayis gama
tokkoon holola fakkeessii gaggeessaa gama biraan waraana bobbaasee
ajjeechaa raawwachuun gaafii uummataa ukkamsee bara bittaa fi
saamichaa dheereffachuuf yaalii dhumaa gochaajiraachuu argisiisa.
Har’a Impaayerri Itiyoophiyaa Wayyaaneen bulaa jirtu akkuma hunduu
quba qabutti ibiddarra  jirti. Dhiphuu guddaatu biyya sana keessa
jira.  Qabsoon Oromoo,FXG qeerroon gaggeeffamaa jiru  bulchiinsa
Wayyaaneetti  guyyaa dukkanneesseera. Labsii yeroo muddamaa si’a 3f
baasee yaalii isa xumuraa godhus  harkaa fashalaa jira. Hojiira oolaa
hin jiru.  labsiin  3n kunis akkuma labsii bara darbee baatii 9f turee
milkii malee hafaa jira.  Ummanni Oromoo addatti ilmaan isaa qeerroon
labsii Wayyaanee kana cabasanii Fincila  finiinsaa jiru.  dhiphuu
qabsoon, FXG itti bulcheenis mootummaan abbaa irree Wayyaanee /EPRDF
dhukaasa jumlaa banee ajjeechaa sukanneessaa  iddoo gara garaatti
raawwachaa jira.
Har’a murni TPLF jedhee of waamu kun labsii yeroo muddamaa paarlaamaan
fakkeessii isaattillee harkatti kufise qabatee uummata Oromoo irratti
duula banee gooluuf /ukkaamsuuf yaalulleen akka yaade hin taaneefi.
Uummanni Oromoo addatti qeerroon ilmaan isaa kan yeroo kamiituu caalaa
irree tokkoon  waraana sirnichaa  dura dhaabbatanii ofii wareegamaa
uummata Oromoo ibsaa jiru.  Karoorri sirnichi humrii isaa dheerafchuuf
karoorfate fashalaa jira. Waraanni sirnichaa dhiphuu qabsoon Oromoo
itti bulcheen ajjeechaa sukanneessaa asii fi achitti raawwatus qabsoon
uummanni Oromoo bilisummmaa isaaf taasisaa turee fi jiru iddoo
hundattuu cimee, finiinee itti fufeera. Akka injifannoon xumuramus
shakkiin hin jiru.
Gaafin uummanni Oromoo kaasaa turee fi jiru kun akka Wayyaanee fi jala
deemtonni isaanii hololaa turanii fi jiran  diddaa, fincila gaafii
bulchiinsa gaarii waliin walqabatuu miti, gaafiin Oromoo gaafii gaafii
bu’uuraalee misoomaa dhabuurraa maddus miti. Gaafiin Oromoo gaafii
mirgaati.Oromoon koloneeffattoonni narraa haa ka’an, abbaan biyyummaa
koo naaf haa deebi’u jechaa jira.  Mirga uumamaa fi dimookiraasii
isaaf wareegama baasaa  ture, baasaa jira. Gaafiin  akkasii ammoo
asqabii fi achi qabii hin qabu.
Diddaan,Gaafiin  hara’a mootummaa abbaa irree  Wayyaanee/EPRDf irratti
ka’e gaafii, diddaa salphaa miti. Gaafii fakkeessii fi hololaan akka
salphaatti furamus miti. Diddaan uummata Oromoo fi Wayyaanee gidduu
jiru diddaa gongumaa hin araaramnee dha. Diddaan diddaa gabroonftaa fi
uummata gabrummaa jalaa bahuuf qabsoo gaggeessaa jiruu ti. Diddaan,
Qabsoon ABO/WBOn Gaggeeffamu, FXGn  yeroo ammaa kana gutummaa
Oromiyaatti finiinaa jiru kun ammoo kan furmaata argatu gaafa mirgi
abbaa biyyummaa Oromoo dhugumaan kabajame, gaafa Oromoon bilisummaa
isaa argatee dha. Gaafii Oromoo kana gongumaa asiif achi jallisanii,
falli,ykn furmaanni  siyaasaa Impaayeera Itiyoophiyaa keessatti dhufu
hin jiru.
Uummata Oromoo mirga isaa, mirga uumamaa fi dimookiraasiin qabu
kabachiifachuuf dhiigaa, cabaa fi dararamaa turee fi jiru kana
gongumaa sobaa fi sossobaadhaan, hidhaa fi ajjeechadhaan callisiisuun
hin danda’amu.  Sirna gabroonfataa  akka Wayyaanee  kana jalattis
Ballaxaa kaasuun Caalaa muuduun, ykn Teklee kaasanii  Fayyisaa
Aangorra kaa’uun fala hin ta’u. Gaafii Oromoo waraana bobbaasuun
uummata meesha maleeyyii fixuudhaanis gongumaa ukkaamsuun hin
danda’amu. Muddama amma jiru hanqisees gafii bu’uuraa hin hiiku.
Dhugaan amma lafarra jiru kan argisiisuus Oromoon maaliyyuu yoo dhufe
mirga dhugaa, mirga abbaa biyyummaa isaa kabachiifatu malee akka
qabsoo,FXG gaggeessaa jirurraa kan duubatti hin deebine ta’uudha.
Gaafiin Oromoo jijjirama sirnaati. Qabsoon, FXG  kan gaggeeffamaa
turee fi jiruuf gabroonfataa bakkaa buqqisanii  mootummaa
dimookiraatawaa, mootummaa ofii qabaachuufi. Mirga abbaa biyyummaa
dhugoonfachuufi, mirga dimookiraasii fi uummamaa  hojiira olfachuuf
qabsaawamaa jira. Kanuma dhugoomsuuf ilmaan isaa qabsaawoonni,qeerroon
dhiigaa, wareegama qaalii kaffalaa turani.
Wayyaaneen gaafii bu’uuraa, gaafii haqaa kana uukkaamsuuf jecha
waggoota 27n darbaniif uummata Oromoo addatti  sabboontota ilmaan isaa
hidhaa, dararaa fi ajjeesaa ture. Har’alleen  kan yaalamaa jiru
kanuma. Maqaa labsii yeroo muddamaatiin waraanni bobbaafame
Moyyaaleetti, Shaashammneetti, Holototti, Amboo,Gudar,Harargee
magaaloota adda addaa keessatti, Naqamtee, Gimbii, Najjoo fi Dambii
dolootti nama fixaa turuu fi jiraachuu dhageenyee jirra. Haa ta’uutii
yaanni wayyaanee inni qawween uummata callisiisuu milkaawuu hin
dandeenye.  Qabsoon,FXG iddoo marattu jabaatee itti fufee sirnicha
raasaa jira.
Sirna gabroonfataan waggoota 27f gateettii ummattoota biyyattii
irratti g qabsoo Oromootiin akka cabbii Aduun itti bahee baqaa jira.
Diinni jabaa fakkaatee afaaniin hololus hidhanoo hiikkatee baqachaa
jira. Kufaatii jalaan gaheera. Qabsoo eegalame FXG finiinee itti
fufnaan yeroo gabaabaa keessattis sirn abbaa irree Wayyaanee/EPRDF kun
akka burkutaayee badu shakkiin hin jiru. kanuma hubachuunis hunduu
bakka jiruu qabsoo isaa,FXG eegale jabeessee itti haa fufuun Fala
Filannoo Hin qabnee dha!

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

1 month ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

1 month ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

1 month ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

1 month ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

4 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

4 months ago