Oduu Haaraya

”Y O O M DH U F T A A G U G E E K O O !!”

Mallattoo nagaakoo yaa baattuu nageenyaa

Quba qabdaa laataa nu siyaaduu keenyaa

Sibirroota birootti makamtemoo laataa?
Waadaa fuutee baate isa guyyaa qaataa?

Garaa nama nyaattaa qalbii keenya hattee
Seenaa waliin qabna kanaaf numararte

Gonfoo walqixxummaa madaallii qajeelaa
Hawwinee dheebonnee yaadaan sikajeellaa.

Qalbiin hunkuramnee hafuuraa ciccinnee
Waliin dudubbannee abdiiyyuu kutannee

Adurreen adalli wicii baay’ee fixxe
Dukkanaan da’attee fuutee boollaan lixee

Arraagessi budaan innichi adda booqaa
Adalicha faana tokkoomuuf carraaqa

Isaan lamaaniyyuu dhiiga xuuxaa ooluu
Qabeenyaa Gugeerratti yeroo hundaa walloluu

Risaafi ruumuichi Joobirris kaateetuu garaa Waaqaa keessa
Cabsee alanfatee balleessuu barbaadee gayyaafatee qeensaa

Lukkuun jinnii kaatee isheen jibbisiistuun ilma namaaf diinaa
Huummoon raqa nyaattuu ilbisa bosonaa hundumashee beeknaa

Simbirri daaloteen gamanaa fooriccee nagaa booressitee
Oduu hololaafi isa madda hinqabne walitti odeessitee

Hurunguun bosona keessaa ol dachaatee maasii keessa guuttee
Simbirri halkanii dukkanaan da’attee adalaaf wallaatte

Cirriin saawwan keenya ittuma ejjettee dhiiga isaanii xuuxxu
Warreen nuguggubdu nurraan galagaltuu ykn nurraa hincittuu?

Jetteetu gugeenkoo gugeen miilla calii dubbatti gaararraa
Dhufunshee dirqama faajjii fannifattee teessee adda leencaarraa

Gugeen yoomuma dhufti faajii bilisummaa ciniintee baadhattee
Ijoolleen kee marti dhufaatiikee dhaggeefatu gurri dhadhaabbatee!

Qalbii cabe suphuuf kutannoon hojjettee
Ilbiisota mara boollatti ukkaamsitee kaanis injifattee

Simbirroon dhokattuun maqaanshee jibbame mormi jalli diimaa
Magariisa uffattee odaan faayamteetu labsii nagaa himaa

Yaadaan burjaaja’aa qalbiin namiidhameen hubamee keessikoo
Qara ilaalaan hafamoo dafteetu naadhuftaa bareedduu Gugeekoo!!
***///***
Gugee koo gugeekoo gugee lammii keenyaa,
Dafiitii nuuf koottu dheeboonnee si eegnaa,
Baay’ee si dheeboonnee dheebuu nama maraa,
Si hin argiinaan du’aa addunyaa kanarraa?,

***///***
Nagaan boqonnaakee addunyaa danboobsaa
Eebbi sirraa burqu hinqabuum lakkoofsa

Kanaafuu naaf dafi maaloo an muddamee
Erga duriin jooraam hinuma naaf gamee

Akkakee kaachuudhaaf samii Waaqaa keessaa
Giidoo bututaakoo humna nadaangessaa

Dheebuu cimaan qabaam beekuuf argamakoo
Si eegaanoo jiraa yoom dhuftaa Gugeekoo?
****/////*****
naanjedhaniim….

Gugeen ati eeguu isheen bara sanaa,
Yaadaan gadi hin teenye hin dhiisni maassana,

Lakki hindagatne waadaa fuutee baate,
Addunyaatti dhugaa jiru himuuf beellama itti taate

Gargaarsas nifeeti kan keessaa fi alaa
Waanta salphaa miti jireenyi halaalaa

Gugittii kaleessaa haadha wucii hoomaa
Furmaanni hin argamu eeguu qofaan homaa

Wucooliinshee kitilaan har’a guddatanii
Dhufaatii haadhasaanii kanneen eeggatani

Akka daftee dhuftuuf yoo ariifatani,
Galma sirreessanii haala haamijeessani

Yoos dafee nita’a dhumaatiin barichaa,
Abdii hin kutatiin yaa dhala Oromtichaa,

ammas naan jedhani…….

Dhugaadha nan fayyee aannanuman dhugee
Maalin dubbiseeree Akka harma haadhaan itti jedhe luugee….
Beekantu akkas godhee natti kaasee Gugee

Dhaggeeffattee laataa maaloo Gugeen keenyaa.
Abdi irraa qabna kanaaf karaa eegna.
Dhaga’uu baattuyyuu garaahoo wal beekna.
Barrisii nuuf kottu maaloo Gugee keennaa!

Atis nu jiraadhuu Beekan yaa beekaa koo hayyuu bara qubee
Dubbiin Gugee kanaa hundaa garaa gubee
Abdiidhumaan eegna gaaf tokko yoo dhufeeee.

Beekan Gulummaa Irranaa Mardaasaa, 2014
***///****

*** KUN BU’AA SUKKUUMMII SAMMUU KEESSANII DABALATEETU!!***

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Damee hortee oromo Ilmman Oromo lammii (2)

1,boraana 2 ,bareentu Booranni Ilmman.12 dhalee isaanis 1,wallagga 2,callabba 3,goree 4,goofaa 5,sidaamoo 6,arii 7,dacee 8,garrii …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *