Oduu Haaraya

About Us

Waayee keenya

Waa’ee dimma oduu Oromoo kan isin barbaachisu, dantaa ummata keenyaa, barruun, sagalee fii viidiyoon bifa ammayyaatiin saffisaan isin bira geenya. Jiruuf jireenya gadadoo dhalli Oromoo baha, dhihaa, kaabaa fii kibbatti keeysa jiru ija takkaan dhiheessina – bakka si laallatu, si laaleessu dhugaa jiru dhooysuu fii hagooguun alatti isini biraan geenya.

Akka marsariitii oduu Oromoo isa ammayyaa Afaan Oromootiin bifa bareedaa fii kuwaalitii qabuun isin biraan geenya. Afaan keenya guddisuurratti dirqama fii qooda kheenya baana.

Guyyaa hunda waan haaraya bakka si ilaallatu maxxansina. Marsaan keenya viidiyoo dhibbootaan  lakkawaman fii barruu 6000 ol qaba. Marsaan keenya sirritti babbanuun akka waa irraa barattuu abdii qabna. Tumsaa fii Yaanni keessan nuuf barbaachisaa dha. Yaada keessaniif kabajaa fii bakka ol aanaa qabana. Dhimma dantaa Oromoof bu’aa qaba jettanii barruu fii sagalee nutti ergitan mara irraa muruufii kukkutuun maletti maxxansina. Kana yoo jannu waan Oromoo walitti buusaa gunkuma bakka hin kanninuuf.

Nutti akka quuftan wabii isiniif kennina …. sababni isaas yaada keessaniif dhimmamna,  ulfaatullee sagalee keessan ummata keessan bira akka dhufu goona!!