Oduu Haaraya

‪#‎OromoProtests‬ duulli Selam Bus kasaarsuudhaa milkaayee jira.

Kana jechuun duulli dhaabbate jechuu miti. Wayyaaneen tooftaa biraatin kubbaniyyama san as baasuuf mala malaa jirti. Kanaafuu dammaqinsaan hordofuun gaafa isaan halluu takkaahuu maqaa biraatin as baasan itti duuluun barbaachisaadha.

Amma qabeenya/ kubbaaniyyaa Wayyaaneen kan biraa adda baasuun irratti fuulleffachuun barbaachisaadha. Kubbaaniyyaalee kana waliin haa fillu.Duulli godhamu mikaa’uudhaaf qabeenyi / kubbaniyyaan filamu ulaagaalee armaan gadii guutuu barbaachisa.

1) Warshaan ykn kubbaniyyaan sun meeshaalee call isaa omishuuf isa barbaachisan argachuuf akkasumas callaa isaa gurgurachuuf hamma takka Oromoofi Oromiyaa irratti hirkata. Kana jechuun meeshaa omishaaf isa barbaachisan qonnaan bulaa Oromootirraa bitataa? Oromiyaa keessa fe’atee deemaa? Callaa gurguru hoo Oromootu irraa bitaa? Oromiyaa keessaa dabarsee gurguraa?

2) Kubbaaniyyaan sun qaamaan Oromiyaa keessa jiraa?Yoo jiraate eessa ( Godina, Aaanaa, Ganda/ Magaalaa. Kubbaniyyaan Oromiyaa keessatti argamuun tarkaanfilee hedduuf barbaachisaadha.

3) Kubbaaniyyaa/ qabeenya kanarrtti tarkaafii fudhachuuf namni ykn gareen tokko gaaga’ama ( risk) hammamii isa mudachuu danda’a? Galiin keenya gaaga’ama xiqqaadhaan kasaaraa guddaa geessuu ta’uu qaba.

Yaada keessan arman gaditti comment gochuun ykn inbox gochuun hamma boruutti nuun gayaa. Nuti ammoo kan harki wayyabni filate laallee gaafa Wiixataa isin beeksifna.

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …