Oduu Haaraya

Bu’aa baala muka ceekhaa qabu kana beeytuu laataa

ceekaa

Ummanni Oromoo durirraa kaase baala ceekhaa akka qorichaatti itti gargaaramaa ture. Qorattoonni addunyaas daawaa baalli ceekaa kun qabu akka asii gadii kanatti tarreeysan.

1. Infeekshinii ujummoo fincaanii ittisuu ni danda’a.

2. Dhiitoo fi bishaan qabachuu qaamaa hin barbaachifne ni ittisa(Anti inflammatory)

3. Carraa dafanii dulloomuu keenya ni hir’isa.

(Anti oxidants)

4. Qaamni keenya dandeettii ittiin dhibee ofirraa qolachuu danda’u ni dabala.

5. Qaamni keenya yoo madaa’e dafee akka fayyuuf ni gargaara.

6. Baakteeriyaa fi fangasiin/foorfoor akka qaama keenya hin hubne ni taasisa.

7. Guddina rifeensa keenyaa ni dabala. Fayya qabeessummaa rifeensa keenyaafiis ni tola.

8. Fayyummaa gogaa keenyaaf

9. Farra kolestroolii ti.

10. Annisa ykn humna ykn jabina qaama keenyaaf ni kenna.

11. Fayyummaa ija keenyaa eeguun argaa keenya dabala.

12. Dhiibbaa dhiigaa keenyaa ni sirreessa.

13. Ulfaatina qaama keenyaa ni sirreessa.

14. Dhibee onneef akka hin saaxilamne gargaara.

15. Iitawiina/dhiitoo xannachoota dhibeef nu saaxilan malaan nurraa ittisa.

16. Bullaa’insa nyaataaf ni gargaara

17. Mukaa’uu ittisee si’oomina uuma.

18. Qoncooruu fi dulloomuu yeroo malee gogaa keenyarraa ittisa.

19. Dhibbee gaastirik (Gastric,) ittisuuf fi fooyyessuuf gargaara

Itti fayadama isaa

Akkuma shaayitti guyyatti burcuqqoo 2. oll hin dhuginaa

Faayidaan Mooringaa(Shifarraa) danuu ta’uu hubannee fayyadamuun abshaalummaa dha!

Dr. Jirenyaa. S

Maddi: WHO healthiest food guidlines and summary researches

Cheekhaa

Check Also

Faaydaa yookiin bu’aa tiinii/shookaa kana beeytuu laataa?

tiinii Faaydaa yookiin bu’aa tiinii/shookaa kana beeytuu laataa?1. Akka qorannoon agarsiisutti, warra dhibee sukkaraa gosa

2 comments

  1. CEEKHAA JECHUUN MORINGAA JECHUUDHAMOO NAANNOO KEEMYATTI CEEKHAAN KAN BIRAATI

  2. me faakii isaa but erga

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *