Oduu Haaraya

Ajajaa olaanaan ABO-WBO Marroo Dirribaa mariin nageenyaa ABO-WBO fi mootummaa Itoophiyaa gidduutti taasifamu hanga dhuma baatii kanaatti akka itti fufu himan

Ajajaa olaanaan ABO-WBO Marroo Dirribaa mariin nageenyaa ABO-WBO fi mootummaa Itoophiyaa gidduutti taasifamu hanga dhuma baatii kanaatti akka itti fufu himan

Ministirri muummee Abiy Ahimad mariin nageenyaa gartuulee lameenii har’a akka jalqabu dheengadda himanii turan.

Jiilli gartuulee lameenii gara Taanzaaniyaatti imaluunis ibsameera.

Ministirri muummee Abiy Ahmad Dilbata Ebla 23, 2023 Waraana Bilisummaa Oromoo waliin Taanzaaniyaatti mariin eegaluuf kan jiru ta’uu dubbatanii turan.

ABO-WBOnis ibsa baasuun mariin akka jalqabamu mirkaneesse.

Dhimma marii nageenyaa ilaalchisuun yaada kan kennan ajajaa olaanaan ABO-WBO Marroo Dirribaa marichi bakka qaamni sadaffaan argametti adeemsifamaa jedhan.

Marrooon marii kana irraa maal eegdu gaaffii jedhu BBCn gaafateef, ‘’karaa gaaffii siyaasa Oromoo deebisuu danda’uun’’ waliigaltee nagaa irra gahuuf qophii tahuu himan.

Kanaan dura marii wal fakkaatuuf jila isaanii Keeniyaatti erganii mootummaan Itoophiyaa irraa hafuu kan himan Marroon, gaaffiin siyaasaa Oromiyaa keessaa fi Tigiraay keessaa waan wal hin fakkaanneef akka kan Tigiraay sanatti yeroo gabaabaatti dhumata jennee garuu hin eegnu jedhan.

‘’Nagaa buusuuf waan sharafan jiraachuu mala, garuu gaaffii bu’uuraa sana miti. Gaaffii uummata Oromoo namni lamaafi sadii taa’ee kan murteessee biraa deemu miti. Wal bira teenyee mari’annee furmaata arganna yoo tahe akka sabaatti Oromoonis keessaa qooda qaba.’’ jedhaniiti jiru.

Gama tokkoon abdii akka qaban himanii, gama biraan ammoo waan bara 1991 fi 2018 irraa ka’uun ‘’ija shakkinis ilaalla’’ jechuun ajajaan olaanaan WBO Marroo Dirribaa dubbataniiru.

ABO-WBOn ibsa tibbana baase keessatti mootummaan Itoophiyaa gaaffii bakka qaamni 3ffaan walaba ta’e jirutti iftoominaan mari’nna jenne dubbanne san fudhateera jedhe.

Murtoo kanarra ga’amuun isaa adeemsa Oromiyaatti nagaa waaraa buusuuf yaadameef tarkaanfii murteessaadha jedhee jira.

Haata’u malee, mootummaan jecha “Shanee” jedhuun isa waamuun sirrii akka hin taaneefi fudhatama kan hin qabne ta’uu kan ibse Waraanni Bilisummaa Oromoo, dhimma sirrachuu qabu ta’uu hubachiiseera.

“Maqaan dhaaba keenyaa Waraana Bilisummaa Oromoo kan jedhudha. Kanaaf, maqaaa biraa kamiiniyyuu waamuun sirrii kan hin taaneefi eenyummaafi kaayyoowwan keenya akka hin taanetti ilaaluuf yaaludha,” jechuun mootummaan maqaaShanee’ jedhee waamuu akka dhaabuuf gaafateera.

Walitti bu’insa waggootaaf tureen booda ministirri muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad Waraana Bilisummaa Oromoo waliin wal dhabdee jiru marii nagaan xumuruuf qophii tahuu himanii, qaamni ilaallatu hunduu nageenya uummataaf jecha gahee isarraa eegamu bahuu qaba jedhan.

Ministirri muummee Abiy Ahmed sagantaa waraanni Yaa dhaabbatu, nageenya yaa Waaressinu jedhuun qaamolee waraanni kaabaa dhaabbatee nagaan akka bu’u gumaachan galateeffachuufi beekamtii kennuuf Finfinnee Paarkii Michuummaatti qophaa’erratti nageenya dhimmanii barbaaduufi irratti hojjechuun barbaachisu cimsanii dubbataniiru.

”Nageenyii akkasumaan kan dhufu miti, dhamaatiifi gootummaadhaan dhufa,” jedhan ministirri muummichaa.

Source: OMN

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *