Oduu Oromiyaa

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha … 

Nagaa

Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata. Kun diina waliin otoo hin taane obboleeyyantu wal-nyaata. Akka sabaa fi akka biyyaa danuu kisaarre. Kisaaraa sabaa haga tokko duraan agarre. Isa hafe ammoo boruuf bulfanna. Amma rakkoo ilmaan miseensa fi hooggantoota paartii keenyaa irraa xinnoo dubbanna. 

Akkuma nuuf toletti hoogganna. Tarsiimoo fi himaammata jechaan qofa beekna. Dhibee maraafuu qorichuma tokko laanna. Gaafa rakkoon nageenyaa dhalatu hooggansa gubbaa gadi bobbaasuun dhamaafna. Nama qonna ykn daldala barate waraana hooggansiifna. Warra adeemsa kana qeequun mala biraa akeeku ni arrabsina. Gabaasa dhugaa dhagayuu ni jibbina. Ganna shan guutuu kana goone. Garuu rakkoo ni hammeessine malee hin hiikne. Kana keessatti jaallan danuu abidda nyaachifne. Sun takkaa nu hin dhukkubsine. Lakkoofsa jaraalleen qixaan hin himne. Wareegama jaraa ammoo akka injifannootti himanne. “Jaallan danuu wareeguun keenya qabsoo ajaa’ibaati” jenne! 

Ofii qananii guutuu qabna. Ajjeechaa, cinqii fi dhiphina jaallanii yoom yaadanna? Ganama fuula guurree qajeelfama ijaa fi miila hin qabne kennina. Guyyaa harka caalu dallaalaa waliin dabarsina. Faarsee bulaafis suuraa kaanee keessaan ergina. Hooggansa gadi bobbaafne yoosuu daganna. Bilbilayyuu jalaa kaasuu rakkanna. Galgala ammoo diimina cuffataa wuskii cirrikfanna. Waan namiifuu akkana tole seena. Ija kamiin rakkoo sabaaf miseensaa hubanna? 

Jaallan wareegaman ilmaan qabu. Nuti garuu san quba hin qabnu. Beelaa-dheebuu ijoollee jaallan wareegamanii hin yaadannu..Yoo yaadannes itti hin dhiphannu. Guyyuu waan paarkii fi dirree kubbaa odeessina. Daa’imman sooressaa waliin taphataa suuraa kaana. Ilmaan hiyyeessaa irraa yoom dhimma qabna? Ijoolleen keenya gurguddaan Awurooppaa fi Ameerikaatti barata. Xixiqqaan ammoo paarkii babbareedaa “qormaata keessatti ijaarre” keessa taphata. Ijoollee wareegamtootaa danuu garuu haadha hiyyeettitu kophaa waliin rakkata. Kanneen haadhaaf abbaa dhaban ammoo tisiisa,  injiraan, dhibee fi beelatu nyaata. Gaafan waajjira paartii ture “Mala ijoollee wareegamtootaa (hooggansa, miseensa, poolisii fi milishaa) ittiin deeggarru haa ilaallu” jennaan natti dheekamame. Yeroo dheeraa booda ol dabarsinaanis ni didame. Duuba ida’amuu fi badhaadhinni jenne isa kanaa? Dhugaa fi beekumsaan biyya hoogganuun akkanaa? Moo qoosaaf jecha guyyuu “Obbolummaa, kabaja lammiilee fi sab-daneessummaa” jenna ? 

Dubbii guyyuu dhagayamu lama hubatuu dadhabne. Tokko isa “Waan harkaa qabnutu nu harkaa bahaa hin dubbatinaa” jedhamu.  Mee adaraa maal jechuu keenya? Bilisummaa fi qananiif jecha wareegama qaalii baasuun qabsoofne. Amma garuu lubbuun jiraatuu fi du’aa awwaallatuufuu rakkanne. Duuba waan gatii baasu maal harkaa qabna? Wanni harkaa qabnu kun hoo yoo qe’ee keenya hin nageessin, yoo ajjeefamuu fi dararamuu nu hin oolchin, yoo kabaja nuuf hin dabalin, yoo wal-ajjeechaa keessaa nu hin baasin maal ittiin goona? Roorroo fi gadadoo keessaa saba baasuuf malee nama tokko nugusoomsuuf ykn jaalaa soddaa dallaalotaa fi hattoota muraasaa sooromsuuf yoom qabsoofne? Dubbii waan harkaa qabnuu tana ofirraa ijibbaanne! 

Kuun isa qormaata keessatti raajii hojjatuu himannu. Waltajjii mara irrattuu dhaadannoo tana hin dhiifnu. Tarii as irratti dhugaa qabaatuu hin oollu. Gorsa hayyootaa diduu fi marii keessoo lagatuun qormaata nagaa, diinagdee, bulchiinsa fi dippiloomaasii biyyaa gaaga’e uumne. Ammoo saba hanqina keenyaan buqqaafame, saamame, dararame, beelawee fi dhibameen “Paarkii fi masaraa daawwadhaatii bashannanaa” jenne. Waan akkanaa seenaa biyya lafaa keessatti takkaa hin dhageenne! Dhuguma raajii hojjanne! Garuu qormaanni nuti ittiin dhaadatuuf uumne daa’imman silaa pirezedantii, ministeera, doktera, injiinera, koloneela, jeneraala fi kkf ta’uu danda’an meeqa akka kichuutti kute hubannee? 

Maraafuu amma dubbii darbaa haa dhiifnu. Qajeeltoo jalqaba kaayannetti haa deebinu. Marii fi araara dhugaatti haa fuulleffannu. Obboloota wal-nyaachisuu haa dhaabnu. Obbolummaa afaanin jennu qabatamaatti haa jiraannu. Harka ormaatiin boolla jawwee safaruu haa dhiifnu. Yoo dararamii fi ergaramni sabaa nu mararuu baatellee,  ijoollee jaallan wareegamanii fi hooggantoota hardha aanaa-godinatti hirriiba malee bulaniif jecha nagaa haa buufnu! 

Ususa naggaadee jeequmsaa danuu dhageenna. Ammoo nu nagaa sabaaf jecha waan araaraa dubbanna. Haga eessaa akka deemnu sirriitti beekna. Murni dubbii nagaa kana jibbu jiraatuus quba qabna. Garuu biyya Looretii Nagaa Addunyaatiin bultu keessatti wal-ajjeechaa obboleeyyanii, jeeqama sabaa fi gadadoo ilmaan jaallanii dhaabuuf nagaa lallabuun gatii nu kanfalchiisa taanaan wareega hunda ni baafna! Caba siyaasaa obboleeyyan wal-nyaachisuun qe’ee sabaa hongeessu kana marii dhugaa hunda hirmaachiseen dhaabuu qabna. Hayyooti, jaarsoti, sooreyyii fi  hoogganooti keenya  yaada kana akka tumsan cimsinee gaafanna.  Addatti ammoo qarooma, tokkummaa fi cichooma saba gadadoo keessa jiruu abdanna. Duunus jiraannus hattuu fi shirtuu gadadoo sabaatiin nagadduu fi maqaa sabaa cabsitu ni moona! Nagaan nagaaf dhaabannee naagaa, bilisummaa fi qananii sabaa dhugoomsina! Kun hin jigus hin dhangala’us! 

Nagaa, nagaa, ammas nagaa! Nagaan Badhaadha! Lafa nagaan hin jirre badhaadhinni hin jiru!

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

5 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

5 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

5 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

5 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

8 months ago

Ethiopian Empire: Socialism and Federalism as Schemes to Avert its Breakup

November 10, 2023 Fatansaa Sulee Shogodoo    The interest of this article is not to do…

9 months ago