Oduu Haaraya

Faaydaalee ganama ganama garaa duwwatti bishaan dhuguun qabdu

Namoonni baay’een qorra kanaan bishaan dhuguu mitii hin yaadaniiyyu. Haa ta’u malee, waan baayyee dhabaa akka jiran beekuu qabu. Akkasumas, bishaan dhuguuf dirqama miirri dheebuu jiraachuu hin qabaatu. Faayidaan bishaan gahaa dhuguu akkuma jirutti ta’ee, yeroo hunda utuu ilkaan hin rigatiin (sababni isaas, hancufni ganamaa amala farra baakteeriyaafi farra kulkulfannaa qaba) ganama ganama bishaan garaa duwwaatti burcuqqoo 2-3 (liitira 1) dhuguun immoo faayidaalee dabalataa hedduu qaba. Isaan keessaa muraasni:-*Dhukkuboota sirna hargansuu huban, fknf Biroonkaayitii, Asmii,fi kkf fa’aaf baayyee fayyaada.*Dhukkuba garaachaaf hedduu gargaara *Dhibee gaggabdoof ni gargaara.*Fayyummaa kalee keenyaaf baay’ee gargaara *Dhibee funyaanii, ijaa, gurraa fi qoonqoo irraa nu baraara. * Foolii afaanii fi qaamaa badaa ta’e ni hir’isa *Gogiinsa garaa fi dhibee Kintaarootii nurraa ittisa fi kkf fa’a. Asirratti erga dhugne booda ilkaani fi afaan keenya qulqulleeffaanne, wanta nyaatamuu fi dhugamu biroo (bishaaniin ala) osoo hin fayyadaamin hanga daqiiqaa 30 turuun gaariidha. 🗣#Hub: Namoonni tokko tokkoo bishaan hammamtaa armaan olitti jenne dhuguun itti cimuu, akkasumas fincaan isaan rakkisuu waan danda’uuf suuta suuta of shaakalsiisuu qabu. Kanaaf, yoo dandeessan sochii qaamaa gochaa, ciree hojjechaa, wanta biraas kan hojjettan yoo ta’e hojjechaa yookin immoo sireedhuma keessan irra ciisaa suuta suutaan dhuguu ni dandeessu.Galatoomaa!! Olmaa gaarii!!!©Dr.Caalaa Didhaa

Dr Gado

Check Also

baaduu

Faaydaa itittuu/urgoo

Furdina qaamaa hir’isuuf Nyaanni akka daakamuufKaansarii nurraa ittisuufGogiinsa garaatiifDhiibbaa dhiigaatiifKoolistirooli badaa balleessuufBareeduma rifeensaatiifFinniisa balleessuufDhibee simbiraatiifParasayiti …