Categories: Yaada

Weyyaanneen yeroo hunda rakkoo mudatuuf deebii qopheessitee teessi.

Bishaan Darba Gaheen

‪#‎OromoProtests‬
Moggaasa Sobaa Weyyaannee.
….. ……. ……. …. ……. …… …… …. ……. ..
Dhimma Naannawa ofii(dhuunfaa)
…………… ……… …….. …….. …….. …….. …
kufaatii itti dhufeef akkuma weyyaanneen Rakkoo bulchiisa gaariitti maxxansite, akkuma OPDOtti obbaafattee, haqattee teesse,.. Kunoo aanaalee Hundattis OPDOonni ammoo rakkinni nutti galekun rakkoo kira-sassaabdummaa keenyaati jedhanii jiru. Yeroo ammaa kana sababoonni sobaan fakkeessanii tooftaa weyyaannotaan akka irratti hin dammaqamne fayyadamaa jiran kira-sassaabdummaa, dhiphummaa, Oftuulummaa fi rakkoo bulchiisa gaariiti.
Jechoota kana mee ballifnee madda isaanii fi burqaa dhufaatii isaanii haa ilaallu. Weyyaanneen yeroo hunda rakkoo mudatuuf deebii qopheessitee teessi. Fkn yeroo rakkoon jiru rakkoo bulchiisa gaariiti jedhamu ummanni dhugaa se’a, gaaffiin gaafatamuu qabu garuu Rakkoon bulchiisa gaarii eenyurraa uumamuu jalqabe? Eenyu biraa qaawwa argata ? “Directly” weyyaannota biraati. Maalif rakkoon bulchiisa gaarii hinfuramneree ammayyuu jirahootii ? Weyyaanneen mataanshee furuu dandeessi garuu furuu hinbarbaaddu. Nuti wal lollee ofii nagaa jiraachuu barbaaddi, yoo tokkoomne isheedhaaf hamaa waan ta’eef jechuudha.

Rakkoon kira-sassaabdummaa garuu rakkoo Obboloota keenya OPDO miti, kaabinoonni, hooggantoonni biyyattii Oromiyaa ammaa nunkomatinaa. Balleessaan kira-sassaabdummaa isin miti waan ta’eef. Rakkoon kira sassaabdummaa garuu maddi isaa hanqina baajataa, durgoo fi xinnaachuu fi ga’uu diduu mindaa hojjetaa hundaati. Namni mindaa ga’aa irratti darbee waan biraa kan isa kajeelchisu hanqina qabeenyaa qofa, hooggansi baajata projektiif itti kennameen mana ijaarrachuun rakkoo mindaan isaa gahaa akka hintaanee fi qaalayinsi jireenyaa gurgurtaa meeshaalee weyyaanneetiin beekaa kan taasifaman ta’uu isaa kan agarsiisudha. Weyyaanneen mataanshee beetti akka baajeti dhufu hundi mana ijaarsa kaabinootaa hundayyuuu hingeenye garuu akka dubbichi jeratti maxxanfamuf dhiifti. Jerris manatti fixanii danda’anii misooma biyyaa gaafatuuree ?Mindaan hojjetaa kuma afur(4000), afurtamii torba(4700) tahuun maalgodha, yoo gabaatii ammoo bittaan meeshaa jireenyaa mindaa namaa caalaa hindabalu ta’e malee ? OPDOn garuu gaaffii mirga sabasaatii gara kanatti jijjiiree gaafachuu dadhabeeti isa weyyaanneen xibaartuun guutamee galee ummatas guuta. Gaaffii qabna, biyyattii kira sassaabdummaatu kuffisaa jira erga ta’eetiimaalif Kaabineen keenya hundi gamoo hin ijaarratuu ? Mee yaadaa horiin kira sassaabdummaan dhume ummata hagam tajaajila ture ? Kira-sassaabdummaa keessatti inni kufe maaf adabbiitti hindhiyaatu ? Humni gamoo adda addaa ijaaru maaf finfinnee keessa qofa ta’ee ? Maaf biyyi aanaan hinsooromu ? Sababnisaa siistamichatu achii ol qofaadha.

Nuti ummanni Oromoo yoo eenyuyyuu(kaabinee, bulchaan, hooggansi) duroome wanti nugubu tokko hinjiru, kallattiidhaan karaa gabaabaa isin hojjechiifatee kan gamoo meeqaatama finfinnee keessatti sooromee ijaarratee tola dhugaa jiru nutti mullannaani malee. Dubbiin dubbii deebii sobaa rakkoo uumametti weyyaanneen laattu buruqee haadubbatamu, OPDOn hinsobaminaa. Gemmoo jijjiiruun ittoo hin mi’eessu mammaaksi jedhu kanaafi. Kanaafuu kan nuhiyyoomsaa jiru weyyaannedhuma malee kira sassaabdummaa ykn Bulchiisa gaarii miti.

Dhiphummaas yoo ta’e kan akka biyya itoophiyaatti yaadu hinjiru, erga H/Maariyaam Dassaaleny taaytaatti dhufees ummati kibbaa yeroo jalqabaaf jannata lafarraatti galee jiraa. Yeroo biyyasaaf gaaffii Oromoon gaafatu ammoo dhiphoo jedhama. Gaaffii gaafachuu dura namni dhiphummaa, naannummaa, kira sassaabdummaatti hiikamaa laata jedhee ofsodaata, kanaaf lammata gaaffiin mirgaas, biyyaas hinaasa’amu jechaadha waanuma itti kenname irratti waltumuu malee kkkk.

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

2 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

2 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

2 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

2 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

5 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

5 months ago