Oduu Haaraya

Mariin nagaa mootummaafi WBO gidduutti Tanzaaniyaatti gaggeeffamaa jira

Mariin nagaa mootummaa Itoophiyaafi Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) gidduutti Tanzaaniyaatti Kibxata irraa eegalee gaggeeffamaa jira.

Maddeen bakka marichi itti gaggeeffamaa jirurraa BBC’tti akka himanitti, Kibxatarraa kaasee mariin nagaa Taanzaaniyaatti gaggeeffamuutti jira.

Mootummaa Itoopiyaafi WBO gidduutti mariin Ebla 25, 2023 irraa kaasee Tanzaaniyaatti akka eegalu Dilbata darbe sagantaa galataafi beekamtii kennuu qaamota akka kaaba Itoophiyaatti dhfuuf gummaachaniif qophaa’erratti ture MM Abiy Ahmad uummataaf kan ibsan.

Dubbii MM Abiy hordofee WBOnis ibsa baasen, mootummaa Itoophiyaa waliin Tanzaaniyaatti mariin gaggeeffamuuf akka jiru BBCf mirkaneesseera.

Maddeen BBCtti akka himanitti, qamolee lamaan bakka bu’uun namoonni jaha jaha gamaafi gamanarraa maricharratti hirmaataa jiru.

Gama mootummaatiin jila marii kanaaf gara Tanzaaniyaatti warra imalan keessaatti namoonni marii kanaan dura mootummaa Federaalaafi TPLF waliin Piritooriyaatti turerratti qooda fudhatan keessaa, Ambaasaaddar Radiwaan Huseen fi Dr. Geeniyoon Ximootiwoos akka argaman maddeen BBC’tti himniiru.

Gama WBOtiin ammoo hayyuu Seenaa buleessi Piroofeesar Mahaammad Hasan, gorsaa ajajaa waliigalaa WBO Obbo Jireenyaa Guddataa, Obbo Xahaa Abdii, Luba Bantii Ujuluukeessatti akka argaman beekameera.

Mariin kun hanga dhuma ji’a kanaatti akka itti fufu dubbataniiru hirmaataa marii kanaa keessaa tokko kan ta’an.

Maddi: BBCAO

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *