Oduu Haaraya

Sirni awwaala goota Oromoo Koloneel Aliyyii Cirrii magaalaa Bodireetti

Qeerransa baddaa baalee
Goota lapheen sibiilaa
Alagaan si’i ilaalee
Gaaddidduu kee argee jiila!
‘Dhoombiriin’ diina dhooftee
Galchite boolla sirrii
Duuti hin ooltuuf duute kaa
#Aliyyii korma #Cirrii!
Waan barri hin dabarsine
Seenaa deesse aayyoon kee
Foon keetu du’e malee
Yoomuu hin du’u kaayyoon kee!

(Walaloon kan Leta Qenanii Agati )

Koloneel Aliyyii Cirrii

Sirni awwaala goota Oromoo Koloneel Aliyyii Cirrii magaalaa Bodireetti guyyaa har’aa bakka angawootni mootummaa fi Ummanni hedduun argamanitti Kabaja ol’aanaadhaan geggeeffamee jira.

Check Also

Bulchiinsa gabrummaa diddaaf wal’aansoon godhaamaa turte tan ifatti mul’atte, bara 1962.

Abbaa Urjii tiin: Hawaasa Oromoo kanneen bulchiinsa gabrummaa Minilik jalatti buluu diddaaf lolanii injifataman keeysaa …