Oduu Haaraya
calanqo 20171211

Muddee 11/2017 Godina Harargee Bahaa Aanaa Meettaa Magaalaa Calanqoo ..

calanqo 20171211 calanqo20171100 calanqo201711001 calanqo201711002 calanqo201711003 calanqo201711005 calanqo201711005 1 calanqo201711006 calanqo201711007

#OromoRevolution Muddee 11/2017 Godina Harargee Bahaa Aanaa Meettaa Magaalaa Calanqoo lafaa seenaa, Aradaawwaan Dusee fi Garmmaam jedhaman irratti Waraanni Liyyuu hayilii Somaaleefi Makalaakiyaan Wayyaanee Yakkaa Duguginsa Sanyii (Genocide) uummata Oromoo irraatti gaggeeffameen Lubbuun Ilmaan Oromoo hedduun akka wareegame ifa ta’eejira. Mootummaan Abbaa irree Wayyaaneefi Mootummaan Naannoo Somalee Yakka waraanaa uummata Oromoo irratti banaan itti fufinsaan gaggeessuun lubbuu ilmaan Oromoo barbadeessaa, qe’eefi qabeenyaa irraa buqqisaa duula sanyii balleessuu itti fufinsaan gaggeessa jiru. Mootummaan Naannoo Oromiyaa wayita yakki ulfaataan akkasii kun uummatarraatti gaggeeffamaa jiruu tarkaafii uummatarraa ittisuu fudhachuu hanqachuun isaafi Caalatti iyyuu utuu uummaatni Oromoo ifatti guyyaa Saafaa waraanni irratti banamee dhumaa jiruu warra uummata waraanaan fixaa jiran waliin ayyaana Sabaafi sablammootaa jedhee kabajaa jiraachuun yaakkaa uummata Oromoo irraatti gaggeeffamaa jiruu kanaaf gaafatama jalaa akka hin beene hubachiisa. Guyyaa har’a yakka waraanaa ilmaan Oromoo Harargee Bahaa Calanqoo irratti gaggeeffameen ilmaan Oromoo hedduu Wareegaman keessaa kanneen maqaan adda baafamanii jiran:
1. Haarun Hasan
2. Abdala Isaa
3. Muummee Adamtu
4.Tofiq Abdo
5. Mikaa’el Abdo
6. Abdiisaa Saalii
7. Abbaa Abdi Saalii kanneen jedhama kan keessatti argaman ta’uu ifa ta’ee jira. Yaa uummata Oromoo bakka jirtan hundaa of ittisuufi uummata keenya ittisuuf halkanii guyyaa itti yaadamuu qaba. Uummatni keenya dhumaa jiruuf halkanii guyyaa boqonnaa malee haa dirmannu.
Wareegamtoota keenya Gumaan isaanii Bilisummaa haa ta’u. Maatii fi firoottan isaaniif jajjabina haa kennu,
Qabsa’aan ni kufa
Qabsoon itti fufa!

CALANQOO CALII LAMMAFFAA

Abbootii teenya fixan kunoo
Arrii waan gaara ciisaa
Aayyolee teenya fixan kunoo
Callee waan gaara ciisaa
Dargaggoo keenya fixan kunoo
Reefki gaara keeysaa
Tana hunda dhagayaa
Akkamittin rafee ciisa?
Calanqoo caliidhaa
Lafee bobeeysanii
Ijaan hin arginee
Daaraa lafee sanii
Abbaan abbaa kootii
Anaaf abaabilee
Abbaan koo abbiyyoon
Inni anaas dhale
Eessa kute jennee
Gaafa nuti joollee
Aayyiyyoo gaafannaan
Calanqotti duulee
Biyyaaf wareegamee
Achirraa hin gallee
Jettee nutti himtee
Seenaa guyyaa kalee
Gumaa hin baafannee
Lafee hin awwaallee
Imimmaan keenya hin qoorree
Diinni yoom nuuf hile?
Gadda gadda gubbaan
Har’aas nuuf dabalee
Duguuggaa lammaffaa
An jiruun hin tollee!
Yaa sabakoo
Saba ijji imimmaanii
Gudeeda oromoo
Fixaati jiraa diinni
Wal irratti eeguun
Hin dhufu furmaanni
Adaraa yaadadhaa
Irbuu lafeef dhiigaa
Haqa walirraa qabnaa
Aggaammii duguuggaa
Waliin haa qolannuu
Bineeyyii alagaa
Kan duriin gargarii
Sabni jimlaan dhumaa
Lubbuumaan jiraachuunuu
Amma taate mamaa
Waa lama filachuun
Yeeroon isii ammaa
Gabrummaan jiraachuu
Yookiin bilisummaa
Baacoo MNO
Gartuu warra tasaa
Jarri dhimma lubbuutti
Har’aas nutti qoosaa
Sobduu albee lamaa
Bira taraa dhiisaa
Wal malee hin qabnuu
Iyyaa iyya labsaa
Bakka jirru maraa
Ka’aa wal kakaasaa
Waan qabnuun falmannaa
Qabsoo finiinsaa
Diina gadigaloo
Haleelaa mancaasaa
Oromiyaan tan oromootii
Oromiyaarraa baasaa
Gudeedni oromoo
Quxusuuf hangafaa
Kan du’ee awwaalaa
Galleetuma rafaa
Makmaaksa tolchinee
Qabsaawaan ni kufaa
Jechuun bira taruun
Qabsoon itti fufaa
Saba guddaa kanaaf
Kun salphina fafaa
Lubbuun wareegamtootaa
Irbuun lafeef lafaa
Gumaan dhiiga isaanii
Warra dhume cufaa
Laata akkanumaan
Badee lafatti hafaa?
Deebisaan isiidhaa
Calanqo calii lammaffaa
======================
Waloon” Limaay Wadaay

Check Also

taayyee fi abiyyi

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha …  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan …