Oduu Haaraya

Konkolaatoonni barattoota Oromoo funaanuuf dhufte Magaalaa Awwadaayiin Sakaalamtee dhadhaa Abidda bu’e ta’uu dhaan Cileetti dabalamtee jirti!!

konkolaataa gubate

Maqaan kun Namoota baayyeetiif Haaraa taatus uummata Magaalaa Awwadaayii fi keessattuu Barattoota Oromoo Yunversiitii Haramaayaa Barataniif maqaa yeroo mara Afaan keessaa hin dhibamne dha.”Paatroolii” jechuun Konkolaataa Waraanaa Sagalee fokkisaa fi nagaa nama dhawwatu kan of keessaa baaftuufi Barattoota Oromoo Yunversiitii Haramaayaa Barataniif Geejiba Reebichaa taatee waggaa hedduuf kan tajaajilte dha.Barataa Oromoo Mooraa keessaa Fudhatanii Reebuu gaafa fedhan yeroo mara Konkolaataa kanatu itti ergama.Konkolaataan Paatroolii jedhamtu kunis gaafa “dhaqnee Barataa Oromoo Mooraa keessaa fidannee dhufna” jedhan ni dhageessi fakkaata gaafas Dirreen wal ishee hin ga’u akka Jabbii Haadha Argattee quruphisti.Magaalaa Awwadaay keessa xurumbaa ishee Afuufaa Darbiti.uummati Magaalaa Awwadaayis Gaafa Sagalee Konkolaataa kanaa dhaga’an eessa akka isheen deemtu waan beekaniif Barattoota Oromoo Yunversiitii Haramaayaa Baratanitti “Geejibi Keessan dhufteetti dafaa Miliqaa..” jedhanii itti dhaamu.

Inni kaan haa hafu bara 2014 dhimma Maaster Pilaanii Finfinnee irratti yeroo Barattoonni Yunversiitii Haramaayaa Mormii dhageessisuu jalqabanitti Barattoota Tasgabbeessuuf garasitti kan ergame Obbo Abduleziiz Mohammad “Kottaa Gaaffii Barbaaddan na gaafadhaa” jedhee barattoota Goyyomsee erga walitti qabee booda “Gaaffiin keessan sirrii miti” jechuu dhaan Battalumatti Paatroolii Barattoonni argaaf jibbitu kana Lamaanitti Waraana guutee fidee akka isaan barattoota kana reeban ajaje.

Bara Darbe Barnootarraa qabamee mana hidhaa keessatti reebamee kan ajjeefame Barataa Alsan Hassen maqaan Masoo(Nick Name) isaa “Paatroolii” jedhama.Alsen Hassen Paatroolii kan jedhameef akka Konkolaataa kanaa sagalee fokkisaa qabaatee ykn Barattootaan akka Konkolaataa kanaa jibbameef miti.akkuma Barattoota Warra kaanii Konkolaataa kana irraa Jiila Guddaa waan qabuuf Sagalee konkolaataa kanaa gaafa dhaga’u ni birrata.Guyyaa tokko Osoo rafuu Hirriba keessaa “Paatroolii” jechuudhaan iyyee Utaalee ka’e.kanaaf jedhanii Hiriyoonni isaa “Paatroolii” jedhanii maqaa masoo Laataniif.

Guyyaa Har’aa Mormii Guddaa magaalota Baha Oromiyaa Harar Awwadaayi fi Haramaayaa irratti ka’een konkolaataan Barattoota Oromoof yaaddoo taatee jiraachaa turte kun Har’as akkuma kanaan duraa seetee Gammachuu dhaan uummata Oromoo Funaanuuf osoo gara Haramaayaatti Imaltuu uummata Magaalaa Awwadaayiin Sakaalamtee dhadhaa Abidda bu’e ta’uu dhaan Cileetti dabalamtee jirti!!

konkolaataa gubate1

Check Also

taayyee fi abiyyi

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha …  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan …