Oduu Haaraya

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu?

Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota 600 oliif dhaloota irraa gara dhalootaatti Baallii dabarsaa asiin kan gahe Gadaan Oromoo Gujii, Abbaa Gadaa 75ffaa isaa har’a argateera.

Har’a ganama Abbaan Gadaa Jaarsoo Dhugoo Abbaa Gadaa Gujii 75ffaa ta’uun Abbaa Gadaa Jiloo Mandhoo irraa baallii fudhataniiru.

Ofii Abbootii Gadaa 74 kanaan dura gaggeessan ni beektu? Maqaa Abbootii Gadaa bara ALI bara 1424 irraa kaasee hanga ammaa gaggeessaa turan waajjira Aadaa fi Turizimii Godina Gujii wabeeffachuun akka armaan gadiitti qindeessineerra.

1. Jaajee Gobbaa (1424-1431)
2. Jiloo Wolaagoo (1432-1439)
3. Jirruu Utaa (1440-1447)
4. Guluu Gaararroo (1448-1455)
5. Heebanuu Jaldoo (1456-1463)
6. Biilaa Mannakkoo (1464-1471)
7. Bariisoo Gumii (1472-1479)
8. Adoolaa Aanolee (1480-1487)
9. Gobbuu Shaaroo (1488-1495)
10. Goluu Subbaa (1496-1503)
11. Cirrii Galoo (1504-1511)
12. Buurcisaa Shaabuu (1512-1519)
13. Aagaa Kallachaa (1520-1527)
14.Jiloo Bidoo (1528-1535)
15. Gannaalee Roobee (1536-1543)
16. Duuba Adii (1544-1551)
17. Aboo Rasoo (1552-1559)
18. Halakee Lulee (1560-1567)
19. Gobbuu Daayyee (1568-1575)
20. Gannaalee Lolee (1576-1583)
21. Qandhashoo Aanolee (1584-1591)
22. Jaboo Sibuu (1592-1599)
23. Qalqalcha Tukashoo (1600-1607)
24. Gololcha Sharuu (1608-1615)
25. Abbaa Doolaa (1616-1623)
26. Aagaa Saqoo (1624-1631)
27. Jiloo Bansaa (1632-1639)
28. Haroo Shotee (1640-1647)
29. Jaarsoo Dhugoo (1648-1655)
30. Ushoo Waaree (1656-1663)
31. Gannaalee Dambalaa (1664-1672)
32. Godaanaa Aagaa (1672-1679)
33. Godoree Bokkoo (1680-1687)
34. Jaarsoo Soree (1688-1695)
35. Aagaa Buudee (1696-1703)
36. Tukee Shifaa (1704-1711)
37.Jiloo Badhaa (1712-1719)
38 .Aagaa Waaree (1720-1727)
39. Birraa Lukee (1728-1735)
40. Jiloo Xuulloo (1736-1743)
41. Balakkoo Jiloo (1744-1751)
42. Budhushoo Halakee (1752-1759)
43. Soraa Bulultaa (1760-1767)
44. Ijuu Gallabee (1768-1775)
45. Surroo Cekoo (1776-1783)
46. Jiloo Waaree (1784-1791)
47. Galchuu Kemaa (1792-1799)
48. Miidhee Niitii (1800-1807)
49. Daadaa Kuraa (1808-1815)
50. Xiloo Soolee (1816-1823)
51. Bunoo Dhaa’ee (1824-1831)
52. Dasee Halakee (1832-1839)
53. Bunee Boruu (1840-1847)
54. Aagaa Kallachaa (1848-1855)
55. Adulaa Karaa (1856-1863)
56. Waaqoo Gaararroo (1864-1871)
57. Birraa Cuqqee (1872-1879)
58. Aanolee Badhaa (1880-1887)
59. Roobaa Boruu. (1888-1895)
60. Jiloo Kendhoo (1896-1903)
61. Galchuu Curruuqoo (1904-1911)
62. Jiloo Bokkoo (1912-1919)
63. Jiloo Sayee (1920-1927)
64. Aagaa Adii (1928-1935)
65. Ushoo Jiloo (1936-1943)
66. Tukee Guyyee (1944-1951)
67. Jiloo Mixoo (1952-1959)
68. Adoolaa Jiloo (1960-1967)
69. Girjaa Jiloo (1968-1975)
70. Adoolaa Aagaa (1976-1983)
71. Godaanaa Kattaa (1984-1991)
72. Aagaa Xeenxanoo (1992-1999)
73. Waaqoo Duubee (2000-2007)
74. Jiloo Maandhoo (2008-2016) 

Visa mindre

Check Also

aafrikaa kibbaa

The Story Of Oromo Slaves Bound For Arabia Who Were Brought To South Africa

Author: Fred Morton (MENAFN– The Conversation) In September 1888, the HMS Osprey serving in the …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *