Oduu Haaraya

Yuunibarsiitii Amboo Qajeelama TPLF Irraa Fudhate Barattoota Oromoo Barbaadaa Jira.

aamboo5

Bulchiinsii Yuunibarsiitii Amboo Mirga Barattoota Oromoo cabsuun Barattoota Oromoo Dootsisuu,Barnoota Irraa Arii’uuf fi Hiisisuuf Qajeelama TPLF Irraa Fudhate Barattoota Oromoo Barbaadaa Jira.
===========

Amajjii 19,2016 Bulchiinsii Yuunibarsiitii Amboo Mirga Barattoota Oromoo cabsuun Barattoota Oromoo Dootsisuu fi Barnoota Irraa arii’uuf hidhatti galchee dararuuf qajeelfama Mootummaa Wayyaanee Rawwachiisuu qofaaf jedhee Barattoota Oromoo 16 hatattamaan barbaada akka jiruu Beeksiisa Amajjii 19,2016 baaseen Beeksisee jira. Barattoota Oromoo kana irratti rakkoon tokkoo bakka fedheetti iyyuu irra ga’ee yoo argamee Itti Gaafatamaan Mootummaa EPRDF/TPLF/OPDO fi bulchiinsaa yuunibarsiitii Amboo ta’uu Sabboontootni fi uummatni Oromoo akeekkachiisan.

Barattootni Oromoo beeksifnii irratti Ba’ee hatattamaan barbaadamaa jiran maqaan isaanii kanneen armaan gaditti argaman kana:

1.Barataa Olaanaa Waaqoo.
2. Barataa ,Liibaan Dhangi’aa.
3, Barataa Abdii ejjetaa

4. Barataa kiisii Hinkoosaa
5. Barataa Firoomsaa Geetahuun
6. Barataa Tokkummaa Tuulii
6,Barataa Waaqumaa Gosaa
7,Barataa FIraanbar Nugusee
8,Barataa Gammachiis Booranaa
9,Barataa Gammachiis Qananii
1 Barataa Hiinaaftuu lammaa
12,Barataa Firaa’ol Namarraa
13, Barataa Gammachiis Hayilee
14, Barataa Gamachuu Amanuu
15,barataa Natiree Tasfayee
16, Barataa Daani’eel Mokoonnoon kanneen jedhaman irraatti beeksiisa diinummaa maxxansuun attattamaan barabaadamtuu jechuun barattoota Oromoo irratti Shororkeessa jiraachuun abbaa irreef fumaata tokko illee kan hin qabne ta’uun ibsame jira.

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Qeerroon lafaa ol ka’i mirga kee kabachiisi Hayyoota keetis hiksisi

PRO.Mararaa Guddinaatiin Yaa Saba Bal’aa !! Akkuma beekamu yeroo ammaa kana haala rakkisaa fi yaaddessaa …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *