Categories: Oduu Oromiyaa

Baqattoonni Oromoo 5 Yemen keessatti haala suukanneessan ajjeefaman

Baqattoota Oromoo Adan Yaman:-

Uu’uu’uu’uuu uuuuu

Yaa ilmaan Oromoo biyya keessaa fi alattis kabajaa dhabne,……

Gochaa suukanneessaan fi gaddisiisaan nama aarsu Baqattoota ilmaan Oromoo 5 fi Amaaraa Gaashaaw jedhamu 1, Akkasumas lammiilee biyyoota biroo Hindii 2, Ruwaandaa 2, Keeniyaa/Kenya 1, fi Yamanoota 6 walii gala namoota 17 irratti tarkaanfii Alqaaydaan Jimaata dabre,Mooraa dhaabbata Mission keessa qaxaramanii hojjachaa turan irratti raaw’atamee dha.Kunis Bulchiinsa shekh Osmaan, Aden-Yemenitti gaafa Jimaataa Bitootessa 5/2016  haala nama gaddisiisuun harka isaanii duubatti deebisanii erga hidhanii booda rasaasaan mataa mataa dhawamniiti kan isaan ajjeefaman.

Isaanis:-

1-Gazaalii Haaji Nashaa, Bakki Dhalootaa Arsii, Ganda:Moddollee-Kombolchaa,

2-Miftaahuu Abbaa bulguu abbaa jawwee Bakki dhalootaa Jimma, Aanaa Geeraa.

3-Ibsaa Ahmad Haajii Bakki dhalootaa Harargee, Araddaa Deefoo,

4-Abdarrahmaan,Harargee ….Gaara Mul’ataa,

5-Abdallaa Amiin Ibraahim,Bakki Dhalootaa Harargee, Ganda:Baabbile

Community Oromo Aden gaaffii  bulchiinsa mootummaa Yemen kibbaaf reeffa isaanii akka awwaallannu dhiheesse.Bu’aa bahii torban tokkoon booda hayyamni gama mootummaa argame.

Akka kanaan Sirni awwaalcha isaanii guyyaa har’aa bakka Baqattooti oromoo, Hoggantooti Community Oromo Aden/Yemen fi bakka bu’ooti mootummaa Yemen kibbaa argamanitti Bitootessa 10/2016tti  Mansuuraa,Aden-Yemenitti haala bareedaan raaw’atamee jira.

Rabbiin isaanitti ha araaramu!
Firaa fi Maatii isaan irraa hafanii fi nuufis rabbiin obsaa fi jajjabina ha kennu.
——————————————————–
Baqattoota Oromoo Adan Yaman:
Dhaamsa lammummaa Abbaa Oromoo fi Haadha oromoof, Akkasumas
Ilmaan oromoo biyya keessaa fi alaaf,
Yaa oromoo kabajaa dhabne,……Kabajaa ofitti ha deebifnuu?Biyyuma abbaa keenyaa itti dhalanne keessatti mootummaa fashistii wayyaaneen dhiigni oromootaa quilqulluu dhibbootaan lakkaawwaman akka lolaa gannaa dhangalaafamaa,Ajjeefamaa, Hidhamaa, Itti roorrifamaa, Daa’ima waggaa 8 hanga jaarsa waggaa 8tti kan sal-phifamaa jiru nu oromoo dha . Akkasumas biyya itti dahannettis nagaa dhabuun jan ajjeefamaa fi dararamni irra gahu ilmaan oromoo ti.

Biyya abbaa keenyaa Oromiyaa waan hundaan badhaatuu, Magariisa rabbiin nu badhaase, Qabeenyi isii nurra dabree ummata Gaanfa Africa iyyuu  diinaaf dhiisee  waan nyaatu fi kaasu dhabee kumootatti kan lakkaawwaman biyyaa baqachaa jiran irra jireessi oromoo dha, Biyyoota ollaatti rakkoo fi dararamni irra gahu,…Imala hamtuu karaa giddu galeessa bahaatti qajeeluun Baharatti dhidhimee kan irbaata Naachaa fi Qurxummii  tahe,……….Warri carraan godhee bahara ce’an Yemen keessatti balaa adda addaatu irra gahaa jira,…… Akkasumas gara gammoojjii Saharaa Africatti imaluun kan irbaata bineensaa tahaa jiru ilmaan oromoo meeqaatam? …

Yaa oromo kun hanga yoomii itti fufaa???

Karaa keenyaan kan jennu biyyaa baqachuun ha dhaabbatu;ga’e.
Lammii keenya du’a rakasa akkanaa du’uu mannaa biyya ofii irratti diina of loluun mirga abbaa biyyummaa isaa fi of bilisomsuuf qabsaawaa du’a seenaa qabu du’uutu furmaata.

Baqattoota Oromoo Adan Yaman
Bitootessa 10 / 2016

 

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

6 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

6 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

6 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

6 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

9 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

9 months ago