Oduu Haaraya
ontaariyoo1

To Oromos in and out/ around of Ontario

Hawaasa Oromoo Ontarioo fii nannawaa,

Dargaggoonni Oromo ‘’Oromo Youth Association of Ontario’’ (Waldaa Dargaggoo Oromo Ontario), sagantaa agarsiisa aadaa mataduree A Night in Oromiya jedhuun guyyaa dilbataa Onkololeessa 9 bara 2016 qopheesse irratti akka nuuf argamtan kabajaan isin affeeree jirra. Bakki sagantichaa “3710 Chesswood Dr. Toronto, Canada” sa’aa 4:00 (sa’aa booda) haga halkan walakkaa sa’a 12:00 tti.

Kaayyoon agarsiisa kanaa bal’innaa fi barreedinna Oromiyaan qabdu hundaa mul’isuu fi calaqqisisssuuf yoo ta’u, karaa sirbaa, dhiichisa, walaloo, mudhisa artii, dramaa fi sagantaawaan adda addaa biraas qabatee dhiyaata. Walumaa galatti qophiin kun bashannaansiisaa fi barsiisaa akka ta’uufii galagala addaa ta’ee akka yaadatamu abdii qabna

Waldaa Dargaggoo Oromo Ontario keessaa (OYA Ontario) gurmuu dargaggoota Oromoo xiyyeefannaa fi ka’umsi isa aadaa uummata Oromoo ifatti baasee agarsiisuu, qodaa fi hambaa Oromoo barsiisuu fi beeksisuu fi dargaggoo Oromoo humneessuu irratti hojjataa. Nuyi Dargaggoon Oromo Ontario tti argamnu sagantaa kana qopheesuuf yoo karoorfannu waldaaleen hawaasa Oromoo Hamilton, Kitchener/Waterloo, fi Ottawa sagantaa bareedaa nuu qopheesaa jiru irraati hirmaataa jiru.

Kanaafuu sagantaa dargaaggoon Oromoo akka Oromootti of ibsan aaddaa fi eennyummaa Oromoo olqabuuf qopheessan kana deegartanii akka irratti argamtan abdachuun kabajaan isin affeerree jirra. Nullee dalagaa kana fedhii guddaan waan dalagaa jirruuf bakka isin itti argamtanitti kabajuuf barbaanna.

Isiin akka keessummaa keenyaatti simachuu hedduu irraa gammanna, yoo gaaffii qabaattan gara emailii ykn bilbilaan akka qunamntan.

Galatooma akka acii wal arginuu abdi qabna,
Waldaa Dargaggoo Oromo Ontario

To Oromos in and out/ around of Ontario,

The Oromo Youth Association of Ontario (OYA Ontario), extend our invitation to attend our upcoming Oromo cultural show, A Night in Oromiya, on Sunday 9th of October of 2016. The event will be held at Montecassino Banquet Hall (3710 Chesswood Dr. Toronto, Canada) from 4:00 p.m to 12 p.m.

The main objective of this show is to encompass and embrace the beautiful diversity within Oromia during the special evening through song, dance, poetry, art displays, and drama pieces in addition to others. All the while, this show will be entertaining as well as educational.

The Oromo Voice International is a committee of Oromo youth focused and motivated to bring the Oromo culture into light, heightening awareness and empowerment of Oromo youth. We, the Oromo youth of Toronto and Greater Toronto Area (GTA), are hosting this event together with the Hamilton, Kitchener/Waterloo, and Ottawa Oromo communities are also taking part in the creation of this wonderful show.

We request for your attendance in hopes that you would like to support youths who identify as Oromos and are working to raise its awareness through keeping the Oromo culture alive. We have taken the duty to heart and would be pleased to share the celebration of our culture in your company.

We would be honored to have you as our guest, please do not hesitate to forward your questions. If you have any questions email us or call us with the provided contact information at the bottom of the flyer.

Thank you, hope to see you all,
Oromo Youth Association of Ontario Committee

Check Also

taayyee fi abiyyi

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha …  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan …