Oduu Haaraya
kora hos

Yaamicha Kora Hawaasa Oromoo biyya Suweedin

Jalqabarratti oromoota hunda bakkuma jirtanitti nagaya, fayyaa, quufaa fii badhaadhina isiniif hawwina. Akeekni barreeyfama kanaa akkuma beekkamu Hawaasni Oromoo Sweden kora hawaasaa bara baraan godhachuun isaa beekkamaadha. Korri baranaatiis akkuma barametti Oromoota biyyoota Awurooppaa adda addaa keeysa jiraatan hunda gara kora kanaa afeeruudha.

Kora kana irratti sheekkoonni keenya bebbeekkamoon biyyoota akka England, Sweden, Norwey fii biyyoota Awurooppaa biraa irraa dhufan gorsa garagaraa mimmi’aawoo kanneen duniyaa fii aakhiratti faayda-qabeeysa tahan nuuf dabarsu.

Akkasuma hayyoonni keenya kan garagaraa qophiilee bashannansiisoo fii barsiisoo tahan qabataniiti nuuf dhihaatu. Dargaggoonni keenyaafii daa’imman keenyaas wantoota garagaraa kanneen nama booharsan qabataniiti qophaawanii nu eegu.

Keeysummoota walgahicha irratti hirmaatan maraaf haalli bultiitii fii akkasuma namoota daa’imman qabatanii dhufaniifiis wantoota daa’imman itti bashannananiifii eegmayni isaniitiis qophaaweeti jira. Saniif jecha Oromoonni marti kanneen biyyoota Awurooppaa keeysa jiraattan, warri Rabbiin haala mijjeeyseef hundi akka dhuftanii kora kanarraa qooda nu wajji fudhattan kabajaa fii jaalalaan isin afeerra.

Magaalaan korri itti tahu:    Göteborg/ Gothenburg

Iddoon Korri itti tahu:    Sjumilaskolans aula

Friskväderstorget 13

Guyyaan korri itti tahu:     

 Ebla/April 4 fii 5 bara 2015

Odeeyfannoo dabalataatiif:

Boonaa Dagaa 0720530935

Musxafaa Adam 0730702202

Nejash Abdurahman 0769823405

Koree Qindeeysituu Koraa!

Check Also

taayyee fi abiyyi

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha …  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan …

3 comments

  1. DHugummaa amma maqaa oromootiin issa waamicha amma waama jirttan kana waama jirttu?warreen amma maqa issaan asirriitti tarreessa jirttan kun keessattuu maqa musilima yokkan warraa islama qofa waan taheef bayee nama yaachisa gariin keessan kana djibuuti irraa bassassumma jalqabee haga amma basassumma hojacha jiru fi ture dha garu amma maqa oromoo dhawachuun keessan bayee nama ajiiba,
    kan beekun namarra jiru akka kufuanitti hin hafan jadhu oromoon yoo makmaaku akka duanitti hafuu malee teessan kan issa kan gara fuula dura kayyo kan hubanna malee amma kun dhimma oromoomitti tolee hafarssa bubbee.
    IUOF gg

  2. Sila kora ummata Musliimaa moo kora Hawaasa Oromoodha? Maalo dhimma amanataa yooni ta’ees gaggeeffatuun mirgaa maaf maqaa Hawwaasa Oromoo itti moggaasuu barbaachise? Kuni of xinneessuu ykn wal xinneessuudha. Maqaa ummata guddaa kanaan taphatuun yaa dhaabatu. Safuu Oromoo qabaadhaa.