Oduu Haaraya

Haleellaan godina Horroo Guduruu aanaa Amuruutti akkaan hammate jedhu

Godina Horroo Guduruu aanaa Amuruutti, haleellaan hidhatoota faannootiin raawwatamu tibbana akkaan hammaachuufi lubbuun namoota nagaa darbaa jiraachuun himame.

Qaamoleen nageenyaa mootummaan naannoo sanatti bobbaase, furmaata argamsiisuuf hojjetaa hin jiran jechuun komatamu.

Kaleessaafi dheengadda qofa gandoota baadiyyaa Amuruutti namoonni nagaa 7 ol hidhattoota faannootiin ajjeefamaniiru.

Manneen jiraattotaa gubachuufi saamichi qabeenyaas badiiwwan hidhattoota kanaan raawwataman keessaa muraasa.

Viidiyoon mul’atu kun yeroo hidhattoonni faannoo laga Mormor ce’uun gara Horroo Guduruutti duulan kan agarsiisudhaa jechuun maddi keenya maatii isaa waliin Amururraa gara biraatti baqatee jiru tokko nuuf hime.

Viidiyoo kana irratti sagaleen dhaga’amu hidhattoonni kunniin afaan Amaaraatiin yeroodubbatani.

Sababa waqtii roobaatiin lagni guutee isaan ceesisuuf rakkoo yoo itti ta’u agarsiisa.

Hidhattootni faannoo bifa duulaatiin Naannoo Amaaraa irraa gara Oromiyaatti ce’aa jiran kun, weerara guddaa bifa haaraatiin godina Horroo guduruu Wallaggaa irratti bananii jiru.

Gareen hidhattootaa Iskindir Naggaatiin durfamu kun, yeroo dhihoo as ijaarama haaraa maqaaWaraana Uummata Amaaraa” jedhu moggaafachuun, waraanaaf of qopheessaa turaniiru.

Tibba darbe Dahannoon hidhattoota kanaa Naannoo Amaaraa, Gadaamii Goojjam kallattii Bureen argamu keessatti haleelamuu mootummaan ibsee ture.

Haa ta’u malee gareen kun, Bureerraan Oromiyaa lixaa irratti waraana erga labsee bubbuleera.

Torbanoota sadii as, Aanaa Amuruu gandoota baadiyyaa 16 keessatti haleellaan haaraa mul’ateera.

Buqqaatota duraanii kanneen deebi’anii qubatanii turan dabalatees gandoonni haaraa hedduunis weerara haaraa kanaan miidhamaa jiru.

Godinaalee Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaa aanaalee Amuruu, Haroo, Jaardagaa Jaartee fi Kiiramuun yaaddoo keessa jiru.

Haleellaa tibbana raawwatameenis gandoota baadiyyaa Aanaa Amuruu kan ta’an Siiddan Barkalleefi Cidhattii keessatti yakkoonni ajjechaa raawwatamaniiru.

Dargaggoo Firdiisaa Gammachuu Amantee namoota guyyaa dheengaddaa ajjeefaman keessatti argama.

Firdiisaan dhalataa magaalaa Agamsaa yeroo ta’u, kamisa darbe jechuunis gaafa 1/10/2015 kallattii ba’umsa Amuruu irraan qarqara magaalaa Agamsaa bakka addaa Diddibbee jedhamutti hidhattoota faannoon ajjeefame.

Firdiisaa Gammachuu barataa kutaa 12ffaa akka tureefi foormii qormaata biyyaalessaa guutee qormaataaf qophiitti utuu jiruu humnoota kanneeniin ajjeefame.

Duula weeraraaafi ajjechaa bifa duulaatiin uummata Oromoo godinaalee Horroo guduruu Wallaggaa fi Wallagga Bahaatti baname kanaan, guyyoota sadii dura aanaa Amuruu keessatti haatii fi ilmaan lama ajjeefamuu maddeen OMN-tti himaniiru.

Weerarri kun bifa haaraatiin deebi’ee ka’us, mootummaan Oromiyaa lammiilee isaa tiksuuf kaka’umsa agarsiisaa jiru hin qabu jechuun hawaasni komataniiru.

Uummatni Oromoo kallattii hundarraa sagalee akka isaaniif ta’u kan dhaammatan jiraattonni aanaa Amuruu, sababa tajaajilli telekoomii citeef ukkaamfamnee jirra jedhan.

Maddi OMN

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *