Oduu Haaraya

Xalayaa Banaa

Sadaasa 23, 2013
Gara: J. Dhugaasaa Bakakkoo, Hayyuu Duree QC-ABO
J. Daud Ibsaa, Hayyuu Duree Shanee ABO
J. Abarraa Tafarraa, Dura Taa’aa THBO
J. Ibsaa Naga’oo, Barreessaa Gumii Qabsaa’ota ABO
Irraa: Miseensota Kutaa ABO – Ameerikaa Kaabaa
Xalayaa Banaa Hoogganoota QBOf
Jaalan hoogganoota dhaabota siyaasa Oromoo,
Baroota dheeraa dabraniif dhaabota siyaasaa Oromoo hooggantan
tokkomsuun tokkummaa qabsaa’ota dhinsitanii QBO finiinsuuf yeroo
addaddaatti saba Oromoo abdachiisttan. Yeroo addaddaattis “tumsa”
“wal-hubannoo” fi kkf waliif mallatteessitanii “Internet” irratti
facaafttan. Magaalota hawaasinni Oromoo jiru hedduu keessa bobbaatanii
dhimma kana irratti ibsa kennitan. Lama-lamaan (bi-laterally) “haasaa
nagaatti jirra” osoo jettanii baroota hedduu dabarsitan. Ha ta’u
malee, milkiin haga ammaatti mul’ate hin jiru.
Milkaa’u illee yoo hanqattan, tokkumaa qaabsaa’ota QBO dhinsuuf yaalii
gootan fi gochaa jirtan hundaaf galatni keessan guddaa dha. Ammallee
abdii hin kutatinaa, itti fufaa, jenna.
Dhiiroo “milkaa’uu dadhabuun kun maaliif laataa? Fedhiitu hin jiru mo?
Sirnnaani hin hojjettaminii? Yaaliilee hamma ammaatii godhamanii
mil’kaa’uu dhaban irraa maal barannaa?” Gaaffiileen jedhanitti deebii
barbaaduun yaalii ammaan booda godhamu milkeesuuf qooda guddaa qabaata
jennee amanna. Qabsoo tokkummaa qabsaa’ota Oromoo dhinsuuf godhamu
gufuu addaddaa irraa eeganii milkoomsuu fi firii itti gochuun gumaacha
hunda keenyaa gaafata yaada jedhutti waan amannuuf irratti yaada
kennachuuf dirqamnne.
Garuu, gaaffilee kanaaf “deebiin kan keenya qofaa dha” hin jennu.
Deebiin gaaffiilee kanaaf kennamuu danda’aniis “isaan nuti tarreessine
qofa” ilaalcha jedhu hin qabnnu. Obboleeyyan addaddaa iddoo addaddaa
dhaabbatanii rakkoo kana ilaalan irraa ka’uun deebii kan keenyaa gadi
ykn caalaa sirrii ta’e kennu danda’u. Xiyyeeffannaan keenya waan
dabreef wal komachuu miti; Kan dabre xiinxallee, waan irraa barannee
wal dura qabannee, fuula duratti qabsoo ummata keenyaa
tarkaanfachiisuu dha.
Kanaaf jecha, qabxiilee yoo ilaalcha gahaa kennitaniif sochii
tokkumaa qabsaa’otaa dhinsuuf godhamu fuula duratti tarkaanfachiisuun
milkoomsuu danda’u jennu tokko-tokko akeeknna. Ha ta’u malee, beekumsi
nuti waa’ee dhaabota kanaa qabnnu wal qixa waan hin taaneef,
qabxilleen kaafnu hundi, wal-qixa dhaabota hundaa ilaala jechuu hin
dandeenyu. Kan isin ilaalu keessaa filatanii dhimma itti ba’uun, kan
isin hin ilaalle dhiisuun, kan keessani.
Nu hofkalchaa!
1. Tokkummaan qabsaa’otaa kaayyoo ifaa irratti hundaa’uu qaba!
Sababoota qabsaa’ota Oromoo faca’iinsaaf saaxilan keessa inni guddaan
kaayyo QBO irratti ilaalcha ititaa dhabuu dha. Gara tokkoon kanneen
kaayyon QBO uummata bilisa fi biyya walaba ofiin bulu mirakaneessuuf
ta’uu qaba kan jedhantu jiru. Mooraan kun, wal-giddutti tokkummaa
uummatee, dandeetti, beekumsa fi qabeenya isaa walitti kuusee
sosso’uun qabsicha akka feesisutti geggeessuu hin dandeenye.
Keessattu, baroota kurnan dabran keessa, yaada fi toofttaan isaanii
faffaca’aa waan dhufeef, yeroo diinni qabsichaa jabaachaa deemuu,
mooraan kun garuu laafaa dhufe. Jeequmsi ABO keessatti bara 2001
dhalatee, dhaabcha gargar baqaqsuun gahe, laafina kanaaf qooda guddaa
akka gumaachee shakkiin hin jiru. Hundeen baqaqa kanaas hoogganoota
dhaabichaa gidduutti kaayyoo qabsichaa irratti yaadin ititaan dhibuu
dha. Kun hamilee saba Oromoo fi kan qabsaa’otaa cabsuun kaayyo kana
“bakkaan gahuun kan danda’amu hin fakkaatu” shakkii jedhu uume.
Caalaatti, shakkii kana kan hammeesse ammo, obboleeyyan yeroo dheeraaf
moora kana keessa turan, abdii kutannoo argisiisuun “haalli addunyaa
jijjiiramee jira; gaaffiin akkasii yeroo ammatti addunyaa keessatti
fudhatama fi deggersa hin qabu” jechuun yaada moraa kanaa faffacaasuu
isaanii ti.
Sababa kana irraan kan ka’e, moraa kana keessatti, jeequmsaa fi
dadhabinatu mul’ata. Osoo ofii isaanii gidduutti yaada ititaa hin
qabaatiin, jarmaa isaanii qaranii diinatti bobba’uu waan dadhabaniif,
sabichaafis hamilee kennuu dadhaban. Gabaabaatti, haalli kun,
miseensota dhaabota siyaasaa keesatti mamii fi afanfaajjii fide.
Deggertoota kaayyo qabsichaa keessatti hamilee caba fidee, jaarmota
siyaasaa gidduutti illee tokkummaa hamma turellee laaffise.
Gara biraan, kaayyoon qabsichaa, Impayericha dimookratessuun achi
keessaan mirga Oromoo argamsisuu ta’uu qaba kan jedhantu jiru. Mooraan
kun, jaarmota Oromoo walaba ta’an, kanneen heera Impaayerichaa
fudhatanii biyya keessa sosso’aa jiran fi kanneen biyya alaa taa’anii
ifatti ha ta’uu, dhoksaan ilaalcha kana babal’isan hammata. Isaaniis,
tokkummaan sosso’anii, wayyoomina argisiisuu waan dadhabaniif, sabni
Oromoo abdii akka irraa hin qabnne beekkamaa dha. Keesattuu,
“project”iin saaanii kun yeroo hedduu yaalamee kan dadhabame ta’uun
beekkamaa dha.
Gabaabatti, ilaalcha siyaasaa kana lameen irratti yaadni qabsaa’ota
Oromoo bakka lamatti hiramuun tokkummaa qabsaa’otaa irratti dhiibbaa
guddaa qabaachuu fi tokkummaaf gufuu ta’uun isaa beekkamaa dha.
Yoo gad-fageessinee ilaalle, dhimmi jaarmaa, kan diiplomaasii fi kan
qabsoo hidhanno ykn nagaa kan irratti hundaa’u kaayyoo bakkaan gahuun
fedhamu irratti. Kana irraa kan baramuu qabu, kaayyoo bakkaan gahuu
fedhan irratti walii-galteen yoo hin jirraanne, tokkummaa qabaachuun
hin dada’amu.
Yaadni akkas wal-irraa fagoon lama wal-falmaa jiraachuun, qabsoo
keenyaa keessatti afanfaajjii uumuu, nu laafiisuu fi tokkummaa
qabsaa’otaaf gufuu ta’uun isaa ifaa dha. Kanaaf, tokkummaan isin
fiddan kan dhugaan kaayyoo irratti hunda’ee ta’uu qaba!
2. Tokkummaan qaabsaa’ota Oromoo ummata keenyaaf dhimma tarsimooti
malee kan toofttaa miti!
Qabsoon tokkummaa qabsaa’ota Oromoo dhinsuu fi itichuuf godhamu ija
toofttaatiin ilaalamuu hin qabu. Har’a, qabxiin ummata keenya dhimma
kana caalaa yaaddessuu kan jiru nutti hin fakkaatu. Tokkummaan
qabsaa’otaa ittiin diina injifatanii biyya keenya fi saba keenya
bilisoomsuu qofaaf kan barbaadamu miti. Erga bilisa baanee boodallee,
biyya keenya misoomsuu fi sirnna haqaa fi dimookrassii keessatti
diriirsuun tokkumma qabsaa’otaa gaafata. Qabsaa’onni tokkummaa hin
qabnne, yoo biyya qabaataniis, osoo wal jeeqanii ummataas jeeqanii,
saba saanii “lola lammii” (civil war) saaxiluu danda’u. Qabxii kana
hubachuu fi gad-fageessanii itti amanuun fardii dha.
Sochiin isin tokkummaa qabsaa’ota Oromoof gootan hubannaa fi amantii
kana irratti hundaa’uu qaba. Tokkummaa qabaachuun waan Oromoo hedduu
gammachiisu ta’uu waan beektaniif jecha, ummata biratti jalala
horachuuf ykn bu’aa biraa irraa buufachuuf ykn “olola of irraa
dhaabuuf” ykn “haasaa nagaatti jirra” jechuu qofaaf akka toofttaatti
dhimma itti hin ba’ina. Bakka gahuu dhabuu yalii hedduu ammaan dura
gootaniif sababin tokko tokkummaa qabsaa’ota Oromoo akka toofttaatti
malee akka tarsimootti ilaaluu dhabuu keessan. Kanaaf, fuula duratti
irraa of qusadhaa!
3. Dhaabni isin hoogantan kan miseensota isaa ti, malee kan dhuunfaa
keessanii miti! Kana yeroo hunda yaadahdaa!
Dhaabni hoogganttan kan miseensota dhaabichaa ti. Hoogganni aangoo
irra yeroo dheeraa turuu irraan kan ka’e dhaabin kan dhuunfaa saanii
kan ta’e itti fakkaachuu danda’a. Dogoggora akkasii irraa of eeggachuu
barbaachisa. Kan hooggana filee aangoo itti keenne miseensota
dhaabichaa ta’uun irraafatamuu hin qabu! Deggersa fi qooda fudhannaa
miseensotaa malee sochiin keessan milkaa’uu hin danda’u. Kanaaf, mirga
miseensonni keessan imaammata, sochii fi murtiilee dhaaba saanii
keessatti qooda fudhachuuf qaban kabajaa!
Sababoota sochii isin tokkummaa qabsaa’ota Oromoo dhinsuuf goona
jettan gufachiisan keessaa inni tokko, sochii kana keessatti,
miseensota keessan qooda dhorkachuu fi yaada saanii kessumsiisuu
diduu dha jennee amanna. Ilaalcha “Kan wal-dhabu hooggana, kan
araaramus hooggana, miseensi maal keessaa qabaa?” jedhu irraa of
qulqulleessuu dadhabuu keessan argina. Hamma ilaalcha kana irraa of
qulqulleessittanitti, tokkummaa qabsaa’ota Oromoo dhinsuu hin
dandeessan. Qabsaa’onni isin tokkoomsuuf hojjenna jettan kun eenyu
isaanii? Miseensotuma dhaabota keessanii miti? Maree tokkummaa kanneen
akka tokkooman berbaadamu keessatti qooda hin fudhane ykn irratti
yaada hin kennanne milkaa’uu attamitti danda’aa?
Seena dabre irraa barachuu feesisa. Murtiilee gur-guddoon ammaan dura
osoo miseensota qooda hin fudhachiisin godhaman jeequmsa fi badii
guddaa fidan. Jecha kanaaf fakkeenyi irraa barachuu qabnu inni duraa
bara 1991 keessa mootummaa cehumsa Itoophiyya keessaa qooda fudhachuu
ABOn murteesse keessaa, miseensi dhaabicha qooda hin qabu ture. Murtii
fardiin akkasii qooda fudhannaa fi maree miseensotaan alatti godhamee
raabsameef. Bara 1992 keessa murtiin WBO mooraatti galchuu, beekumsa
miseensotan alatti ta’e. Itti bahiin isaa lubbuu ilmaan Oromoo
qisaasuu fi WBO hamma badinsaan gahuu ture. Fakkeenyi biraan, murtii
bara 2000 keessa “Ajandaa Nagaa” labsuuf godhame, kan miseensonni
dhaabichaa irratti hin mar’achiifaminii fi qooda keessaa hin
fudhatini. Itti bahiinsi isaas ABO bakka lamatti baqaqsuun QBO gara
boodaatti deebise jechuun ni dandaa’ama.
Qooda fudhannaa, deggersa fi fedhii miseensotaa keessanii malee,
tokkumaa qabsaa’otaa qofaa keessan fiduu hin dandeessan.
“Waliigaltte”, “tumsa”, “Walhubannoo” fi kkf mallatteessuu dura,
miseensota keessaniin mar’adha. Yaada saanii gaafadhaa. Dhimma kana
akka gaariitti hubachuu fi deggeruu saanii hubadhaa. Addunyaatti
facaasuu dura miseensota keessaniin gahaa.
Gabaabatti, mirga miseensota keessanii kabajaa! Qabsaa’onni isin
tokkoomsuuf hojjenna jettan miseensotuma kana ta’uu yeroo hunda
yaadadhaa! Dhaabichi kan dhuunfaa keessan osoo hin taane, kan
miseensota ta’uu hubadhaa!
4. Tokkoomuun qabsaa’otaa kan aadaan hojii saa hin jijjiiramnne QBOf
faydaa hin qabu!
Hammam illee yoo tookkomttan, yoo hojii qabsoo hojjettanii QBO achi
hin buttan ta;e ummata Oromoof bu’aa hin buufttan. Ummata Oromoo kan
aria’atama fi hacuuccaa diinaa jalaa baasuu dandeessan hojii qabsoo
hojjechuu qofaan. Hojii hojjechuun ammo aadaa hojii horachuu barbaada.
Dhaabonni keenya hundi, hoogganoota fi miseensota dabalatee, aadaa
hojii hin qaban. Kun jijjiiramuu qaba!
Akka barbaachisutti Oromoo ijaaranii bobbaasaa hin jiran. Waraana
ijaaranii guddisaa fi lolchiisaa hin jiran. Alagaa Oromoof firoomsaa
hin jiran.
Hedduun saanii karoora hojiillee hin qaban. Karoora humnna namaa
oogummaa fi dandeetti qabu horachuu, karoora beeksisii (propaganda),
karoora hojii diiplomaasii, karoora Oromoo biyya keessa fi alatti
ijaaruu, karoora of-irratti hirkannoo, karoora tikaa fi qaruutee
(security & intelligence) jaaruu, karoora waraana ijaaruu fi lakkobsa
fi aynaasaa wayyeessuu fi kkf hin qaban. Karoora hojii malee hojiin
hin jiru. Kan hin karoorffatin hojjetamee fi hin hojjetamnneesaa
madaaluun hin danda’amu. Kanaaf, dhaabonni keenya waggaa dha waggaatti
hojiisaanii hammam akka tarkaanfachisan madaaluu hin danda’an. Kaan
saanii gaaffii kanallee of hin gaafatan. Kun dhaabota keenyaaf aadaa
ta’ee jira.
Hojii Oromoo ijaaree bobbaasu, kan waraana ijaaree lolchiisu, kan
alagaa Oromoof firoomsu hoojjettu yoo ta’e malee tokkummaan keessan
qofaan ummata Oromoo waan gargaaru hin qabu. Aadaa hojii horadhaa!
5. Wal-tuffachuu dhiisaa!
Wal caalmaan dhaabota bilisummaa ummata tokkoo kan maadalamu, kaayyoo
ummatichaa bakkaan gahuuf hojii isaan hojjetan irratti. Hojii kana
keessaa kanneen gurguddoon, kan diiplomasii, kan waraanaa fi kan
siyaasaa ti. Isin keessaa kan qabso diiplomaasii Oromoo boonsu
“hojjechaan jira” jechuu danda’u eenyuu? Kan waraana diina haleelaa
jiru qabu isin keessaa eenyuu? Kan biyya keessatti ummata ijaaree
qabsootti bobbaasaa jiru hoo eenyu? Isin keessaa kan hojii kana
“kanneen hafan caalaan hojjechaa jira; Oromoo boonsaan jira!” jedhee
dubbachuu danda’u jiraa? Mee dhaabbadhaa of ilaalaa! Ebelu waraana hin
qabu, ebelu nama sadituu dha fi kkf jechuun keessan of gammachissuuf
yoo ta’e malee dhugaa qabatamaa keessa jirttan hin calaqqisu. Kannen
wal-cabsan fi wal-tuffatan tokkummaa ummachuu hin danda’an. Yoo
ummataniis, waaruu hin danda’u. Kanaaf, wal-tuffachuu dhiisaa! Walitti
dhufttanii wal jabeessuu fi QBO achi butuuf carraaqaa malee wal cabsuu
fi wal-tuffachuu irratti yeroo keessan hin balleessinaa.
6. Hoogganni seera dhaabni isaa tumateen hin bulle, tokkummaa
qabsaa’ota Oromoo dhinsuu hin danda’u!
Hoogganni sirnna dhaaba saatiin hin bulle, amantaa (credibility) hin
qabaatu. Keesattuu, hoogganni sirnnummaa (legitimacy) hin qabnne,
bakka dhaabichaa bu’ee haasa’uuf illee mirga hin qabu. Hedduun keessan
dhaaba bakka buuna jettan keessatti, gadaan keessan erga dhume
bubbulee jira. Ha ta’u malee, qaanii tokko malee aangootti rarraatanii
jirttu. Hoogganni har’a heera dhaaba isaa cabsee humnnaan aangotti
rarra’u, osoo bilisummaa baanee aangoo qabaate, sirnna dimookraasii fi
kan haqaa diriirsa jedhamee akkamitti abdatamaa? Erga gadaan keessan
dhumee booda akka heera dhaaba keessanitti filannoo haaraa osoo hin
geggeessin ykn miseensota keessanitti deebitanii gadaa keessan
dheeressuuf hayyama osoo irraa hin argatin, akkasumatti baroota
dheera aangoorra teessan, hooggana isin booda dhufuuf fakkeenya
akkamii taatuu? Heera fi seera ofii keessanii hin kabajin, miseensota
keessan akkamiin kabajchiisuu dandeessuu?
Tokkummaa qabsaa’ota Oromoo dhinsuu kan danda’an hoogganoota amantaa
(credibility) ummata biraa qaban, hoogganoota sirnnaa (legitimate
leaders) fi hoogganoota seera fi heera dhaaba saaniin bulanii bulchan
qofa. Kanaaf, heera fi seera dhaabota keessanii kabajaa; yoo gadaan
keessan dhumee jiraate, dura hoogganummaa keessan sirneessa!
Oromiyaan Ni Bilisoomitti!
Abraahim Abbayyee
D/T Kutaa ABO Ameerikaa Kaabaa (KABO-AK)

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Hayyuu fii gameessi Oromoo gara aakiraa deeman

INNAA LILAAHII WA’iiNAA ILEEYHII RAAJI’UUN PROF Mahdii Hamiid Muudee (Abbaan Gaazexaa Bariisaa) Hayyuun Oromoo guddaan …

6 comments

  1. Obbo Ibraahim Abbooyyee
    Dhugaa dubbachuuf kaayyoo fi ergama xalayaa kee kana mataa fi miilla isaa baruu hin dandeenye. Sababi isaas:-
    1ffaa, xalayaa dheeraa akkasii namni ta’ee dubbistu tokko illee hin jiru. Ijoo duubbii isaa argachuun haalaan ni rakkisa waan ta’eef oluluma jedhamee bira darbama.
    2ffaan, Warra walii galtee taasisan internet irratti qofa wal taatan jechaa atis internet irratti facaafta.
    3ffaa, waan kana akkanatti banaa gootee diinni Amaarrii fi Tigree akkasumas farreen qabsoo Oromoo dhaa hamma arganitti facaasuun kee maal haa fayyaduufii??? maqaa ABOn erga barreesiteefuu warruma dhimmi laallatutti maa hin ergiin?
    4ffaa, Ati jarreen kana irra beekaa fi gaafatama hogganummaa erga qabaattee Kaaba Ameerikaa taa’uu maal si barbaachise achuma bosona Oromiyaa galtee hojiin jara caaluun hunda isaaniituu ifitti maa hin fidiin??
    5ffaa, Bara kana waan baza bazaaa akkanaa walitti barreessuu irraa Oromoon guddatee jira. Dubbii nyaachuu irra akka Juwaar keenyaatti warraaqsaaf if kakkaaftee qabsoo ifaa fi waan hujiin muldhataa hojjedhu! :” Hamma namaa hin geessu,cabsa namaatiif hin teessuu” isa jedhee Oromoon mammaaku san fakkaata.
    Yaaboo waa hedduu jechuun ni dayama dhiise garuu.
    Nagaan
    Abdanna

  2. Obbo Qeerro.
    – Xalayaa dhimma Oromoo fuula 4-5 gadii ta’ee namnii dubbisuuf obsa inqabnee ykn yeroo inlannefii attamitti dhimma Oromo guddaf abdatama, attamitti seruously fudhatamas.

    – Gorsii ykn feefback biyya guddatee kan akka keessa jirru keessatti bayee barbadama, irraa baratama, ni jalaatama, gatii gudda qaba, Oromoo bira yeroo ga’uu maaliif akka rakkootti laalama?

    – Xalayaa kanaa keessa kan firri fii diinni Oromoo beeku inqabnee wanni dhoksaan isa kami.
    Secretiin kamii, waligaltee tu dhoksaa dha moo, maqa dhaboole kanatu dhoksaa dha moo haala keessa jiruttu dhoksaa dha moo, kami dhoksan. Waan wagga meeqa uumata Oromo irra dhokfama ture yeroo gadi ba’ee waan inni fide argneti jirra.
    Uumatnii Oromo dhimma isa laalu, dhimma dhaaba isa bakka bu’u laalu baruuf mirga fii fedhii qaba.
    Anatu sii beeka, anatu sii qabsa’a jira ati harka maradhu ta’ii inni jedhan bakka inni ittin nu gaha’e arginee jirra.

    – Baza bazaan kun afaan maali akka ta’e inbeeku, amma nama ingeessu jecha atis nama kana cabsa jirachu kee ni hubatta laata?

    Erga kana keessa waanni ati jibite ykn qabsoo Oromo dhaaf inta’u jettu kana jedhii lafa nu ka’ii wali bira qabnee laalla. Malee ergaa isaa dhiiftee nama kanatti bobba’un kee akka ati biased taate argsiisa. Oromoon dhugatti kana irra gudate jira.
    Ani akka Oromo tokkotti Obbo Abrahim Abbayee dhaan yaada kanaf guddoo galatoomin jehan.

  3. Yaaboo namtichi Qeeyrro ufiin je’u tun maangoddoo bara 60 caalu tahuun isaa waan inni barreesse irra beeyssisa. Saa’iba hoogganoota ergaan kun itti ergamee ti fakkaata. Akkum saanii ergaa dhiisee ergamaatti bobbaha. Akkun saanii dubbii diinotin Oromoo aki gaarii beekan Oromo irraa dhoksuu rakkata. Akkum saanii yoo dirree jiratte malee dhimma QBO irratti yaada kannachuuf mirga hin qabdun usii taahii namaan ja’a. Akkum saani hunda anatu beeka ati cAllis namaan ja’a. This iS an old person with an old idea. One of those who believes just becaus he is a member for tens of years (but no specific contribution except to attend meetings) hev knows better.

    Obbolleeyssa keenna Abrahim,

    Ilmi siif yaa dhalatu. Kan dhalate siif haa guddatu. Kan ati barreeyssite tun tan baroota dheeraaf beeknnu garu akka miseensa ABO tokkottii gad baanee dubbachuuf duguguruu digddaa dhabnee turre. Kunoo yeroo duraaf gad baatanii dhugaa dubbachuu keessaniif galata arkadhaa. Jabaadha.

    Abubakar

  4. Yaa Abrahim keenyaa jara kanatu waa na dhagaha jeetteea yeroo itti balleista.
    Xalayan dhuguma ni dheerattee haa taatuu ijoo dubbi jajjabdu uf keesssaa qabdi. Kan gurra qabu hadhgahu

  5. Erga itti-gaafatamaa ABO USA tateee mee maal dalagde ati? Namni Oromoo yeroo beekusa uumataa fi Habashoota barbaadu toftan guddaa tokkoo ABO fi Hoggana isaa balaallefachuudha. Atis kannuma barbaadeeti malee utuu bu`aa qabsoof ta`ee karaa caasa jiruun yaada kee dhiyeefata malee web-cite oloolati hin ergitu. Namni Oromo maqan isaa barrame hundi isanii teroo jalqaba barreesan ABo balalefachuun eegalan, atis isanu hordofaa jirta, karaa milkii siif haa ta`u.

  6. Oromoo ashamaa Ibraahim hoggana ketiin ajajjamuu diduu feta sa? doomaa wahi usi ta’ii Oromoo irra.

Leave a Reply to Abooma Cancel reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *