Oduu Haaraya

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi manneen jireenya 25 ol tahan guutumatti barbadaa’aniiru.

Haa ta’u malee Tola RABBII fi tumsa Bulchiinsi Magaalaa Roobee konkolaataa ba**laa ibi**ddaa too’atu,akkasuma hirmaannaa ummataatiin gara birootti akka hin ceeneef too’atameera.

Hanga ammaatti miidhama qaama namaa irra gahe wanti beekame hin jiru.

Hawaasa keenya RABBIIN obsa isiniif haa kennu,waan isin tuqeefis RABBIIN waan har’aa fi bor kana caala itti gammaddaniin bakka isiniif haa buusu.

Dhaamsa:

Akkuma Ergamaan Keenya Nabi Muhammad صلى لله عليه وسلم nuuf dhaaman,yeroo hirribaaf qophii goonutti wantoota rakkoof nama saaxilan,kan akka Ibiddaa kan akka Nyaata bilcheessuuf fayyadamnu,ykn qorraaf mana oowwisuu,keebiliiwwan Elektirikii,akkasuma kuusaa bishaanii cufuu,ujummoolee bishaan keessa dhufan cufuu fi wantoota rakkoof nama saaxilan ofirraa laaluun dirqama.

RABBIIN nu haa eegu.

Maddi: Qilleensi Nasrii Bubbise( Ustaaz Ibsaa Hasan )

Check Also

oromo community

OROMO COMMUNITY MEETS WITH U.S. SPECIAL ENVOY

Falls Church, Virginia (7/20/2023) — On July 20, 2023, representatives from OLLAA and U.S.- Oromo communities met …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *