Oduu Haaraya

“Himannaa sobaatiin shororkeessaa jedhamee baqataa ta’ee hafuu hin barbaadu”



Namota biyya alaa taa’un hookkara kaasuun mootummaa Federaalaafi naannoo humnaan kuffisuuf sochii taasisaniiru jechuun Mootummaan Itoophiyaa akka dabarfamanii kennamaniif ajaja baasuu beeksiisee keessaa tokko kan ta’e Obbo Lidatuu Ayaaleew yoo himannaan irratti baname gara Itoophiyaatti akka deebii’an BBCtti himan.

Namoota tarree kana keessatti eeraman 11 keessaa tokko kan ta’e Obbo Lidatuun, hanga ammaatti himannaan akka irratti hin banamiin abbookaatoo isaaniitiin akka itti himameefi yoo himannaan irratti baname garuu Ameerikaa irraa gara biyyaa akka deebi’an af-gaaffii BBC waliin taasisaniin dubbataniiru.

“Abookaatoo koo waliin dubbataan jira. Hanga ammaatti himannaan narratti hin banamne. Callisee karaa raadiyoofi TVn himan malee himannaan dhiyaate hin jiru. Yoo himannaan banameen deema,‘‘ jedhan.

Dhukkuba onneetiif Ameerikaatti hordoffii wallaansaa taasisaa jiraachuu kan dubbatan Obbo Lidatuun, yoo himannaan irratti baname garuu beellama wallaansaa isaanillee dhiisuun akka biyyatti deebii’an dubbattan.

“Himannaan banamuun dura deebi’uun bu’aa hin qabu. Beellama yerootiin rakkachuu malee faayidaa omaa hin qabaatu. Kanaaf, hangasitti wallaansa kiyyan hordofa,” jedhan.

Itti dabalunis, “yoo himannaan baname garuu yoo abbootiin seeraa hanga beellama wallaansa kiyyaa ittaaanutti akkan turu kan hayyaman ta’e nan tura. Kan hin hayyamne yoo ta’e garuu beellama wallaansaa koo adda kuteen deebi’a‘‘ jedhan.

Humni Waloo Nageenyaafi Tasgabbii Itoophiyaa ibsa torbaniin dura baaseen, Obbo Lidatuu dabalatee, tarkaanfii qabeenyaa namoota “sirna heera mootummaa humnaan diiguudhaafi garee yakka shororkeessuummaa keessatti dhoksaan soch’aa turan” jedheen to’achuuf tarkaanfii akka fudhatu ibsee ture.

Dabalataanis, “Naannoo Amaaraatti sirna heera mootummaa humnaan diiguun aangoo naannichaa humnaan qabachuuf humnootii finxaaleeyyii dhoksaadhaan biyya keessaafi biyya alaatti ijaaramuun socho’an irratti tarkaanfii seeraa keessa hin deebii’amne‘‘ akka fudhatu ibsuun ni yaadatama.

Obbo Lidatuu dabalatee namoonni 11 “gochaa shororkaa raawwataniin akka barbaadamaniifi Dhaabbata Poolisii Idil-Addunyaa (INTERPOL) waliin ta’un to’annaa jala oolchuuf seeratti akka dhiyeessu” ibseera.

Obbo Lidatuun gamasaanitiin, erga himannaa shororrkessummaa kana dhagahaniin booda gara biyyaatti deebii’uuf murteessuu BBCtti himan.

“Sababiin beellama wallaansaa qabuuf malee jalqabas kanan dhufe asi jiraachuuf miti. Dhiyootti gara biyyaattan deebi’a jedhee yaadaan jira. Kanan tures sababii beellamni wallaansaa hin xumuramiin tureef jechadha. Erga himannaan shororkeessummaa dhufeen booda ammoo yeroon itti deebi’uu yaadeen dura dafeen deebi’a jedhen jira,‘‘ jedhan.

Beellama wallaansaa Ameerikaa isa tursiisu qabaatulleen seeraan waan barabaadamaniif gara Itoophiyaatti deebi’unsaanii akka hin ollee himan.

“Seeraan barbaadamuun jiraannaan, dhimmi shororkessummaan gaafatamu jiraannaan, ani murteefi gaaffii mana-murtii irraa fagaadhee jiraachuu waanan hin barbaadneef deebi’uf murteesseera,” jedhan.

Namoota sochicha keessatti hammataman keessaa muraasni to‘atamun yakka shororkeessummaa ittiin shakamaniin mana-murtiitti dhiyaachun isaanii guyyoota muraasa darban gabaafamee ture.

Obbo Lidatuunis yoo deebi’an akka hidhaman hubatanis garuu akka deebi’an himaniiru.

“… Haala biyyattii keessatti argamtuun wal qabatee deebi’ee bahuurratti rakkoon na mudachuu danda’a jedheen hanga ammaa ture. Ammas beellam wallaansaa qaba. Garuu yoo itti-gaafatamummaan seeraa dhufe omaa gochuu hin danda’u,” jedhan.

Sababii gara biyyaatti deebi’uf murteessan yoo himanis, “tokkoffaa yakkin ittiin himatame gonkumaa seenaafi eenyummaa koo waliin hin deemu. Sirnichi ammoo kana kan raawwateef sababii mataasaa qaba.

“Sababiin tokkooffaan, himannaa akkasii sodaadhee akkan gara biyyaatti hin deebiineef gochuuf waan ta’eef kana hayyam koon fudhachuuf qophiidha.”

Dhukkubbii onnee isa mudate “kan hordoffii cimaa’’ barbaadu ta’ulleen biyyatti deebi’uun “qaama qabsoo‘‘ ta’uu akka amanu hima.

“Qabsaa’aa nagaati ani. Yeroo hunda seeratti nan amana. Kanaan duras yeroo shaniifi jaha hidhamee mana murtiitiin bilisan ta’e. Ammas karaadhuma sanaan dhaqeen sirnicha fuldura dhaabbachuun qaba jechheen deebi’a,‘‘ jedhan.

Obbo Lidatuun, “eenyu keenya iyyuu akka hin hidhamneef, gatii akka hin baafneef sababii mataa keenyaa qabna. Qabsoo yoo jedhame garuu waan hunda cabsanii gatii baasuu qabamu hunda baasuudha,” jechuun ejjanoosaanii ibsan.

Wayita gara biyyaatti deebi’anittis rakkoo isaan mudachuu malu hubatanis fuldura dhaabbachuuf qophiidha jedhan.

“… Yoon deebi’e rakkoon na mudatu salphaa hin ta‘u. Cimaa akka ta’un aman. Rakkoon sun tarii lubbuu kiyyalleen kan na dhabsiisuu malu ta’uu danda’a,’’ jedhan.

“Garuu haala amma biyyattiifi ummanni keessatti argamuun, namoonni sadarkaa kanatti gatii baasuuf qophii ta’uu malee jijjiramni ni jiraata amanta jedhu hin qabu. Namni sadarkaa kootti argamu gatii baasuufi qabsoodhaaf fakkeenya ta’uu qaba jedheen amana,’’ jedhan Obbo Lidatuun.

Yoo Itoophiyaa galuutti poolisiidhaan gara mana hidhaa akka geeffaman osoo beekuu, gara biyyaa deebi’uuf attamiin murteessite? jedhamuun gaafiii BBCn dhiyaateef deebii yoo kennan Obbo Lidatuun, ‘‘ Muuxannoosaa qaba, hidhamuu kan jalqabaa koo miti. Qabsoo akkasii keessa waggoota 31 darbaniif tureera. Yeroo jahaaf hidhameera waan ta’eef hidhamuun anaaf waan haaraa miti,’’ jechuun deebiisan.

Warra Lidatuu waliin ibsa walfakkaatu keessatti eeraman keessaa, ‘‘namoonni adamsamanii hidhamaa akka jiran beeka,’’ kan jedhan Obbo Lidatuun, ‘‘kan buufata xiyyaaraatti na eegu poolisii akka ta’uufi akkan hidhamus nan beeka. Qophii sammuu qaba,’’ jedhan.

‘‘..Amma himatamee yaa turuu osoon hin himatamiinuu, yeroo kamuu halli akkasii na mudachuu akka danda’u sammuudhaan qophiidha. Naasuun omaa narra hin jiru,’’ jedhan.

‘‘Kanan eeguus waanuman baredha. Sirnichi hanga jirutti haarsaa kana calu dhimmi nama kaffalchiisu akka jiraachuu maluun eega,’’ jedhan.

‘‘Koolu-galtummaa gaafachuun dadhabee miti. Osoon gaafadhees rakkoo siyaasaa narra jiruun wal qabatee haala salphaa ta’een fudhatama argachuun danda’a. Garuu fedhii isaa hin qabu. Haala kamiinuu baqadhee jiraachuu hin barbaadu. Amanamaadha ani’’ jedhan.

Itti dabalunis, ‘‘qabsoodhaaf ammoo yeroo dargagguummaa koo dabarseera. Waggaa 31’fan qabsaa’e. Kanaan booda ammoo waanan gara laafuufi harsaa hin baasuuf jedhu hin jiraatu. Wanti na eegu baayyee cimaa akka ta’e beeka,’’ jedhan.

Gara Itoophiyaatti akka deebi’an wayita beeksisaniitti deebiin firoota irraa kennameef maal akka fakkaatu gaafatamanii, ‘‘firoonni, hiriyoonni, jaalleewwan qabsoofi deeggartoonni koo ilaalcha gosa lamaa qabu. Rakkoo fayyaan qabu hubachuun deebi’uunkoo balaa akka qabaatu kaasuun akkan hin deebineef kan barbaadaniifi dhiibbaa taasisan jiru.

‘‘Kanneen nama kaayyoo ta’uukoo hubachuun murtee sirriidha murteessite jechuun na deeggaranis jiru. Sanas ta’e kana, kan murteekoo kan na jijjirsisu hin jiru,’’ jedhan.

Obbo Lidatuun dhimma gara biyyaatti deebi’u dhaabbilee mirga namaaf falmaniitti beeksiisuu eeraniiru.

Biyyattiin muddama cimaa keessa waan jirtuuf gara biyyatti erga deebi’aniin booda kallattii qabsoo kee jijjirruu ni dandeessaa? jedhamuun kan gaafataman Obbo Lidatuun, ‘‘wanti jijjiramu hin jiraatu’’ jedhan.

‘Ejjannoon koo siyaasaa yoomuu hin jijjiramu’
‘‘Siyaasa Itoophiyaatti namoonni tokko tokko ejjannoo qabaniin dhiibbaan akka kiyyaa wayita mudatutti ejjannoo wayita jijjiiran irra deddebiin mul’atu. Waan akkasii kun anarratti baayyee hin hojjatu,’’ jedha.

Obbo Lidatuun akka jedhanitti, ‘‘ejjannoon ani qabu, akkasumaan osoo hin taanee kan itti yaadeefi itti amanee hordofudha.’’

Ilaalchi siyaasaa ‘‘gama qabsoo nagaatiinis ta’e gama biraatiin qaban kan durii irraa waan adda ta’e hin qabu. Nan qabaadhas jedhee hin amanu’’ jechuun deebii kennan.

‘‘Dhiibbaan akkasii wayita dhufutti bakka jiranitti cimsanii dhaabbachuudha malee haalawwaniin dirqisiifamuun kallattii gara biraatti imaluuf fedhii hin qabu. Kanaaf, ilaalchan qabu baayyee kan jijjiirame miti,’’ jedhan.

Gara biyyaatti deebi’uuf kan murteessanis Interpoliin akka hin qabamne ykn ‘mootummaa Ameerikaatiin dabarfamanii akka hin kennamneef sodaatanii’ akka hin taane dubbatan Obbo Lidatuun.

‘‘Sirnni waggaa 27 darbe namoota hedduu shororkeessummaan farajee ture. Namni kamuu garuu dabarfamee hin kennamne. Kanaaf, yaaddoo omaa hin qabu. Anis kanan deemu kanaan wal qabatee miti,’’ jedhan.

Gara biyyaatti dee’ibuuf osoo hin yaadne achi taa’anii yaaddoo omaa akka hin qabaannee kan dubbatan Obbo Lidatuun, ‘‘dhimmikoo isa miti. Himannaa sobaatiin shororkeessaa jedhamee himatamee biyya alaatti baqataa ta’ee hafuu hin barbaadu. Kaayyoo kiyya miti.’’

‘‘Ummata waliin ta’un rakkoo biyya keessa jiru qooddachuufan barbaada. Hanga dhuma jireenya kootti achuma taa’een qabsaa’u barbaada. Waadaan koo sana kabajuun malee kallattii itti gaafatamummaatiin poolisiin na qaba jedhee yaadda’uun miti.’’

Obbo Lidatuun waggaa lamaan dura meeshaa waraanaa seeraan ala qabachuufi hookkara kakkaasuu dabalatee himannaawwan adda addaa irratti dhiyaachuun Bishooftuutti mana-murtiitti dhiyaataa turan. Falmii cimaa abbookaatonni isaanii sabaan Oromoo ta’aniifi ilaalcha siyaasaa inni qaburraa adda ta’e qaban taasisaniin bilisaan kan gadhiifaman Obbo Lidatuun, abokaatota bilisaan isaaf dhaabbachaa turan addatti galateeffatanii turan.

Obbo Lidatuun erga mana hidhaatii gadhiifamaniin booda ammoo wallaansa fayyaatiif jecha gara Ameerikaatti imalanii yeroo ammaa kana achi jiru.

Yeroo dhihootiin asittis, miidiyaalee dhuunfaafi mariiwwan Yutuubii irratti gadhiifaman adda aaddarratti dhiyaachuudhaan ifatti haasawwan mootummaa qeeqaniif balaaleeffatan yoo taasisan dhagahamaa jiru.

Kanaan wal qabatees Obbo Lidatuun namoota kaan waliin gochaa shororkeessummaatiin shakkamamuun mootummaan akka barbaadaman maqaansaanii eegamuun ni yaadatama.

Maddi: BBC Afaan Oromoo

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *