Oduu Haaraya

Yoomuu Caalaa – Yaroon Amma! (Oromoota Diinaa Waliin Jiraniif)

Abbaa Urjiitiin

abbaa urjiiHawaasni dadhabaan jabaa ollaa qubatu ykniis kan halaalaa itti dhufuun injifatamuun kan Oromiyaa tiin hin jalqabamne. Seenaa jabaan dadhabaa gabroomfatee qabeenya isaarratti abboomuu keessattiis, Minilik kan duraa tii miti. Hawaasota daangaa haalaan bal’ifatanii ummatoota hedduu if jalatti bulchan keessaa tokko kan Roomaa, kan maqaa Roman Empire-itti beekkame.

Bulchiinsi Mootummaa Roomaa kan waggoota 1480-iif waare, yaroo takkatti, hawaasota Oroppaa bira taree kanneen Aasiyaa fii Afrikaa hedduu dhunfate. Hawaasota Oroppaa kanneen bulchiinsa isaa jala naqatee keessaa tokko kan Engilizi. Mootummaan Roomaa lammii Engiliz baroota dhibba afuriif bulche. Gabrummaa baroota dila kanaa booda, Engiliziis, harqoota gabrummaa Roomaa jalaa walaboomee, irree horatee, hawwasa naannoo isaa jiranitti duuluu jalqabe. Diila bara 1172 lammii ollaa Ireland-itti bobbaheen jalqabee, odoo itti fufuu, bara 1926-tti, lafa adunyaa irraa siisoo (1/3)  dhunfatee, ummata adunyaa kan gaafasii keessaa rubuu (¼) harqoota gabrummaa jala naqate.

Hawaasni xiqqaan lafa bicuu qarqara Oroppaa qubatu akkamitti ummata dila kana gabroomfachuu dandaye gaaffii jattuuf deebisaan gabaabduun, “irree waraanaa tan warra itti duulurra cimtuu qabaachuu dha” tan jattu taa ti. Ee! Hawaasa tokko miya waraanaa kan irra ammayyaa tiin itti duulanii irra aanuun ni dandyama. Garuu, warra afaanii fii aadaa isaanii hin beeyne humna waraanaa qofaan, baroota dhibbootaan lakkaawaman hacuucanii if jalatti jiraachisuun hin dandayamu. Kana godhuuf, lammii biyyaa keessaa garii ifitti maxxansuun barbaachisa. Kana odoo fagoo hin deemne seenuma teenyarraa huu ni hubanna.

Biyya arra Xoophiyaa ja’amtu keessatti ummatoota argaman Minilik bulchiinsa isaa jalatti kan haqaare miya waraanaa kan alaa fidatee qofaan odoo hin taane, lammii biyyaa keessaa garii ifitti maxxansee ti. Eega harqoota isaa jalatti naqatees mootummaa isaa kan sabachiise, gargaarsa namoota hawaasota dhufate keessaa arkateen tahuu seenaan ni mirkaneessa. Shiftoonni Tigree, Wayyaaneen, ykn (TPLF)-iis, bara 1991 kan Finfinnee seenan Oromoota if dura ofaanii ti. Baroota diiydamii afran dabran kan aangorra turuu kan dandeeysees, filmaataan odoo hin taane, maxxannootaan tahuun, ummata biyyaa tii fii adunyaa hundarraa dhokotaa miti.

Akkuma armaa olitti ibsametti, jabaan ni dadhaba, dadhabaaniis ni jabaata. Adunyaa keessaa gabroosaa xiqqeessaa kan dhufe haala kana. Odoo haalli kuni beekkamuu, arra, bara 2016-itti, bara irreen nama bulchuun dhabamaa jirutti, Wayyaaneen, bakka buutuun lammii bicuu, kan haaawasni isii godiinoota Oromiyaa keessaa tokkoon wal hin-ginne, Oromiyaa keessa qawween turuuf tattaafachaa jirti. Haalli isii kuni nama hin dinqisiisu. Raajiin, yaroo tana keessatti, Wayyaanee aangorratti tursiisuuf Oromoonni tumsa tahaniif jiraachuu dha.

Arra, ummanni Oromiyaa qabsoo bilisummaa tiif yoomuu daran fincilaa jiran. Fincila kana keessattiis du’aa, madaawaa, kumaatamaan hidhamaa, mana hidhaa keessatti cafaqamaa jiru. Qabsaawotaa fii sab-boononni wal’aansoo ummata Oromiyaa finiinsaa jiran kuni, galiin karoorafatanii fii dhaadannoon jalatti hiriiran, wareegama isaanii tiin lammii biyyaa mara bal’oo bilisummaatti baasuu dha. Ummata bal’otti baasuuf qabsaawaniif keessaa gariin warruma diina aangoorra tursiisuuf jalatti hiriirani.

Warri Wayyaanee yoomuu hawaasa Oromiyaa tiif alaga. Waan keessatti deemaa jiru beekuu hin dandayan. Kanaaf, lammii keessaa garii aangoo sobaa tiin ummata dura qaqqabu. Warra aangoorratti ramadan hunda duuba taa’anii waan hojjatamaa tooytu niis ajaju. Kana haala Abbaay Tsahayyee kan dhiheenya kanaarraa hubachun ni dandayama. Qaallichi maqaaf “gorsaa Muummicha Ministeraa ti” ja’ama. Haala kanaan malee bulchiinsa biyyaa tii fii caasaa dhaaba sobaa kan maqaa Adda Dimokraatawaa Warraaqsa Ixoophiyaa (ADWI) ykn Ihaadig moggaasaniif keessallee hin-jiru. Namicha kanaa tu, warroota maqaaf aangoo bulchiinsa biyyaa qaban ja’aman walitti qabee irrattib geerara. Bookkisa tuffii! Qarrinfoo baasee, “yo akkas hin goone…!” je’ee itti dhaadata.

Haasoyni qaallichaa, warra walitti qaberratti aangoo hammam akka qabu namaaf mirkaneessa. Namichi gaara keessaa bahullee, gaarri mataa isaa keessaa hin baane. Akkasitti haasawuun isaaf jeeynumma. Warra callisanii dhageeffataniif ammoo salphina gudda. Wanni sagaleerraa hubatamu kana. Qaallichi waan danfuuf qaba. Kaa’imman Oromiyaa tu, harka qullaa qoma isaanii bananii waraana isaa dura dhaabbachaa jira. Wallisoota lammii tu, ija isaa duratti, Finfinnee keessaatti itti geerara jira. Haalli kuni, bu’ura mootummaa isaa tan duubaan gaggeessa jiru sossoose.

Abbaay Tsahayyee faan sadoo fii qananii keessa jiranirra turuuf ijibbaatu. Qophii tanaa tii fiis waajjira nageenya OPDO-rra tarkaanfatanii, suduudaan manguddootaa fii kaa’imanii biyyaa keessa caasaa basaasummaa diriirfachaa bahan. Kana malees, yaroo hamtuuf, waraana haala adda-addaatti leenjifatanii jiru. Garuu, akkuma Roomaan baroota dhibba afur booda Injiliz keessaa bahetti, akkuma Ingiliziis mootummaa isaa, tan yaroo takka, “tan aduun keesatti hin dhiine” ja’amte dhabetti, Wayyaaneeniis, haga fedhan wixxifataniis, Oromiyaa keessaa ni bahan. Bahuu qofa odoo hin taane, akkuma dargaan Hayle sillaasee fii Dargii tiis yakka hojjataniif adamamanii seeraaf dhihaatanitti, miidhaa ummata Oromiyaarraan gayaa jiraniif, miseensoonni isaanii tiis adamamanii, Caffee heeraa tan Oromiyaatti dhihaachuuf taa’u.

Duguuggaa shanyii tan Wayyaaneen ummata Oromiyaa irraatti hojjachaa jirtuuf lammii keessaa warri tumsa tahaafii jiran kana beekuu qabu. Diina jala eegee lulaa, hambaa aangoo fii qabeenyaa jala harka qabachuun, ollee-bulee ni hanqata. Mootummaan Wayyanee diigamaa jirti. Warra sullama aangoo isaan godhatanitti gara-galauun kufiinsa mootummaa shaffisa. Haalli kuni, guyyaa bilisummaa dhiheessuu malees, hegeree isaanii tolcha. Dirmachuu isaanii tiif, lammiin akka nama ilmi irraa bade deebi’eefitti qoma banate isaan simata. Kana hubachuun, akka walliftuun Oromiyaa Saalihaa Saamii jettetti, ummata isaanii maddii dhaabbachuun, yoomuu caalaa – yaroon amma!

 

Oromiyaan ni bilisoomti!

 

Abbaa Urjii

abbaaurjii@gmail.com

 

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …

One comment

  1. Barruu haalaan itti yaadamte, tan yeroon isii ammaati. Galatoomi, Abbaa Urjii.

    Ee dhugaa dha, warra Roomaa fi ka Ingliz caalaa kan humna lolaa horate hin jiru. Galiin wayyaanee fi meeshaan isii mummuraa kan amaayera Roomaa fi kan Ingliz hin gehu. Yoo nuti jabaanne, yeroo woggaa tokko hin caalle keessatti galii isii goggoysuun, humna waraana isii duwwisuun qullaa isii dhaabuu dandeenya. Mee haa jabaannuu.