Berhanuu Hundee
Nagaa fi tasgabbii uummata Oromoo eegsisuuf akkasumas Oromiyaa jeequmsa keessaa baasuuf, WBOn bosona keessaa bahee; gara uummata isaatti deebi’ee; humna addaa Oromiyaa akka ta’u warra hawwan keessaa ani tokko dha. Kanaafaan yaalii Guumiin Abbootii Gadaa godhaa turani fi jiran deeggaraa ture. Kuni immoo uummatni keenya jeequmsa keessaa bahee; nagaan bahee galuu akka danda’uuf jecha malee, kaayyoon WBOn manaa baheef galii isaa gahe jechuufii miti. Akkuman kanaan duras barreessee ture, jijjiirama dhufe kana keessatti Itoophiyaatu bilisoome malee Oromoo fi Oromiyaan hin bilisoomne. Maaliif yoo jedhame, gaafiileen uummata Oromoo ciccimoo ta’an ammallee deebii waan hin argatiniifi.
Haa ta’u malee, yaaliin WBO mooraatti galchuu kun waan milkaa’e hin fakkaatu. Wanti hubatamuu qabu, dhimmi kun gonkumaa hin milkaa’u jedhee jala sararuu kiyyaa miti. Karaa sirrii fi haqa ta’een yoo hojjetame, wanti hin milkoofnef hin jiru waan ta’eefi. Akkan amma hubadhutti, yaaliin kun karaa sirrii ta’een waan calqabamenatti hin fakkaatu. Akka yaada fi laalcha kiyyaatitti maal ta’uu qaba ture? Yookaaniis immoo ammas carraan waan jiruuf maala ta’uu qaba? Kanaaf qabxiilee tokko tokko kaasuun barbaada. Qabxiileen kun yaada dhuunfaa kiyyaa ti malee, ABOfis ta’ee, WBOf dubbachuuf akka hin taane hubatamuu qaba.
Akka natti fakkaatutti, haalduree gara motummaatiin barbaadamutu hojiirra oolaa jira. RIB mooraatti kan deebi’u yoo WBOn gutumaa guutuutti mooraatti gale waan jedhu natti fakkaata. RIBn immoo bakkee tokko tokkotti rakkoo uumaa akka jiru himamaa ykn dubbatamaa jira. WBOn mooraatti galuuf murtiirra akka hin geenye kan godhu immoo rakkoolee uumamma jiran kana ta’uu mala jedheen yaada. Kanaafan qabxiilee armaan olii kana akka furmaataatti kaa’e. Dhimmi kun akka salphaatti laalamuu hin qabu. Nagaan bu’uu baatnan rakkoon dhufuuf deemu addatti kan Oromoo fi Oromiyaa akka ta’u hunduu hubachuu qabu. Oromiyaan jeequmsa keessaa bahuu qabdi. Gaafiin uummata Oromoos deebii argachuun dirqama ta’a. Kuni ta’uu baatnan rakkoolee dhuma hin qabne keessa seenna.
Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…
Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…
Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…
Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…
Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ... Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…
December 10, 2023 Leenjiso Horo This article addresses the issue of the Oromo failure to…