Categories: Yaada

Warri maqaa Goobana Daacceetiin summii Minilikummaa facaasan farra-Oromummaa ti

Berhanu Hundee

Akkuman kanaan dura irra deddeebi’ee barreessaa ture, Qabsoon Bilisummaa Oromoo (QBOn) diinota lama qaba. Isaanis diina keessaa fi diina alaa ti. Qabsoon tun akka rinciccuu fi galii hawwame akka hin geenye kan taasise immoo jabina diinota alaa osoo hin taane burjaajjii diinotni keessaa uummata Oromoo keessatti uumanii dha. Kana keessatti kan baay’ee nama gaddisiisu garuu warra Qabsaa’ota fi Sabboontota fakkaatanii uummata Oromoo afaanfaajjessaa; garuu ergama biraa qabani fi/ykn Xawalwaallota fedhii dhuunfaa guuttachuuf uummata burjaajessanii dha.  

Sababni ani dhimma Goobanaa fi Minilik kaaseef, waayee Minilik wajjin walqabatee, waan dhiyoo kana deemaa ture/jiru dha. Isa keessaa immoo waan Aaddee #BirhanieBekaGeleto barreessite tokko argeen hedduu dinqame. Ani nama tana dhunfadhaan hin beeku; seenaa ishiis wanti ani sirriitti beeku hin jiru. Garuu miidiyaa tokko tokkorratti argaan ture. Keessumaayuu yeroo Washington DCtti wanti tokko irra gahe baay’ee ajandaa yeroo sanaa taatee akka turte nan yaadadha. Biraaneen akkuma nama kamuu yaada fi ilaalcha qabdu ibsachuun mirga ishii ti. Ayidoologii feete qabaachuu fi jaarmayaa feetes deeggaruun, miseensallee ta’uun akkasuma mirga ishii ti.

Haa ta’u malee barreeffamni gabaabaan ishiin FB irratti maxxansite tokko (kan barreeffama kiyya kanaaf ka’umsa ta’e) summii tokkummaa Oromootti faca’u fi farra Oromummaa ti jedheen amana. Akkuman baddaatti jedhe, Biraaneen jaarmayaa kamuu bira dhaabbachuun mirga ishii ti. Ishiin ifa godhuu baattullee, akka hubatamutti PP wajjin hojjechuu ishii wantootni agarsiisan hedduu dha. Kanaafuu warra ganamaa galgala Minilik faarsaniif deeggarsa ta’uuf jettee, madaa uummata Oromoo tutuqxi. Qaanii tokko malee Miinilik tokkummaa biyyaa ijaarun issaa haaqa lafa jiru dha jette. Tokkummaa biyyaa tana akkamitti hiikti? Dhugumatti biyyi tun tokkummaa qabdii? Mee barreeffama ishii sana tokko tokkoon haa laallu.

“sirnaa yeroo sani keessatti enyuutu miidhame fi fayyadame isa jeedhu keessa hin seenne”

Mee laalaa, kan miidhame eenyu akka ta’e osoo beektuu, osoo seenaan ragaa ta’uu, dhugaa kana dhoksuuf jettee, isa kana keessa hin seenu jetti. Yoo dhimma kana keessa seente, dhugaan waan bahuuf; dhaamsa amma dabarfachuu barbaadde kana faallessuu waan danda’uuf jettee keessa hin seenu jetti malee, seenaan sun dhara akka hin taane wallaalteetii miti. Minilik bineensi sunis diina Oromoo akka ta’e hinuma beekti.   

“kana keessatti yaada sirri kana leellisu kotiin akka jibbinsa sabakoof qabutti ilaalun dogongora guddaa dha” 

Kuni baay’ee ajaa’iba. Nama kabalaa, lakkii homaa si godhaa hin jiruu bar jechuu fakkaata. Mee osoo jaalala saba kanaa qabaattee, maaliif madaa isaa tutuqxi? Dhugaa dhoksuutu dogngora moo fedhii dhuunfaa guuttachuuf jecha waan dhara ta’een uummata bujaajessuutu dogongora? Akka ishiitti kan yaada ishii kanaan mormu dogngoraa, wanti ishiin barreessite garuu sirrii ta’uu ishiiti jechuu dhaa? 

“…Sirumaa dhuga sabakoo amma gahu ibsun koo sirri dha. Biyya kana kan ijaare nuwi.”

Biraaneen waan seenaa Oromoo faallessu, seenaa biraa barreessuuf jirtii laata? Moo warra Washington DCtti ishii dhahanii kuffisanii, lafatti tuman sana karaa kanaan gammachiisuu barbaaddii? Dhugaa saba kanaa ibsuu yoo barbaadde, silaa kan saba kana lafarraa duguuge (Minilik) fi duguugsise (Goobana Daaccee) faarsuun ishiirra hin turre. Oromootu fedhii isaaniitiin harka fi harma ofirraa muree, biyya tana ijaare jechuu ishiitii?

“Alabaan ani qabadhees kabajaan warra na affere fi kaayyoon irraatti hojjedhe itti milkaa’eti. Akkasumas Alabaan kun kan akaakayyuwwan koo birmaduummaa biyyaa eegsisuf qabatani waregaman waan ta’ef seenaa kotu keessa jira, kan koti kan nama biraa miti jedheen amanaas waan ta’ef iddoo itti barbaachisu fi yeroo itti barbaachisuttii qabachun koo ittuman fufa.”

Biraaneen, ejjannoo akkanaa yoo qabaatte, ani Oromoo dha jettee himachuun ishiituu qaanii dha. Alaabaa mallattoo gabrummaa, kan ishii jalatti dhiigni ilmaan Oromoo dhangala’e, lafeen ilmaan Oromoo caccabe; harki fi harmi Oromoo murame, qabeenyi Oromoo yookaan saamame yookaanis barbadaa’e; uummatni Oromoo beela fi gadadoo keessatti kufe; ani ittiin milkaa’e jechuun diinummaa saba Oromoo ti. Warri kabajaan ishii affeeran sun warruma lafatti ishii dhidhiitan sanaa mitii?? Sana hundaa hirraanfattee, isaaniif mormaa jirtii? Iddoo itti barbaachisuu fi yeroo itti barbaachisetti qabachuu koo ittuman fufa yoo jettu, kaayyoo Nafxanyootaa galiin gahuuf murattee waan kaate fakkaatti. Eenyu akka injifatu, yeroon nutti haa agrsiistu!!!!

“Dhimma seenaa kana irratti akka nagaa fi araarri hubannoo dhugaa irratti hundaa’e uumamu hojii dhunfaan calqabe akkaa milkaahu qooda adda durummaa bahun ittuman fufa. Feedhi fi baasi maati kotin caalqabame waan ta’eef deeggarsa biro hinfeedhu.”

Seenaa walfaallessu dubbachaa; seenaa dhugaa dhoksaa; araarri fi hubannoon dhugaa akkamitti danda’ama? Gabroonfataa faarsaa; saba miidhame dagachaa; warra miidhan dhaadhessaa; warra miidhametti qoosaa; haqa fi dhugaa dabsaa, dhimma araaraa irratti hojjechuun hin danda’amu. Gama tokko goruu wayya. Biraanee, gama gabroonfataa gortee ciminaan isaaniif hojjechaa akka jirtu hubachuun nama hin rakkisu. Ishiinuu ifa gootee jirti. Gabaabumatti, akkuma ishiinuu jette, feedhi fi baasi maati ishiitiin projaktiin Miniliki fi Goobana Daaccee akka milkaawu karoora baafattee hojjechaa jirti jechuu dha. 

Wanti asirratti hubatamuu qabu fi adeemsa farra-Oromummaa ta’e kana keessatti ciminaan balaaleffatamuu qabu, waan Goobanni Daaccee Shawaatti dhalateef, waan Biraaneenis naannoo kanatti dhalatteef, seenaa burjaajessaa uumame kanaan Oromoo Shawaa bakka bu’uun akka hin danda’amnee dha. Tokkummaan Oromoo yommiyyuu caalaa ni jabaata, Gantuu fi Galtuunis yeroon isaan ittigaabban ni dhufa.

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

1 month ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

1 month ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

1 month ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

1 month ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

4 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

4 months ago