Categories: Oduu Oromiyaa

Gochaa suukanneessaa wayyaneen ilmaan Oromoorratti gad gessaa jirtu kan afakkaata

GARA JABEENYA WAYYAANEE!

Maqaan isaa Gaaddisaa Shariif jedhama. Barataa kutaa 10ffaa ture. Haadha hin qabu. Abbaa isaa obbo Shariif Ahmad waliin godina Harargee Bahaa, aanaa Guraawwaa, ganda Birbirsa Sa’idoo jedhamu keessa jiraataa ture. Jireenya ulfaataa ta’e keessatti obbo Shariif, haadha malee ilma isaa kana guddisaa barsiisaa kutaa kudhaniin gahee ture; hawwii guyyaa tokko ilmi kiyya naaf baratee rakkoo kana keessaa nabaasa jedhuun. Garuu hawwiin isaa kun bakka yaade hin geenye. Bakka gahuu qofaa miti, akka hin taanetti karaatti hafte.

Ilmi isaa Gaaddisaan luubbuu isaa hambisuuf waraana Wayyaanee jalaa fiigee ganda namaa seene. Abbaanis argee ilma kiyya ajjeessuufi jedhee jala seene. Ilma isaa kana Wayyaaneen mana jala seentee abbaa jalaa qabdee gadi baafte. Haala suukaneessaa taheen ilma isaa kana Wayyaaneen isa duratti rasaasa lamaan dhooytee erga kuffistee booda lafattis itti deebifte. Abbaanis, eega ilma kiyya ajjeeftanii anas na ajjeessaa jedheen. Sababa kanaan abbaallee tumaan caccabsanii lafati darbanii biraa deeman. Ilmi isaa garuu hospitaala Harar geeffamee waldhaanamuuf yaalamullee, dandamachuu hin dandeenye. Guyyaa kaleessaa Gaaddisaa Shariif addunyaa kanarraa boqote. Rabbiin jannataan haa qananiisu jechaa, warra isaaniitii fi Oromoo maraaf sabrii haa kennu.

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

6 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

6 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

6 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

6 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

9 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

9 months ago